Yuukireenitti butaantaan namoota liqaa kaffaluu dadhabanii caalbaasiif dhiyaate

Abutaantaa nama maallaqa liqeeffate caalbaasiif dhiyeeffame

Madda suuraa, SETAM

Ibsa waa'ee suuraa, Butaantaa nama maallaqa liqeeffate caalbaasiif dhiyeeffame

Yuukireenitti namoota maallaqa liqeeffatanii otoo hin kaffaliin hafan irraa meeshaalee mootummaan dhaale keessa tokko butaantaadha.

Butaantaan walakeessa magaalaa Kiriviyi Rih jedhamturra kan fudhatame wayita ta’u, marsariitii Ministeera Haqaa biyyattiirratti beeksisaa caalbaasiif dhiyaate.

Gatiin caalbaasii butaantaa tokkichaa maallaqa biyyattii Hiriviniyaa 19.4 ykn doolaara 0.70 irraa jalqaba.

Butaantaa qofaa otoo hin taane, hoolotaa fi loowwan caalbaasiitti dhiyeeffamanii jiru.

Weerarri koronaavaayirasii lakkoofsi lammilee Yuukireen liqii fudhachuuf galma’aan miliyoona lama ol akka darbuu taasiseera.

Lakkoofsi namoota liqii fudhatanii bara darbe 300,000tti ol guddachuu ragaan BBC’n biyyattirraa argate kan agarsiisu.

Bara darbe saroonni lama namoota liqii fudhataniirra fudhatamuun erga gurgurtaaf dhiyeeffamanii booda lammilee biyyattii dheekkamsiisuti himama.

Saree caalbaasiif dhiyaate

Madda suuraa, Setam

Ibsa waa'ee suuraa, Saree caalbaasiif dhiyaate

Dubartiin soorama baate tokko liqii ofirraa kaffaluuf saree ishee akka gurgurtu miseensi paarlamaa biyyattii Yivginiy Birahar jedhamu erga yaada dhiyeesse mata duree qoosaa ta’ee ture.

Sababii weera Covid irraan kan ka’e Yuukireen kufaatii dinagdee waggoota kurnan darbe keessatti mudatee hin beekne keessa seenuu malti jedhu ogeeyyiin diinagdee.

Kufaatiin dinagdee kun lammilee biyyattii miliyoona 41 keessaa miliyoona sagal hiyyummaa keessa buusa sodaa jedhutu jira.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii qorannoon gaggeese akka agarsiisutti, weerarri Covid erga jalqabe maatiin lammilee Yuukireen 40% ta’an keessaa yoo xiqqaate namni tokko hojii dhabeessa.

Ministeerrii Haqaa biyyattii qabeenya sababa liqaa deebisuu dadhabuun fudhataman muraasa ijoollee warra hin qabne, hoospitaalaa fi manneen barnootaaf arjooomeera.