Saroonni liqaa nama isaan dhuunfatuu baasuuf caalbaasiif dhiyaatan

Madda suuraa, Setam
Dhaddachii biyya Yukireen tokko abbootiin saree liqaa isaan irra jiru kaffaluu dhabuu isaaniif saroonni isaanii akka jalaa fudhataman murteesse.
Achis saroonni manni murtee haa fudhataman jedhee itti mure kunniin gama Intarneetaan caalbaasiif dhiyaatan.
Namoonni hedduun jalqaba beeksisa kana yoo argan qoosaa se'an. Beeksisni caalbaasii kun marsariitii mootummaan hoogganamu tokkorratti maxxanfame.
Booda dubbiin dhugaa ta'uun beekame. Saroota lameen keessaa tokko nama isa bitachuu danda'u argateera. inni hafe ammayyuu abbaa hin arganne.
Gatiin saree isa tokkoo $48 yoo ta'u kan isa biraa gatii kanaan gadiidha jedhameera.
Miidiyaa hawaasasarratti saroonni waa hin beekne kun sababa kanaan caalbaasiin gurguramuun sirrii mitii jechuun qeeqaniiru.
Ministirri haqaa biyyattii saroota kana abbaa isaan dhuunfatee turerraa dhaaluun sirri dha jedhan. kan dhaalaman sababa liqaa nama isaan dhunfatee tureeni jedhanii, bakka saroonni haalaan hin kunuunfamnetti dhaalamuun isaanii nama isaan kunuunsu akka argatan godhas jedhan.
Miseensi paarlaamaa biyyatti gochu kun sirrii mitii jechuun qeeqe saroot kana keessaa isa tokko waan ofii isaatii bituuf caalbaasiin kun ni xumurama jedheera.













