Firaans: Dubartiin ulfaa saroota adamoorra turaniin ciniinamtee duute

Madda suuraa, Charles McQuillan
Dubartiin Firaansi kaaba biyyattii keessatti saroota naannichatti adamoorra gaggeefammurra turaniin ciniinamtee duute
Namoonni dhimma kana qorachaa turan dubartiin ganna 29 ulfa turte kun, yeroo sanatti saroota ishee wajjin adeemaa kanturteefi ciniinamtee erga duute booda handaara magaalaa Villers-Cotterêts keessatti argamte.
Dubartiin kun qaamashee iddoo hedduurra ciniinamtee akka turte poolisiin adda baaseera.
Saroota balaa kana qaqqabsiisan adda baasuuf saroota 93 irratti qorannoon gaggeeffamaatti jira.
Saroonni qabeenya dubartii kanaa ta'an shanan kanneen qoratamaa jiran keessatti argamu.
Akka qorannoon mul'isutti dubartiin kun mataa, garaa fi harka irra ciniinamtee baay'ee miidhamte.
Poolisiin akka jedhutti qorannoon yakka hamaa kana adda baasuuf eegalameera.

Madda suuraa, Getty Images
Ragaan poolisii akka mul'isutti dubartiin kun saroonni hedduun akka ishee marsanii turanii fi hedduu sodaattee akka turte bilbilaan abbaa manaa isheetti himteetti.
Yeroo xiqqoo booda garuu reeffa ishee argee, saroonni ishee ammoo gaddanii boo'aa turan.
Wayita sana tuuri saroota adamoof leenji'faman kun duula adamoorra turan.
Pirezidaantiin eegumsa bineensotaa Brigitte Bardot yeroodhaaf namni gara naannawa kanaa akka hin geenye ajajan.
Waldaan Adamsitootaa Firaansi saroonni adamoorra turan dubartii kana ajjeesaniiru kan jedhu ragaan agarsiisu hin jiru jedhan.

















