Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
Vaayirasiin qaamolee hargansuu namaa irratti miidhaa hamaa ta'e qaqqabsiisu jalqaba Chaayinaatti mul'ate yeroo ammaa biyyoota addunyaa hedduu keessatti mul'ataa jira.
Itoophiyaa keessatti amma dura namni vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'e tokko argameera.
Lammiin Jappaan ganna 48 A.L.I Guraandhala 25 Burkinaafaasoo irraa gara Itoophiyaa seene irratti vaayirasichi kan argame.
Kana hordofuunis namoonni hedduun waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee hedduu kaasaa jiru. Muraasa deebisuuf yaalleerra.
1. Mallattoowwan dhibee kanaa maali?
Qaama gubuu, mataa bowwaafachuu, qufaa gogaa qufasisuu, yeroo torban tokkoon booda ammoo gara sadarkaa hafuura kutuu ykn hargansuurratti rakkoo uumuutti ce'a.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jedhutti dhibeen kun erga nama qabateen booda osoo mallattoo hin agarsiisiin jiddugaleessaan hanga guyyoota 5 turuu ni danda'a.
Haa ta'u malee, guyyoota 14 hanga 24 turuu akka danda'u ogeeyyiin ni himu.
Namoonni mallattowwan kunneen irratti mul'atan hatattamaan gara hospitaalatti deemanii wal'aansa argachuu qabu.
2. Meeshaalee wal harkaa fuudhuun ni daddarbaa?
Vaayirasichi kan daddarbu wayita namni vaayirasicha qabu qufa'u ykn haxxiffatu hafuura ykn hancufa nama sana qilleensa keessa tamsa'uuni.
Namni fayyaan hafuurri ykn hancufni nama vaayirasicha qabuu gara qaama isaa bifa hargansuun yoo seene vaayirasichaan qabamuu danda'a.
Yookin ammoo meeshaalee namni sun irratti qufa'e ykn haxxiffatee ykn hancufni isaa irratti harca'e harkaan tuqee deebisee ija, funyaani fi afaan isaa yoo qabate vaayirasichaan qabamuu danda'a.
Kana jechuun hafuura ykn hancufa nama vaayirasichaan qabamee ofirraa hin qabu yoo ta'e, meeshaa qofa wal harkaa fuudhuun ykn wal tuquu qofaan hin darbu jechuudha.
Namoonni dhibee kanan qabaman tokko tokko osoo mallattoon dhibee kana isaanirratti hin mul'atiiniifi isaanirratti hin beekamiinillee vaayirasicha daddabarsuu danda'u.
3. Qoricha qabaa? Fayyuun ni danda'amaa?
Amma dura dhibeen koronaavaayirasiin nama qabu COVID19 qoricha hin arganne. Wantoonni akka qullubbii adii vaayirasicha ni dhorka jedhamanis dogoggora.
Namni tokko dhibee kanaan qabamee gara hospitaalaa yoo deemu wal'aansa taasifamuuf keessaa tokko dandeettiin uumamaan dhibbee ofirraa loluu ykn dandamachuu qaama nama sanaa akka cimu gochuudha.
Dhibee sanaan daran kan miidhame yoo ta'e qaamoleen hargansuu isaa waan miidhamaniif sirnaan harganuu akka danda'u deeggarsi ni taasifamaaf.
Namni vaayirasichaan qabame haala kanaan erga yaala barbaachisu argatee booda vaayirasicharraa bilisa ta'uu danda'a.
Kana jechuun garuu guutummaatti vaayirasicharraa fayyeera jechuu dhiisuu danda'a jedhu ogeeyyiin.
Chaayinaa keessatti namoonni bilisa jedhamanii vaayirasichi deebi'ee qaama isaanii keessatti argame ni jiru.
Wanti murteessaan namni yaalamee vaayirasicharraa bilisa ta'uun isaa mirkanaa'e hanga vaayirasichi isa keessa jiraachuun isaa deebi'ee hin mirkanoofnetti vaayirasicha nama biraatti hin dabarsu.
Haata'u malee, hojiin dhibee kanaaf talaallii qopheessuu hojjetamaa waan jiruuf dhuma waggaa kana dura vaayirasichi talaallii ni qabaata jedhamee eeggama.
- Keeniyaatti namni Koronaavaayirasiin qabame jalqabaa argame
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'
4. Hagam nama ajjeesa?
Vaayirasichaan qabamuun du'uu jechuu miti.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti sadarkaa addunyaatti namoota vaayirasichaan qabaman keessaa kan du'an dhibbeentaa 3.4 ta'u.
Haa ta'u malee ogeeyyiin fayyaa lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii hundi waan hin gabaafamneef carraan du'uu sanarra ciqqaadha jedhu.
Namoota 1000 keessaa jiddugaleessaan namooti sagal du'uu danda'u, kana jechuun dhibbeenta 1 akka jechuuti.
5. Akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) akkas jedha:
- Harka kee irra deddeebiin dhiqadhu- saamunaa vaayirasicha ajjeesuu danda'a.
- Yeroo qufaatuufi haxxifattu afaaniifi funyaan kee yoo mijate sooftii ykn maarrabiidhaan ykn ammoo ciqileekee dachaasuun haguugi.
- Ija, funyaaniifi afaan kee tuttuquu dhiisi- yoo harki kee bakka vaayirasichaan faalame qabeera ta'eef gara qaama keetti seenuu danda'a.
- Nama qufa'urraa yoo xiqqaate meetira 1 fagaadhu. Bakka namoonni itti heddummatan hin dhaqiin.
6. Utaalloo ykn qufaa waliin maaliin adda baha?
Utaalloo ykn qufaa fi koronaavaayirasiin mallattoo hedduu wal fakkaatu qabu. Qorannoon yoo ta'e malee adda baasuun hin danda'amu.
Qaama gubaa fi qufaasisuutti dabalataan harganuuf kan nama rakkisu yoo ta'e koronaavaayirasii ta'uu mala.
Namni mallattoon akkasii irratti mul'ate hatattamaan gara hospitaalaa deemuu ykn ammoo Itoophiyaa keessa kan jiru yoo ta'e 8335 irratti bilbilee gabaasuu qaba.
7. Isa funyaanitti kaa'atan eessaa arganna?
Golgaan ittiin funyaaniifi afaan haguuggatan ykn maaskiin akka vaayirasichi gara afaanii fi funyaanii hin seenne dhorkuuf nama gargaara.
Haa ta'u malee guutummaan guutuutti vaayirasicharraa nama hin oolchu.
Magaalota gurguddoo keessa jirtu yoo ta'e mana qorichaa ykn faarmaasii isinitti dhiyoo jirutti argachuu dandeessu.
Yookis namoonni biroo tarii firoonni bakka meeshaan kun itti argamu jiran akka bitanii isiniif ergan gochuu dandeessu.
8. Meeshaan adda baasu Itoophiyaa keessa jira?
Eeyyee.
Jalqaba wayita weerarri dhukkubichaa Chaayinaa keessatti mudatu, Itoophiyaan gara Afrikaa Kibbaa erguun ture qorannoo kan gootu.
Booda garuu deeggarsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin laboraatoorii biyya keessatti qorannoon adda baasuu danda'u hundeessiteetti.
Bu'aan qorannoos sa'aatii 4-5 jidduutti baramuu danda'a.
Itoophiyaan qophii gahaa gochaa akka jirtu himti. Jiddugalli namoonni vayirasicha qabaachuun shakkaman itti adda bahanii tursiifaman qophaa'eera.
Dabalataan hospitaalli Yakkaa Kotabee kan namoota 500 hanga 600 keessumeessuu danda'u gutumaan guututti dhibee kanaaf ramadamee qophiirra akka jiru himameera.
9. Nama gurraacha ni qabaa?
Vaayirasichi nama gurraacha hin qabu gabaasaaleen jedhan hedduun jiraatanillee dhugaa ta'uun isaa amma yoonaa saayinsiin hin mirkanoofne.
Amma dura wanti beekamu vaayirasichi irraa caalaatti namoota ga'eessota umriin isaanii waggaa 50 ol ta'an kan miidhu ta'uu isaati.
Kunis dandeettiin uumamaan dhibee ofirraa ittisuu isaanii laafaa waan ta'eefi.
Kanaan ala amma dura saalaanis ta'e gosaan ykn gurraachaa fi adii ta'uudhan nama qabaafi hin qabu wanti jedhame hin jiru.
10. Dhibeen kun akkamiin jalqabe?
Koroonaavaayiras jechuun maqaa waloo maatii vaayirasoota hedduuti. Koronaavaayirasiin bineensota irraa namatti darba.
Amma dura koronaavaayirasiin dhukkuba MERS-CoV fi SARS-CoV jedhamu nama qabsiisu mudatee kan ture yoo ta'u kan jalqabaa adurree kan lammata ammoo gaala irraa namatti darbe.
Vaayirasiin haaraan amma addunyaa weerare Itoophiyaa keessattis argame kan dhukkuba COVID19 nama qabsiisu kun bineensa kamirraa akka namatti darbe wanti beekame hin jiru.
Vaayirasichi Chaayinaa magaalaa Wuhaan jedhamtu lafa gabaa qurxummiitti argame.
Vaayirasichi bineensota kamiin irraa akka dhufe osoo beekamee vaayirasicha to'achuuf salphaa akka ta'u ogeeyyiin ni dubbatu.
Bineensoonni bishaan keessa jiraatan vaayirasicha akka baatan beekameera.