Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Waa'ee Covid-19 wantoota nuti hanga ammaa hin beekne saglan maali?
Yeroo dheeraa dura fakkaatus, addunyaan waa'ee koronaavaayiras kan jalqaba bare Muddee keessadha.
Ogeessoti addunyaa yaalii ciimaa godhanis, wa'ee vaayirasichaa garuu wanti nuti hin beekne ammayyuu heddutu jira jedhu. Addunyaan marti amma deebii argachuuf hundi keenya yaalii tasiisaa jirra.
Gaaffileen ijoo tokko tokko kunooti:
1. Namoota meeqatu weerara dhibee kanaan miidhame?
Kun gaaffii baramaafi kan bu'uraa ta'an keessaa isa tokkodha.
Addunyaa keessatti namootni vaayirasicha qabaachuun isaanii barame kumaatamaan ta'uunsaanii addaan baafameera.
Kun garuu lakkoofsa namoota hubamanii keessa harka xiqqoodha. Lakkoofsi kunis caalaatti kan hin baramiin hafeef sababa namoota vaayirasicha qabaatanii garuu hin dhukkubsanneedha.
Qorannoo antiiboodiin uumuun qorattoonni eenyu akka vaayirasicha qabu akka adda baasaniif isaan fayyada. Yeroo kanatti qofa weerarri koronaavaayirasii hagam akka deeme baruu kan dandeenyu.
2. Dhibeen kun hangam hamaadha?
Lakkoofsi namoota hubamanii meeqa kan jedhu hanga adda baafamutti, lakkoofsi du'aatii hagamiin akka guddachaa jiru sirritti adda baasuun ni cima.
Yeroo ammaatti namoota hubaman keessaa kan %1 ta'an ni du'u jedhamee yaadama.
Lakkoofsi namoota qabamanii garuu hin dukkubasannee yoo guddaa ta'e lakkoofsi namoota du'anii xiqqaa ta'uu mala. Kana waan ta'eefis lakkoofsa namoota dhibee kanaan du'anii isa sirrii isaa kaa'uudhaaf namoota qabamanii garuu hin dhukkubsanne dabalatee inni sirriin baramuu qaba.
3. Mallattoowwan dhukubbichaa hunda
Mallattoowwan koronaavayirasii gurguddoofi kan ofirratti eeggachuu qabdu - qaama gubaafi qufaa gogaadha.
Iddoo tokko tokkotti mallattoowwan kan akka bowwuu mataa, qoonqoo dhukkubuufi garaa kaasaan kan argaman yoo ta'u, mallattoon miira suunfachuu dhabuus ni jira kan jedhu shakkiin baayyachaa jira.
Garuu gaaffii inni guddaan mallattooleen uttaalloo kan akka furreessuu ykn haxxiffachuu dhukkubsattoota tokko tokkoratti ni mul'ata kan jedhudha.
Qorannoon akka agarsiisutti namootni vaayirasicha akka qaban hin beeknelle namoota biraatti vaayirasii kana dabarsuu ni danda'u.
4. Weerara vaayirasichaa keessatti ga'ee daa'immanii
Daa'imman koronaavaayirasiin ni qabamu. Ta'us garuu, mallattoon isaanii kan gad aanaa ta'eefi yeroo namoota umurii biraan wal bira qabamu lakkoofsi da'imman du'anii xiqqaadha.
Da'imman yeroo baayyee dhibee daddabarsuun beekamaniis, weerara vaayirasii kanaaf garuu ga'een isaanii hangam akka ta'e ifa miti.
5. Maddi vaayirasichaa maali?
Dhuma bara 2019tti vaayirasichi kan argame Chaayinaa, Wuhaan keessumaa bakka gabaa foon bineensotaatti.
Koronaavayirasiin, kan Sars-CoV-2 jedhamu, vaayirasii sinbirroo halkanii hubu waliin wal fakkaata.
Garuu vaayirasiin kun sinbira halkanii irraa bineensa hin beekamnetti darbee bineensa sanarraa ammoo namatti darbe jedhamee yaadama.
"Wanti kana wal qabsiisu" kun amayyuu kan hin beekamne yoo ta'u, balaa dabalataafis madda ta'uu danda'a.
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'
6. Bona keessa weerarri kun hir'achuu danda'aa?
Utaalloo yookaan qufaan barame kan baayyatu bonarra waqtii gannaa keessadha. Ta'us garuu waqtiin ho'aa weerara vaayirasii kanaa hir'isuu danda'aa kan jedhu ammatti hin baramne.
Gorsitoonni saayinsii mootummaa UK geddaramsi waqtii vaayirasicharratti dhiibbaa ni uuma kan jedhu akka hin beekamne akeekkachiisaniiru.
Yoo dhiibbaan jiraates, kan uttaalloo isa barameerra xiqqaa ta'a jedhanii yaadu.
Yoo weerarri koronaavaayirasii bona keessa hir'ise, ganna yeroo dhukkubasattoonni dhibee ganna keessa dhufuu hospitaala dhiphisanitti ammoo hedduu guddachuu danda'a sodaan jedhu jira.
7. Namootni tokko tokko kaan caalaa mallattoo ciccimaa maaliif qabaatu?
Namoota baayyeef Covid-19 dhibee salphaadha. Ta'us garuu %20 kan ta'an ammoo dhibee hamaa ta'etti darbuun itti hammaata. Garuu kun maaliifi?
Dandeettiin dhibee dandamachuu danda'uu nama sanaa kanaaf sababa waan ta'u fakkaata, qaccee sanyii waliin kan walqabatu jiraachuu danda'a.
Kana hubachuun namootni gara sadarkaa hammaataatti akka hin gallee gochuuf wanta furmaata ta'u akka uumamuuf gargaaruu danda'a.
8. Dandeettiin qaamaa dhibee ofirraa ittisuu hangamiif tura? Yeroo lammataaf ammoo deebi'ee ni argamaa?
Shakkiiwwan akkanaa yoo jiraatanis, dandeettin qaamaa vaayirasichaa hangam akka ta'e hin beekamu.
Namootni vaayirasicha sirritti ofirraa loluu danda'an dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaama isaanii guddifataniiru jechuudha.
Garuu dhibeen kun yeroo gabaabaa dura waan argameef odeeffannoon yeroo dheeraa hin jiru.
Namootni vaayirasichaan si'a lama hubaman jiru oduun jedhu bu'aa qorannoon dogoggoraan isin bilisa ittin jedhee ta'uu danda'a.
Yeroo dheeraa keessatti maaltu ta'uu kan jedhu hubachuuf gaaffiin dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaamaa barbaachisaadha.
9. Vaayirasichi of geeddaraa deemuu danda'aa?
Vaayirasonni yeroo hunda of geeddaraa deemu, garuu geddaramsii qaccee sanyii isaanii irrattti godhan kun adda addummaa guddaa hin uumu.
Akka barametti, vaayirasonni yeroo dheeraa keessatti hammeenyi isaanii akka hir'isaa deemu eegama, ta'us garuu kun wanta mirkanaa'aa miti.
Yaaddoon jiru, yoo vaayirasiin kun of geeddaraa deeme, yoos dandeettiin qaamaa dhibee ofirraa ittisuu dhibee kana adda hin baasu. Akka uttaallos talaalliin barame hojjachuu ni dhaaba.