Vaayirasiin hin beekamne Chaayinaatti argame namoota hedduutti daddarbaa jira

Vaayirasiin Chiiyinaa keessatti argame jedhamaa jiru kun hanga aanga'oonni biyyattii himaniin olitti namoota baayyee faaluun akka hin hafne ogeessonni fayyaa BBC'tti himaniiru.

Mootummaan Chaayinaa lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii 60 jedhulleen ogeessonni fayyaa Ingiliiz ammoo namoonni 1,700 vaayiresichaan qabamaniiru jedhan.

Vaayirasiin sirna argansuu namaarraan miidhaa geessisu kun jalqaba kan mul'ate kutaa bulchiinsa Wuhaan jedhamtu keessatti yommuu ta'u, hanga ammaatti namoonni lama akka du'an barameera.

Ogeessota fayyaa keessaa tokko kan ta'an Niil Fargusan haalli vaayirasichaa baayyee akka isaan yaaddessaa hufe dubbatu.

Ogeessonni fayyaa Ingliiz qorannicha kan gaggeessan dhaabbileen biroofi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin ta'uudhaan.

Singaappooriifi Hong Koong namoota kutaa biyya Chaayinaa Wuhaan jedhamtu kana irraa dhufan qoratanii gara biyya isaaniitti galchuu jalqabaniiru. Ameerikaanis imaltoota karaa buufataawwan xiyyaaraa karaa Saanfiraansiiskoo, Loosaan Anjalasiifi Niiwuu Yoorkirraan darban akka qoratamaniif ajaja dabarsisteetti.

Vaayirasiin kun jalqaba kutaa bulchinsa Chaayinaa Wuhaan jedhamtu keessatti argame jedhamullee, Taahilaan keessatti namoota lama irratti, Jaappaan keessatti ammoo nama tokko irratti akka argame dhaga'ameera.

Yeroo ammaa kana namoonni vaayirasii kanaan miidhaman hanga kanaati jechuun nama rakkisa, haata'u malee, qaamoleen akka dhukkubicha to'ataniif itti gaaftamummaan itti kenname odeeffannoo lakkoofsa buufataalee xiyaaraa irraa argame eeruu ni danda'u jedhaniiru.

Buufanni Xiyyaaraa Wuhaan imaltoota miliyoona 19 akka keessumsiisuu danda'uti kan ijaarame yoo ta'u, imaltoonni idil-addunyaa buufata xiyyaaraa sana fayyadamanii garuu namoota 3,400 qofaadha.

Mootummaan Chaayinaa vaayirasiin kun nama tokkorraa gara nama biraatti akka darbuu danda'u mallattoon agarsiisu hin jiru jedheera.

Dhukkubni kun kan dhufe lubbu-qabeessa faalame galaana keessa jiraaturraa akka dhufuu hin oolle tilmaamamaa jira.

Vaayirasiin kun qaama argansuu kan miidha yoo ta'u, bara 2002 keessa Chaayinaa keessatti vaayrasii Saarsi jedhamu mul'atee ture waliin walfakkaatas jedhameera.