Qamaleen mobaayila barataa jalaa hattee suura of kaastee deebisteef

Madda suuraa, Zackrydz Rodzi
Lammiin Maalezhiyaa mobaayilii isaa bade tureerratti suuraa qamalee of kaasteefi viidiyoo argachuu isaa hime.
Mobaayiliin isaa jalaa bade guyyaa tokko booda bosona mana isaa duuba jiru keessaa argate.
Viidiyoon qamaleen mobaayilicha nyaachuuf yeroo jettu agarsiisu erga tiwiitara gubbaa gadhiifamee booda baay'ee qoodame.
Kan viidiyoo kana gadhiise barataa Zackrydz Rodzi jedhamudha.
Akka inni jedhutti yeroo ciisutti mobaayiliin duraa bade. Ta'us, akkitti jalaa bade ammallee ifa miti.
Dabalataan, akkamiin suuraafi viidiyoon qamalee mobaayilisaarra akka argame mirkaneessuun hin danda'amne.
Zackrydz, ganna 20, BBC'f akka himetti gaafa Sambata darbe ganama sa'aatii shanitti hirribaa yoo ka'u mobaayiliin isaa badee bare.
''Hanna ta'u isaaf mallattoon homtuu hin jiru. Wanti kuni toshaayi,'' jedhee of gaafatuu isaa barataan waggaa xumuraa kompitar Saayinsii Baatu Pahaat BBC'tti hime.
Sa'aatii muraasa booda viidiyoon BBC'f qoodameen qamalee mobaayilii isaa nyaachuuf yoo yaaltu mul'isa.
Akka barataan kuni jedhutti hanga Dilbata waaree boodaatti bilbila isaa argachuu hin dandeenye. Boodarra abbaan isaa mana isaanii duraa qamalee argani.
Bilbila isaarratti yeroo bilbiluu mana isaanii duuba baala meexxii jala argachuu isaa dubbata. Bilbilli isaa xuraa'ee ture.
Eessumni isaa tarii suuraan mobaayilicha hatee mobaayiliirraa argamuu mala jedhee itti qoose.
Erga mobaayilii isaa qulqulleessee booda yoo argu ''suuraan qamalee keessa guuteera.''
Akka barataan kuni jedhutti tarii qamaleen kuni karaa foddaa seenu hin dhabu jedhee shakka.
Suuraan qamalee of kaaste kana durallee ijoo dubbii miidiyaalee ta'ee ture.














