Itoophiyaan namoota dhibee Koronaavaayirasiidhaan shakkaman 4 adda baasuu beeksifte

Deetaan miniteera Fayyaa Dr. Liyaa Taaddesee ibsa miidiyaaleef kennaniin namoonni afran dhibee kanaan qabamuun shakkaman kunneen lammiilee Itoophiyaati.

Isaan keessaa namoonni sadii kanneen Chaayinaatti barnootarra turan ta'uus himan.

"Namoota kana afran bakka hordoffiin addaa qophaa'etti hordoffii taasifamaa jiruun lama mallattoo qufaa fi hoo'inni olka'uu kan mul'isan yoo ta'u, Shakkamtoonni lama mallatoo homaa hin mul'isne.

Lamaan kuni sababa naannoo ka'umsa dhibee kanaa Wuhan irraa dhufaniifi namoota jalqabaa lamaan waliin hariiroo cimaa qabaniifi" jedhan.

Namoonni shakkaman 4 qorannoo dabalataatiif dhiigni isaanii gara Afrikaa kibbaatti ergameera.

Calalliin fi qorannoon buufata xiyyaaraatti taasifamaa jiru Lammiilee chaayinaarraa dhufanii fi kanneen lammiilee chaayinaa waliin hariiroo yookan walitti dhufeenya qaba irratti kan xiyyeefatedha.

Imaltoota wuhan irraa dhufaniif addatti guyyoota 14'f bakka jiranittis hordoffiin nitaasifama jedhan.

Daldaltoota gara biyya Chaayinaatti deebi'aniifis leenjiin hubannoo kennuu kennamaa jiraachuu eeran.

Daldaltoota Chaayinaarraa garana dhufan dursanii odeefannoo fudhachuun asitti qorannoon taasifamaa jira.

Barattootni Itoophiyaa Wuhaan jiran karaa dhaabbata fayyaa addunyaafi mootummaa Chaayinaatiin hordofamaa waan jiruuf adeemsasaa eegee deebiin itti kennama jedhan.

Vaayirasichi haaraa ta'uusaatin ogeessota fayyaa leenjiin gahaa argataniin qorannoo hoo'ina qaamaatu taasifamaa jira.

Chaayinaarraa guyyaatti imaltoota 1500 oltu gara Itoophiyaa dhufaa jira.

Balaliinsa chaayinaarraa gara Itoophiyaa taasifamu dhorkuun fala waan hin taaneef daandiin Xiyyaara itoophiyaa tarkaanfii kana fudhachuu dhiisuus ibsa kanarratti eeramera.

Haaluma wal fakkaatuun namni Koranaa vaayirasii qaba jedhamee shakkame tokko Keeniyaatti argameera.

Dhibeen Koranaa vaayirasii jedhamu erga namoota dhibba tokkoo ol ta'an ajjeesee biyyoota addunyaatti tatamsa'aa jira jedhameen lammiin Keeniyaa tokko mallattoo dhibee kanaan shakkamee qofaatti adda baasuun qorannoon taasifamaaf jiraachuun ibsameera.