Koronaavaayiras: Addunyaan duula Iboolaarraa barachuu qaba

Pirezidantiin duraanii Laayibeeriyaa Elen Joonsan Serliif koronaavaayirasii dura dhaabbachuudhaaf addunyaan sodaa mo'achuu qaba jedhan.

Aadde Elen Afrikaatti pirezidaantii dubartii jalqabaa ta'uun seenaa qabdi, waggoota 12f Laayibeeriyaa bulchite keessaa barri 2014-2016 yeroo weerarri Iboolaa lammilee biyyashee itti galaafate ture.

BBC'n Looretii Noobeelii Nagaa kana rakkoo koronaavaayirasiin yeroo hammaa qaqqabsiisaa jiru irratti yaada akka kennituuf gaafateera.

Kabajamtoota ummata addunyaa kanarra jirtan maraa,

Onkoloolessa 19, 2014, yeroo weerarri dhibee Iboolaa Afrikaa Lixaatti tatamsa'uun lammileen biyya koo 2,000 galaafatee dachaa hedduun tatamsa'aa turetti, humna namaafi qabeenya argachuuf xalayaa kadhaa addunyaaf barreesseen ture.

Dhibee weerara guutummaa addunyaa ta'uu mala jechuun sodaanne qolachuudhaaf addunyaan tokkummaan akka dhaabbatu barbaadne.

Har'a, carraa kanaan ammoo sagaleekoo dhageessisuun ergaa wal-bira dhaabbachuun dabarsuu barbaada.

Waggoota ja'a dura, dinagdeen Laayibeeriyaa waraanarraa hin dandamanneefi sirni fayyaa biyyattii baay'ee dadhabaa ture hagam lammilee biyyattii weerara dhukkubaaf saaxilamoo akka taasise ibseen ture.

Haalli addunyaan rakkoo naannoo Lixa Afrikaatti uumame sanaaf deebii itti kenne sun akkamiin wabii kunuunsa fayyaa waloo keenyaaf akka murteessaa ta'e wal bira qabeen ilaale.

Weerarri dhukkubaa, addunyaa keessa bakka kamittiyyu uumamu, hangamillee naannoo tokkotti murta'aa yaa fakkaatu dhala namaa bakka mara jiraniif yaaddo akka ta'e yaadan dhiyeessaa ture.

Addunyaan haala gaariifi ciminaan deebii kennan ture.

Gaggeessummaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin (UN) humniifi qabeenyi walitti qabame. Itti-aansuun ammoo Ameerikaanis hedduu gumaachite.

Waliin ta'uun injifanne. Sababa kana irraan kan ka'e, har'a talaaliiwwan bu'a qabeessa ta'aniifi qorichoonni farra vaayirasii jiru.

Kanaaf ammoo galanni tumsaafi sammuu saayintistootaa qara ta'an guutummaa addunyaarra jiraniif mala.

Yeroo weerara koronaavaayirasii kanattis, lammilee addunyaa maraaf dhaamsaafi iyyannaa wal-fakkaatuun dhiyeessuu barbaada.

Yeroon kana jedhutti ammoo hanga ammaa akka ardiiwwan biroo haalaan miidhamuu baattus, Afrikaan dhibee kanaan hedduu akka miidhamuu dandeessu sirriitti nan hubadha.

Arikaan weerara kana dura dhaabbachuudhaaf humnaafi qophii baayyee gadi aanaa qabdi.

Tatamsa'ina isaa xiqqeessuuf socho'uu qabna. Sarara dhibeen kun ittiin daddarbu ciruu qabna. Karvii ol bahaa jiru sana gadi deebisuus qabna.

Tarkaanfiin vaayirasii kana ittisuu yeroo inni Eeshiyaarraa gara Awurooppaatti, Awuroopaarraa ammoo gara Ameerikaatti darbu, qaawwi uumamuufi yeroon gubate jiraachuun isaa ifadha.

Of dagachuun uumameera. Yeroonis gubateera.

Odeeffannoon dhokatee ture, yookaan odeeffannoon xiqqaa ture yookaan ammoo akka hin taane ta'ee ture. Amantaan cabeera.

'Ani dogogora walfakkaatu hojjedheen ture'

Sodaan akka namni nama/ummata baqatu, dhokatu, ykn waa jalaa dhoksee ol-kaawwatu nama gooti. Kun ta'ee garuu furmaanni tokkichi ammallee ummatuma keessa.

Ani kana nan beeka. Ani bara 2014 keessa dogoggoroota kana maran raawwadhe. Akkuma kanallee addunyaan birmannaaf dhufes ni dogoggore.

Haata'u malee, of sirreessinee boodarra waliin taanee hojjenne.

Saffisa dhibeen kun ittiin tatamsa'aa jiru hir'isuuf jecha daangaawwan biyyootaa cufamanii yeroo ammaa daandii qaxxaamurararra jirra.

Mee kottaa kana irraa ergaa dogogoraa hin fudhannuu. Kana jechuun ammoo biyyoonni of danda'anii akka isaaniif tolutti hin murteessan jechuu miti.

Faallaa kanaatiin, daangaalee cufuun akka jijjiirama fidu kan taasisu mallattoowwan deebii walooti.

Mana koo Monorooviyaa keessa jiru keessa taa'ee ilaalee, har'a wantoota hedduu nama jajjabeessanan arge.

Ogummaafi beekumsaan ilaaluun jira; wanti dhugaa ta'eefi beekumsi, qorannoowwan saayinsawaa, meeshaaleen, qorichoonniifi ogeessonni waliif qoqqoodamaa jiru.

Biyya biyya keessatti ta'aa jira; akkasumallee, daangaa ce'ee sadarkaa idil-addunyaatti ta'aa jira.

Xiqqoo barfatee jalqabullee sochii namni kamiyyu biyya hunda keessaa keessatti hirmaachuu qabudha.

'Warra rakkoo dandamatan taanee baane'

Dhibee sana dura dhaabachuu keessatti akka Afrikaa Lixaatti dhukkuba akkamitti akka to'annu baranneerra.

Laayibeeriyaa keessatti, saba yeroo weerara Iboolaa dandeettii rakkoo dandamachuu horanne; hawaasa caalaa jabaa taanee baane.

Tooftaafi adeemsi fayyaa eeggachuu yeroo sanaa dhibee Covid-19 kana to'achuudhaaf ammas lafarra nuuf jira.

Ani kun daandii nuti hundi keenya irra jirrudha jedheen amantii guutuu qaba.

Cimina tokkoo tokkoo namoonni agarsiisaa jiran, ejjennoo gaggeessitoonni yeroo rakkoon akkasii uumamu fudhatan, akkasumas garaa garummaa amantii qabnu dhiisnee waliin taanee sagalee tokkoon kadhachuuf abdii Waaqayyorrati akka qabaannu abdii guutuun qaba.

Torban itti-aanan keessa yeroo hundi keenya gara fuula duraatti siqaa deemnu keessa, fayyaa lammilkee keenya addunyaatiif nan kadhadha.

Nameenyaan tokkoo tokkoo keenya kan inni irratti hundaa'uufi jireenyi dhugaa jiraatame jedhamu warra kaan tajaajiluudhaan ta'uu isaa akka yaadattan nama hundaan gaafadha.