Sarooti shan barattoota gargaaruuf yunivarsiitii Miidilseeks galan

Sarooti shan yunivarsiitii Miidilseeks Landanitti argamutti hojii barattoota yeroo qormaataa dhiphataniifi barumsa dhiisuuf saaxilaman gargaaruuf hojii jalqabani.
Sanyiin saree Laabraadoors jedhaman ''saroota barsiisa gargaaran'' ta'aniiru, kunneen fayyummaafi nageenya sammuu barattootaa fooyyeessuu irratti hojjetu.
Sarooti shanan kunneen kaardii eenyummaa mataa isaanii qabu.
Hoggantuun kutaa fayyaa yunivarsitichaa Fiyoonaa Suuzars '' dhiphinni yeroo hir'isu kallttidhumaan sitti dhagahama jetteetti''

''Baayyee namattii tola kana bal'inaan itti fufu barbaaanna''
''Bu'aa saree daree keessatti xiyyoora ciistu qabaachuu ibsuun nama rakkisa.''
''Jalqaba yaada kana yoo dhiyeessinu fiixaan ba'a jennee hin amanne turre''
Suuzars, sarooti kunneen leenjii addaa fudhataniiru miira sirrii akka qabaachuu isaaniifis sakkatta'insi cimaan taasifameeraafi jedhan

Baatii darbe chaansilarii ittaanaan Yunivarsiitii Baakingihaam Sar Antoonii Seeldoon saroota mana barumsaa keessatti dhiphina hir'isuuf fayyadamuun deeggaraniiru.
''Mana barumsaa keenya keessatti fayyaa sammuu fooyyessuuf kuni tarkaanfii isa si'ataafi guddaa dha.
Yoo xiqqaate ijoolleen nageenyai akka itti dhagahamuuf sareen tokko mana barumsaa biyyatti keessa jiran keessa jiraachuu malu'' jedhan












