Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Mallattoowwan covid-19 maal fa'i? Attamiinan of eegaa?
Koronaavaayirasiin addunyaarratti biyyoota 177 keessa faca'uun badiinsa lubbuu namoota 40,000 olitiif sababa ta'eera.
Dhukkubni kun maal? Attamiin tatamsa'aa? Namoota attamiitu caalaa saxilamoodhaa?
Attamiin ofirraa yaa ittisu?
Malli hunda caalu bishaaniifi saamunaadhaan dafanii dafanii harka dhiqachuudha.
Koronaavaayirasiin kan dadarbuu yoo namni vaayirasichaan qabame qufa'u hancufa xixiqqoo qilleensa keessa faca'uutiin.
Kunis karaa qilleensa hargannuun ykn bakka irra bu'e wayita qabannuu gara qaamaa namaa galuun kulkula/infekshinii uuma.
Kanaafuu wayita qufa'amuufi axxiffatamu maarrabii/sooftiitti fayyadamuun, harka hin dhiqamneen fuula ofii tuxxuquu dhaabuufi namoota vaayirasichaan qabamaniitti siquu dhaabuun tatamsa'ina dhukkubichaa xiqqeessuuf baayyee barbaachisaadha.
Akka oggeessoonni fayyaa jedhaniitti maaskiin fuulaa ittisuuf gahaa miti.
Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'ii?
Koronaavaayirasiin somba huba. Mallattoon isaas qaama gubaan eegalee qufaa gogaa, booda gara harganuuf rakkachuutti geessuudha.
Qufaan isaa haaraan hanga sa'aatii tokkoof ta'uu walitti fufiinsa kan qufaasisu ykn guyyaa tokko keessatti haala gegeeddaramu gosa sadii ykn isaan olii qabaachu mala.
Namoota duraan qufaa ykn utaalloo qabanitti ammo caalaa cima.
Jiddugalaanis vaayirasichaan faalamanii hanga mallattoon irratti mullatuutti guyyoota shan fudhachu mala.
Saayintistoonni kana haa jedhan malee, namoonni kaan ammoo baayyee erga turanii booda mallattoon irratti mul'achu danda'a.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ammoo yeroon vaayirasichi itti baramuu danda'u hanga guyyoota 14 fudhata jedha.
UK'tti ispeshaalistiin gurraa, funyaaniifi qonqoo tokkoos dhukkubichi namoonni akka miira dhandhamaa dhaban taasisa jedha.
Namoonni qoratamanii koronaavaayirasiin irratti argame hedduun miidiyaalee hawaasaa irratti akka miira dhandhama urgaafi mi'aa dhaban himu.
Haa ta'u malee, ragaan hanga ammaatti jiru kan namoonni himan fi vaayirasicha sababii qufaa akka miira dhandhamaa dhaban taasiseera jedhuudha.
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'
Koronaavaayirasiin hangam lubbuuf nam sodaachisaa?
Baayyinni lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin du'anii gadaanaadha (dhibbeentaa 1-2) kan ta'u qofa.
Namoonni vaayirasichaan qabaman kumaatamni wallaansa argatanii fayyanilleen muraasni du'u danda'u.
Ragaan Dhaabbanni Fayyaa Addunnyaa dhukkubsattoota 56,000 irra walitti qabuun xiinxalee akka agarsiisuutti:
- %6 baay'ee dhukkubsatu- dhukkubbii akka sombi hojii dhaabuu fi balaan du'aa mudachu mala.
- %14 kan ta'an ammoo dhukkubbii cimaa akka afuura baafachu dadhabuu, fi argansuun itti xiqaachuu itti dhagahamu mala.
- %80 kan ta'an ammoo miira dhukkubbii gadi aanaa kan akka gubaa qaamaa fi qufaa, muraasni ammo daranyoo sombaa ummachu danda'u.
Maanguddoonnifi namoonni rakkina fayyaa qaban (asimii, sukkaara, dhukkuba onnee fi dhiibbaa dhiigaa ) qaban caalaa baayyee dhukkubsachu danda'u.
Ragaan Chaayinaarraa argame akka mul'isetti, dubartoota caalaa warra dhiiraatuu du'aaf saaxilama.
Wallaansi dhukkuba kanaaf kennamus qaamni nama dhukkubsatuu akka haalaan hojjatu taasisuudha. Fakkeenyaaf akka afura baafataniif deeggarsa taasisuu, humna vaayirasicha ofirraa ittisuu qaama namaa jabeessuu jechuudha.
Hojiin talaalli barbaachaa cimsee itti fufeera.