Koroonaavaayiras fi ispoortii: 'Waliirraa hiiqanii' akkamiin tapha bunyaa gaggeessu?

Taphni bunyaa (boxing) akkuma taphoota ispoortii kaanii sababa weerara Covid-19 addunyaa cinqe kanaaf dhaabbateera. Haatahu malee guyyoota muraasaan dura biyya Nikaaraaguwaatti waldorgommiin bunyaa adeemsifame qalbii addunyaa hawwatee ture.

Ogeessi suuraa Carlos Herresa sagantaa kana suuraan kaasuun seenaaf olkaa'eera.

Waldorgommiin kun ji'a tokko keessatti waldorgommii piroofeshinaalaa isa jalqabaa ture.

Dorgomtoonni hagas mara maqaansaanii hin beekamne Robin Zaamoraa fi Raamiroo Bilaankoo - dorgommichaan booda namuu maqaasanii bare.

Robin Zamora, 22, erga umuriisaa torbaa kaasee bunyaa taphata ture.

Ramiro Blanco ammoo yeroosaa garii leenjii bunyaan, kan hafe ammoo makaanika ta'uun dabarsa.

Addunyaan irra caalu uggura jala wayita jirtu kanatti, biyyattiin giddugala Ameerikaa argamtu Nikaaraaguwaa, waliirraa hiiquu hawaasaa hojiirra hin oolchine. Kunis sababa dhiibbaa diinagdee irraan geessisa sodaa jedhuuni.

Onkololeessa dabre ibsi waajirra pireezidantiirraa bahe waan jedhu ''Nikaaraaguwaan adda baasuu gosa kamuu hojiirra hin oolchine, hin oolchituus,'' jedha.

Wiirtuuleen ispoortii biyyattii hedduun bulchiinsa naannolee jala kan jiran oggaa tahu, hedduunsaanis banaadha.

Ragaaleen akka mul'isanitti biyyattiitti haga ammaa lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 14 oggaa tahu, sadii ammoo lubbuu dhabaniiru.

Ogeeyyiin garuu lakkoofsa kanarraa shakkii guddaa qabu.

Bilaankoon Waaqni na eega jedha - maaskiin afaaniifi funyaan ni haguuga, harkasaas ni yeroo yeroon dhiqata, saanitaayizarallee ni fayyadama.

Biyyattiitti akkuma yeroo kaanii jireenyi itti fufeera - wanti adda tahe hinjiru.

Qopheessitoonni waldorgommichaa tarkaanfilee ofeeggannoo fudhataniiru- namuu maskiin haguuggachuu qaba.

Deeggartoonnis yoo xiqqaate teessoo duwwaa tokko gidduusaanii hambisuu qabu.

Bunyaan kun marroo saddeettif ture. Boodarra murteessitoonni Zaamoraan injifate jechuun labsan.

Suuraalee mara Carlos Herrera'tu kaase.