Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti ammas shakkamtootni Koronaavaayiras afur adda bahan
Itoophiyaan ammas namoota afur koronaavaayirasiin shakkaman adda baasuu beeksifte.
Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa akka beeksisetti namoonni afran kuni kanneen torbee darbe shakkamanii adda bahaniin alatti.
Namoonni amma shakkaman afur adda bahanii hordofamaa kan jiran keessaa tokko naannoo Tigraay magaala Aksumitti hordoffiin taasifamaafii jira.
Namoota kanneen keessaa 3 lammiilee Itoophiyaa yoo tahan tokko lammii Chaayinaati.
Saamudni namoota afran kanneenii fudhatamee qorannoo dabalataatiif gara Afrikaa Kibbaatti ergamuus Daayirektarri Olaanaa Instituutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa Dr. Eebbaa Abaataa ibsaniiru.
Amajjii 28 ibsa Ministeerrii Fayyaa kennee tureen akkasuma qorannoo jalqabaa namootni mallattoo Vaayirasii kanaa agarsiisan afur shakkamanii adda baafamuu beeksisee ture.
Samuudni dhiigaa namoota kanaa qorannoo dabalataaf Afrikaa Kibbaattii ergame garuu bilisa ta'uu isaanii mirkaneesseera.
Of eeggannoo tamsa'ina Vaayirasii kanaa jecha daandileen Xiyyaaraa biyyoota hedduu imala gara Chaayinaafi achiis gaa biyyoota kaaniitti qaban kan adda kutan yoo ta'u daandiin xiyyaaraa Itoopiyaa garuu of eeggannoo cimaan imala isaa itti fufuu beeksiseera.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa sababa hariiroo Chaayinaa walii qabaniin biyyootni Chaayinaarraa imala hedduu raawwataniin saaxilamuumaan Vaayirasii kanaaf qaban guddaadha jedhee adda baase keessaa Itoophiyaan tokko.
Dr. Eebbaa Abaataa ibsa miidiyaaleef kenneeniin Imalaan chaayinaarraa dhufu tokko buufata Xiyyaaraa keessatti iddoowwan saditti qorannoon hoo'inaa erga taasifameefii booda baha jedhaniiru.
Imaltoota Chaayinaarraa dhufanii boodas bakka qubatanitti hordoffiin taasifamaa jira. Imaltoota gara Chaayinaa deemaniifis hojiin hubannoo uumuu kennamaa jira.
Mala geejjibaa xiyyaaran ala tahan kan akka daandii baabura Itiyoo-Jibuutii irrattis magaala Dirree Dhawaatti hojiin calallii hoo'aa eegalameera.
Imala galaanarraa Itoophiyaadhaan walqunnamsiisan 27 jiraachuu eeruudhaan imalawwan kun bakka itti walgahan magaala Dirree Dhawaatti hojiin kuni kan eegalame.
Buufata Boolee caffaatiin alatti bakka yaala addaa naannoo kiiloo 4tti banamee qophaaheera jedhan.Dhimmoonni yaala ariifataa fi cimaa barbaadan yoo uumameefis Hospitaalonni mootummaa lama qophaahaniiru.
Hanga ammaatti imaltoonni 47,000 ol ta'an hojii calallii kana keessa darbaniiru.
Kanneen keessaa 1,695 kan ta'an biyyoota Vaayirasiin kun itti mul'ateera jedhaman irraa dhufan.
Imaltoota Chaayinaarraa dhufan guyyoota 14'f addatti tursuun garee hordoffii taasisu hundaa'uu Instituutiin Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa beeksiseera.
Ogeeyyii fayyaa hordoffii kana tasisaniif leenjiin hubannoo cimsu kennamaa akka tureefi itti fufee kennamaa jiraachuus beeksiseera.
Daangaaleen seensaa fi bahumsa biyyaa 27 qorannoo jalqabaa Vaayirasii kanaatti jiruu jedhameera.