Koroonaavaayiras fi ispoortii: 'Waliirraa hiiqanii' akkamiin tapha bunyaa gaggeessu?

Zamora with his baby daughter

Madda suuraa, Carlos Herrera

Taphni bunyaa (boxing) akkuma taphoota ispoortii kaanii sababa weerara Covid-19 addunyaa cinqe kanaaf dhaabbateera. Haatahu malee guyyoota muraasaan dura biyya Nikaaraaguwaatti waldorgommiin bunyaa adeemsifame qalbii addunyaa hawwatee ture.

Ogeessi suuraa Carlos Herresa sagantaa kana suuraan kaasuun seenaaf olkaa'eera.

Waldorgommiin kun ji'a tokko keessatti waldorgommii piroofeshinaalaa isa jalqabaa ture.

Dorgomtoonni hagas mara maqaansaanii hin beekamne Robin Zaamoraa fi Raamiroo Bilaankoo - dorgommichaan booda namuu maqaasanii bare.

Robin Zamora, 22, erga umuriisaa torbaa kaasee bunyaa taphata ture

Madda suuraa, Carlos Herrera

Robin Zamora, 22, erga umuriisaa torbaa kaasee bunyaa taphata ture.

Ramiro Blanco ammoo yeroosaa garii leenjii bunyaan, kan hafe ammoo makaanika ta'uun hojjeta

Madda suuraa, Carlos Herrera

Ramiro Blanco ammoo yeroosaa garii leenjii bunyaan, kan hafe ammoo makaanika ta'uun dabarsa.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Addunyaan irra caalu uggura jala wayita jirtu kanatti, biyyattiin giddugala Ameerikaa argamtu Nikaaraaguwaa, waliirraa hiiquu hawaasaa hojiirra hin oolchine. Kunis sababa dhiibbaa diinagdee irraan geessisa sodaa jedhuuni.

Onkololeessa dabre ibsi waajirra pireezidantiirraa bahe waan jedhu ''Nikaaraaguwaan adda baasuu gosa kamuu hojiirra hin oolchine, hin oolchituus,'' jedha.

Wiirtuuleen ispoortii biyyattii hedduun bulchiinsa naannolee jala kan jiran oggaa tahu, hedduunsaanis banaadha.

Madda suuraa, Carlos Herrera

Wiirtuuleen ispoortii biyyattii hedduun bulchiinsa naannolee jala kan jiran oggaa tahu, hedduunsaanis banaadha.

Ragaaleen akka mul'isanitti biyyattiitti haga ammaa lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 14 oggaa tahu, sadii ammoo lubbuu dhabaniiru.

Ogeeyyiin garuu lakkoofsa kanarraa shakkii guddaa qabu.

Boxer Ramiro Blanco throws water on his face during training

Madda suuraa, Carlos Herrera

Bilaankoon Waaqni na eega jedha - maaskiin afaaniifi funyaan ni haguuga, harkasaas ni yeroo yeroon dhiqata, saanitaayizarallee ni fayyadama.

Biyyattiitti akkuma yeroo kaanii jireenyi itti fufeera - wanti adda tahe hinjiru.

Rosendo Álvarez (kan diimaa uffate, bitaa) ulfaatina isaanii safaree mirkaneesse.

Madda suuraa, Carlos Herrera

Ibsa waa'ee suuraa, Rosendo Álvarez (kan diimaa uffate, bitaa) ulfaatina isaanii safaree mirkaneesse.
The boxing ring at Alexis Argüello gymnasium in Managua, Nicaragua

Madda suuraa, Carlos Herrera

Qopheessitoonni waldorgommichaa tarkaanfilee ofeeggannoo fudhataniiru- namuu maskiin haguuggachuu qaba.

The audience sits apart from each other at a boxing match in Managua during the pandemic

Madda suuraa, Carlos Herrera

Deeggartoonnis yoo xiqqaate teessoo duwwaa tokko gidduusaanii hambisuu qabu.

Coach René Aguilar and boxer Robin Zamora coming out to the ring

Madda suuraa, Carlos Herrera

Ibsa waa'ee suuraa, Zaamoraafi leenjisaa isaa - maaskii fi gilaavii godhatee ture leenjisaan

Bunyaan kun marroo saddeettif ture. Boodarra murteessitoonni Zaamoraan injifate jechuun labsan.

Robin Zamora and Ramiro Blanco box in Managua, Nicaragua

Madda suuraa, Carlos Herrera

Suuraalee mara Carlos Herrera'tu kaase.