Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf bilbila keessan akkamiin qulqulleeffattu?

Bilbila harkaa keessan kiisa keessan keessatti, borsaa keessan keessatti, yeroo tokko tokko ammoo qabattaniiyyu mana fincaanii ykn mana boolii ni deemtu ta'a. Kanaaf, bilbilli keessan hangam akka jarmoota hedduu qabaatu tilmaamtanii beektuu? Koronaavaayiras akka hin qabnellee maalitti beektuu?

Dhaabbanni Fayyaa ddunyaa (WHO)n koronaavaayiras dhibee fayyaa addunyaa haala hama ta'een weeraraa jiru akka ta'e labseera. Dhaabbati kun dhibee kana irraa of ittisuu akka dandeenyus ibseera.

Ofirraa ittisuudhaaf wantota nuti gochuu qabnu keessaa tokko harka keenya yeroo yerootti sirriitti dhiqachuudha. Fuula keenya ammoo irra deddeebinee tutuquu dhiisuudha.

Akkasumallee, yeroo qufaanuufi axxifannutti afaaniifi funyaan keenya softiidhaan ykn ammoo hirree keenyaan ofitti aguuguun ta'uu qaba kanneen jedhan barbaachisoodha.

Mana keenya keessattis ta'e bakka hojjennutti wantota harkaan yeroo baayyee tutuqaman qulqulleeffachuun karaa dhibee kana ittiin ittisan keessaa tokkodha.

Haata'u malee, bilnbla keenya yeroo hedduu waan tutuqnuuf akkamitti akka qulqulleeffannu hanga ammaatti itti hin yaadne taanaan qabxiin itti aanu kun hubannoof isiniif ta'a.

Dhaabbanni dhimma fayyaa Ameerikaa to'atu CDC jedhamu jarmoonni yeroo qufaanuufi haxxiffannu qaama keenya keessaa bahan bakka irra bu'anirra osoo hin du'iin saatiiwwaniif turuu danda'u jedha.

Kana waan ta'eefis, wantota xuraa'anii mul'atan ykn yeroo hedduu tutuqaman akka qulqulleeffachuu qabnu ni gorsu.

Qulqulleessuufi vaayrisasiirraa bilisa taasisuun garuu garaa garummaa qaba jedha dhaabbanni kun. Jalqa irratti xurii isaa qulqulleessuu, itti aansuun ammoo vaayirasiirraa bilisa taasisuudha akka barbaachisu hubachiisu.

Bilbila keenya qulqulleeffachuudhaaf harka dhibba keessaa 70 haxooftuu alkoolii qabdu fayyadamuun kan danda'amu yoo ta'u barakiinaan garuu hin gorfamu. Saamunaan salphaa ta'eefi bishaanis akka fayyadu ogeessonni ni gorsu.

Dr. Leenaa Siiriik Yunvarsitii Kollejjii Landanitti Maayikirooloojistiidha. Akka ogeettiin kun gorsanitti bilbila keenya qulqulleessuudhaaf jalqaba chaarjerii irraa buqqaasuu, itti-aansuun ammoo qola kan qabu yoo ta'e irraa baasuudha.

Omishtoonni bilbilaa gurguddoo ta'an bilbila keenya qulqulleeffachuudhaaf keemikaalota harka keenya ittiin qulqulleeffanuufi wantota biroo harka keenya ittiin qulqulleeffachuuf fayyadamnu, akkasumas haxooftuuwwan shakaaraa/jajjabaatoo ta'an fayyadamuu hin gorsan.

Kanaaf ammoo sababiin iskiriinii bilbila keessanii akka hin miidhamne kan ittisu ykn akka hojii ala hin taane kan eegu balleessa jedhameeti.

Kana waan ta'eef jedhu Dr. Leenaan, jirbii ykn erbee/huccuu jirbii irraa hojjetame bishaaniifi saamunaatti cuubuudhaan/jiisuudhaanqulqulleessuun gahaadha.

Jirbiidhaan ykn erbeedhaan/huccuudhaan iskiriinii ykn dugda bilbila keessanii qulqulleeffachuu ni dandeessu. yeroo akkasitti qulqulleessitan garuu dhangala'aan fayyadamtanii qulqulleessitan karaa qaawwaa akka gara bilbila keessa hin seenneef of eeggannoo taasisaa.

Bilbiloonni bishaan dandamatan tokko tokko yoo jiraatanillee, yeroo booda garuu dandeettii dandamachuu isaanii dhabaa deemuu ni danda'u jechuun dubbatu ogeessonni.

Erga sirriitti haxooftanii booda huccuu/erbee lallaaftuu taateen ammoo gogsuu hin dagatiinaa.

Dr. Leenaan akka jedhanitti, bishaaniifi saamunaatiin bilbila keessan qulqulleessuun vaayirasoonniifi jarmoonni bilbila keessanirra akka hin jiraanne ni qulqulleessa.

Yoo bilbiloota iphone fayyadamtu ta'e bilbiloota Apple ta'an haxooftuuwwan harka dhibba keessaa 70 alkooliiwwan Ayisoopirooppel ta'aniin qulqulleessuu akka dandeessan ni gorfama. Haxooftuuwwan kunneen mana meeshaalee kompiiteraa itti gurguraman keessaa argachuu ni dandeessu.

Akkaataa kanaan bilbila keessan erga qulqulleeffatanii booda harka keessan hin dhiqamneen deebitanii fayyadamtu yoo ta'e bilbilli keessan deebi'eetuma jarmootaan guutama.

Kana waan ta'ee, yeroo yerootti harka keessan dhiqachuu gonkunaa hin dagatiinaa!