Antoonii Jooshuwaa: Coomuun bunyaa injifachuuf attamiin nama gargaara?

Andii Ruwiiz fi Antoonii Jooshuwaa

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan bunyaa chaampiyoonaa addunyaa ta'e Antooniyoo Jooshuwaa kan takkaa mo'amee hin beekne taphataa furdicha tilmaama hedduu hin argannee Aandii Ruwiiziin injifatamuun waan addunyaan hin eegne ture.

Lammii Meeksikoo kan ta'e Aandii Ruwiiz muuxannoo hedduu kan hin qabneefi furdina isaarraa kan ka'e ni mo'ata jedhee kan eege hin turre.

Namoonni hedduun dhaabbii qaamaa isaa ilaalanii kan itti qoosan namni kun inumaa furdinni isaa injifachuu isaaf sababa ta'uu hin oolle.

Coomni qaama namaa keessa jiru akkamiin dorgommii bunyaa injifachuuf akka gargaaru sagantaan BBC 'Newsbeat' bira gaheera.

Andii Ruwiiz

Madda suuraa, Getty Images

"Tapha ispoortii akka bunyaa ulfaatina guddaa keessatti, cooma dabalataa qaama ofiirraa qabaachuun faayidaa qabeessa ta'uu mala" jedhu ogeessi sirna nyaataa ispoortii Dr Mayur Ranchordas.

Wanti murteessaan madaala irree (muscle), cooma qaamaa (fat) fi gahumsa ykn jabina qaamaa (fitness) eeguudha jedhu.

"Atileetota wayita leenjifnu wanti jalqaba goonu madaala qaama isaanii safaruudha - kana jechuun hamma irree isaanii (muscle mass) fi hamma coomaa irree isaaniitti marsee jiru (fat mass) adda baafachuudha."

"Dorgomaa bishkiliitii jabaa ta'uu yoo feete, coomni irree keetti marsee jiru homaafu si hin gargaaru. Bunyaa keessatti garuu akkasii miti."

"Ulfaatinaa qaama dabalataa kiilogiraama 20 yoo qabaatte - yoo ulfaatinni sun guutummaatti cooma ta'ellee, jabinni bunyaa keeti morkataa keetti caalaatti dhagaa'ama."

Andii Ruwiiz fi Antoonii Jooshuwaa

Madda suuraa, Getty Images

Kanaaf ulfaatinni dabalataa humna cimsa. Garuu jabina qaamaa waliin madaala eeguu qaba.

"Qaamaa kee keessa coomni dabalataa jiraachuun ariitiin rukuttaa onneekee olaanaa taa'a. Olii gadi socho'uufis humna dabalataa si barbaada."

Namtichi jabina qaamaa ulfaatina isaa ittiin sochoosuu fi to'atu hanga qabaatetti coomni qaama keessa jiru ykn ulfaatinni qaamaa dabalata faayida qabeessa jedhu Dr Ranchordas.

Andii Ruwiiz fi Antoonii Jooshuwaa

Madda suuraa, Getty Images

"Dandeettiin saffisuu kee olaanaa taanaan ammoo humni bunyaa keetii daran jabaa ta'a."

Sababni Ruwiiz taphataa bunyaa chaampiyoonaa addunyaa ta'e Antoonii Jooshuwaa mo'ateefis kanuma ta'uu mala jedhu ogeessi kun.

"Ruwiiz coomaa hedduu qabaachuun isaa garuu dogoggoraan hubatamuu hin qabu, cooma sana jala irree jabaatu jira."

"Jabina irree isaa irratti coomni ykn ulfaatinni dabalataa jiraachuun morkataa isaa akka injifatu isa gargaareera" jedhu ogeessi kun.