Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaa - lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 29 gahe

Sa'aatii 24 darban keessatti qorannoo namoota 68'tiif taasifameen namooti sadi dabalataan vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'uu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Gabaasni keenya kallattii har'aa kanumaan xumurama

    Suuraan kun Ispeen keessatti loltoonnii fi ogeeyyiin fayyaa duulli koronaavaayiras irratti godhamu akka itti fufuuf yeroo harka rukutanii wal jajjabeessan agarsiisa.

    Fayyaan faaya | fayyaa tahaa Waliirraa hiiqaa | ofeegaa

  2. Hordoftoonni Ortodoksii Tawaahidoo manatti kadhannaa akka taasisan murtaa’e

    Qulqulluun Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa tatamsa’ina dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf namoonni manumaa kadhannaa akka taasisan murteesse. Kuni qiddaasees akka ilaallatuufi luboonni muraasa qofa mana kiristaanaa seenanii akka tajaajilan murtaa’u har’a beeksisteetti.

    Hordoftootaan ala luboonnillee mana akka turan kan murtaa’e yoo ta’u kanneen tajaajila kennan dallaa mana kiristaanaa keessa akka turaniifi nyaannis akka dhihaatuf beekameera.

    Dabalataanis, kolleejjonni mana amantichaa kutaa lallaba Finfinnee jala jiran, bakki leenjii lubootaafi manneen barnootaa biroo bakka turtii namoota dhukkuba kanaan shakkamaniif akka ta’u Qulqulluun Sinodosii murtesseera.

    Kanneen rakkataniif gargaaruuf akka ooluuf manni kiristaanichaa birii miiliyoona 3 arjoomuu ishee beeksifteetti.

    Itoophiyaa keessa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 29 kan gahe yoo ta’u namni har’a ganama daranyoo sombaan lubbuu dhaban koronaavaayirasiin hin qabamne ture jedheera Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa.

  3. Aanga’aan Sarbiyaa tokko COVID-19’n lubbuunsaanii darbe, Aanga’aan Sarbiyaa tokko COVID-19’n lubbuunsaanii darbe

    Miseensi mootummaa Sarbiyaa sababa dhukkuba COVID-19 du’aniiru. Obbo Biraanislaav Biraaziik ministira qonnaa keessatti hojjatu ture. Namni kun qondaaltota mootummaa Sarbiyaa keessaa sababa COVID-19 du’an isaan jalqabaa ta’aniiru.

    Namni siyaasa biyyattii keessatti qooda ol’aanaa qaban turan kun hundeessaa ‘Progressive Party’ turan. Dhuma bara 1990’oota keessa ministeera qonnaa ta’uun tajaajilaniiru.

    Waggota dhihoo keessatti gara waajjira sanitti deebi’uun hojjataniiru. Yeroo dhihootti immoo ministeera hajaa alaa ta’uun hojjataniiru. Duuti isaanii kunis eega biyyattii keessatti lakkofsi namoota koronaavaayirasiidhaan qabaman dabalaa dhufe booda kan du’an.

    Sarbiyaa keessatti hanga ammaatti namoonni 1,060 ta’an dhukkubbichaan yoo qabaman, namoonni 30 immoo du’aniiru. Labsiin yeroo muddamaas labsameera.

  4. Dorgommiin Chaampiyons Liigii Awuroppaa achi siqe

    Dorgommiiwwan Chaampiyens Liigii fi Awuroppaa Liigii kan bara dorgommii kanaa “yeroo hin murtoofneef achi siiqaniiru,” jedhe Uefa.

    Qaamni kubbaa miilaa Awuroppaa hoogganus taphoota biyyoota jiddutti taasifamu yeroo hin murtoofneef akka achi siqu murteesseera.

    Kunis taphoota dhiiraa fi dubartoota dorgommii biyyoonni Waancaa Awuroppaatiif darbuuf taphatan dabalata.

    Murteen kunis eega wal gahiin gaafa Roobii bakka miseensonni waldichaa 55’tti argamanitti kan murtaa’eedha.

    Uefa sababa weerara koronaavaayirasiitiin dorgommii dhiiroota ganna bara kanaatti taasifamuuf ture bara 2021’tti akka taasifamu murteessee ture.

    Oduu ispoortii biroon ammoo:

    Dorgommiin teenisa dirree Wimbeldon erga Waraana Addunyaa lammaffaatii as yeroo duraatif, haqame.

  5. Namoonni 'matta'aadhaan' bakka itti adda baasanii tursiisan keessaa bahan jiru?

    Weerara dhibee koronaavaayirasii ittisuudhaaf jecha Itoophiyaan qajeelfamawwan adda addaa baastee hojiirra hoolchaa jirti.

    Qajeelfamawwan kanneen keessaa tokko namoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa seenan kamiyyu guyyooyya 14f akka adda of baasanii turan kan jedhu murtaa'uun isaa ni yaadatama.

    Imaltoonni kunneenis yeroo adda of baasanii bakka dhimmuma kanaaf qophaa'e keessa yeroo turanitti ammoo baasii isaanii ofumaan akka of danda'an ta'ee, warri hin dandeenye ammoo bulchiinsi magaalaa Finfinnee baasii isaanii akka danda'uuf beeksisee ture.

    Haaluma kanaanis hoteelonniifi dhaabbileen gara garaa qophaa'aniiru. Haata'u malee, tibba kana keessa namoonni bakka itti adda of baasanii tursiifaman kana keessaa namoonni 'warra to'ataniif matta'aa kennuudhaan gara magaalaatti babba'aa jiru; kan jedhan oduun dhaga'amaa jiru.

    Haalli bakka itti adda baafamanii turuu kun kan hedduu isa yaaddesseefi maqaan isaa akka hin eeramne barbaade tokkos nuuf akka ibsettii bakka sana keessaa bahee akka tureefi amma ammoo deebiyee akka jiru hima.

    Dhimma kana Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti Danbii Fayyaa Addunyaa kan to'atan Dr. Fayyisaa Raggaasaa gaafanneerra. "Dhimma kana ilaalchisee hanga ammaatti odeeffannoon arganne hin jiru," jedhaniiru.

  6. Amma nu gahe, Keeniyaatti namoonni 22 haaraa COVID19n qabaman

    Keeniyaan qorannoo namoota 22 haaraan koronaavaayirasiin qabamuunsaanii kan mirkanaa’ee yoo ta’u, waliigalatti namoonni vaayirasichaan qabaman 81 gahuun ibsameera

  7. Dubartiin yeroo jalqabaaf Keeniyaatti COVID-19n qabamtee turte bayyanatte

    Dubartiin yeroo jalqabaaf Keeniyatti koronaavaayirasidhaan qabamtee turte yaala guyyoota 23 booda guutumatti bayyanachuushee himte.

    Akka isheen jettutti eega ji’a Muddee as gara US imaluushee himteetti. Ta’us garuu koronaavaayiras jalqaba ji’a Bitootessa keessa Landan irraa yeroo gara Keeniyaatti deebi’aa turtetti qabamuu hin oolu jettee shakkiti.

    “Eega gara biyyaa seene booda guyyoota sadiif qufa’aa ture,” jette Bireendaan.

    Isheenis boodarra yaalaaf gara wiirtuu mootummaan qopheessetti seenuun yaalashee jalqabde. Hojjattoonni wiirrtuu sanii “haala gaariidhaan” akka kunuunsaniin dubbatti.

    “Covid-19 dhukkuba yaalamuu fi to’atamuudha,” jechuun lammiilee Keeniyaatiif dhaamsa darbarsiteetti.

    Biraan, namni dhukkubbicharraa bayyanate biraas, eega Bireendaa wajjiin ture booda dhukkubbichaan qabamuu ibsuun haala gaariirra akka jiru dubbateera.

    Innis akka jedheen muxannoon isaa firoottansaa dhukkibbicha “dhugaa fiyaalaan kan fayyuu ta’uusaa” akka amanan taasiseera jedhe.

    Keeniyaan eega Bitooteessa 13 nama Covid-19 qabame ifa goote booda hanga ammaatti biyyattii keessatti namoonni 59 koronaavaayirasidhaan qabamaniiru.

  8. Appilikeeshinii warra nama COVID-19'n qabamee waliin wal tuttuqan oolchu

    Appilikeeshiniin warra nama Covid-19'n qabame waliin tuxxuqaa qaban oolchu hojiirra ooluufi.

    Appilikeeshinii bilbilaa kan baay'ee salphaa ta'edha.

    Biriteen kana hojiirra akka ooluuf yaadaa kan jirtu yoo ta'u, kan appilikeeshinicha hojjechaa jiru ammoo Yunivarsiitii Oksifoorditti Inistitiyuutii Daataa Mana Barumsaa Fayyaa Oksifoordi waliin ta'uudhaan.

    Hojiin ijoo appilikeeshinichaa, namoota koronaavaayirasin qabaman adamsee qabuudhaaf miti.

    Namoota nama dhibee Covid-19'n qabame waliin wal-tuttuqan daqiiqaa keessatti maqaafi teessoo adda baasuun dhiyeessuudha.

    Kun akkamiin ta'uu danda'aa?

    Kun akka hojjetuuf lammileen appilikeeshinicha dursanii bilbila isaaniirratti fe'atu.

    Yeroo isaan sosocho'an, nyaataniifi dhugan bakka seenan mara seenuun GPS fayyadamuun bakka hundatti isaan hordofa.

  9. Donaald Tiraamp 'torbanoota dhiphinaatu nu dura jira' jedhan

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp 'torbanoota dhiphinaatu Ameerikaatti dhufaa jira' jechuun lammiilee akeekkachiisan.

    Torbanoota fi baatiiwwan dhufan keessatti vaayirasichi lammiilee Ameerikaa hanga 250,00 galaafachu akka danda'u tilmaamamaa jira.

    ''Kuni baay'ee waan cimaadha. Torbaanoota baay'ee dhiphinaatu nu dura jira,'' jechuun ture Tiraamp dhukkubicha ilaalchisee Waayit Hawuusitti ibsa kan kennan.

    Itti dabaluunis, ''Lammiileen Ameerikaa hundi guyyoota fuuldura keenya jiraniif akka qophaa'aniin barbaada,'' jedhaniiru.

  10. Dubartiin 'qaruuraa pilaastikii akka maaskiitti godhatte' bulchaa Naayiroobii garaa nyaatte

    Keeniyaatti dubartiin 'qaruuraa pilaastikii akka maaskiitti godhattee' suuraan ishee marsaalee hawaasaa irratti bahe bulchaa Naayiroobii Maayik Soonkoo garaa nyaatte.

    Suuraa heddumminaan marsaalee hawaasaa irratti qoodame magaalaa Mombaasaa keessatti kaafame kanarratti namoonni kaan maaskii sirrii kaa'ataniiru.

    Dubartiin kuniifi daa'imni ishee garuu qaruuraa pilaastikii murame akka maaskiitti afaanifi funyaanitti hidhatanii harka wal qabatanii mul'atu.

    Namoonni hedduun Naayiroobii keessatti maaskii bitachuu akka hin dandeenye nan hubadha kan jedhan Maayi Soonkoon dubartittiin garuu addatti 'garaa na nyaatte' jedhan.

    Namoonni ishee beekan yoo jiraatan akka eeruu kennaniifis gaafataniiru.

  11. Amma nu gahe, Ispeen sa’aatii 24 keessatti namoota 864 dhabuun rikardii du’aa olaanaa galmeessite

    Ispeen sa’aatii 24 darbe keessatti namoota 864 yoo dhabdu, Iraanis guyyaa tokkooti namoota 130 ol dhabde.

    Ministirri Fayyaa Ispeen akka jedhaniitti, kun seenaa biyyattii keessaatti lakkoofsa du’aa guyyaa tokkotti galmaa'e isa olaanaadha.

    Walumaagalatti biyyattiin namoota 9,053 koronaavaayirasiin kan dhabde yoo ta’u, namoonni 102,136 ta’an vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’eera.

    Haaluma walfakkaatunis Iraan keessatti namoonni koronaan du’an kuma sadii caaleera. Sa’aatii 24 darbee qofaa namoota 138 dhabde.

    Iraan keessatti waliigalatti namoonni 47,593 vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa’ee yoo ta’u, oggeessonni lakkoofsi dhugaa kanarra baayyee guddaa akka ta’u amanu.

  12. Afriikaa Kibbaatti qorattuun HIV beekamtuun koronaavaayirasiin duute

    Saayintistii beekamtuun Afriikaa Kibbaa Gitaa Raamjee koronaavaayirasiin duuute.

    Dr Raamjee imala Landan irraa dhiheenya gara biyyaa kan deebite yoo ta’u, dhukkubbii sombaa horachuun hospitaala Umhlaangaa keessa ciiftee ture.

    Qorannoon pirofessarri tun akkaataa HIV dubartootatti darburraatti gaggeessite turtees addunyaarratti beekamti olaanaa akka argattuu taasisee ture.

    Institiyuutii Aurumitti saayintistii duree kan turte yoo ta’u, Kaawunsilii Qorannoo Wal'aansa Afrikaa Kibbaa keessatti ammoo daarektara qorannoo HIV turte.

    Namoonni ishee waliin qorannoo gaggeessaa turanis cimtuufi gumaachi isheen dubartoota biyyattii HIV irraa baraaruuf taasisaa turte kan hin dagatamne ta’u dubbatu.

    Kana malees Daareektarri Olaantuun ‘UNAids’ Wiinii Byaanyimaa ergaa tiwiitara irratti barreessaniin, du’a Dr Raamjeetti baay'ee gadduu himte, ‘‘tibba addunyaan caalaa ishee barbaadduutti darbuunshee dhaba olaanaadha’’ jettee jirti.

  13. Botsiwaanaan yeroo jalqabaaf koronaan namni tokko du'uu beeksifte

    Botiswanaan namni koronaavayirasiin qabamuu akkuma ibsiteen daqiiqaa muraasaan booda namni tokko dhibee kanaan du’uu beeksisteetti.

    Manguddoon du'an kun dhibee COVID-19 akka qabdus boodara akka barame ibsameera.

    Pirezidaantiin itti-aanaa Botiswaanaa Silumber Tisogwaanee akka jedhanitti, manguddoon ganna 79 kun biyyaa ollaa Afrikaa Kibbaatti imaaltee yeroo deebitutti mallattoon ho’iinsa qaamaa irratti mul’ate.

    Manguddoon kun qajeelfama addaan ba’uun hospitaala erga seentee guyyaa afur booda lubbuun ishee darbeera.

    Pirezdaantiin biyyattii Mokgaweetisii Masisii Kibtaxa laabsii yeroo muddamaa labsanii, guyyoota 28’f ammoo sochiin guutummaatti akka cufamu ajajaniiru.

    Qajeelfamni kun Kamisa kan eegalu yoo ta’u, namoota tajaajila barbaachisoo kennaniin alatti namni hundi manaa akka hin bane ta’a.

  14. Biyyoota 5 hala hin baramneen 'uggura sochii' hojiirra oolchan

  15. Qaamaan walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuun maali?

  16. Maanguddoon Hindii waggaa 93 koronaavaayirasii mo’atan

    Biyyaa Hindiiti maanguddoon jiraataa Keraalaa umuriin waggaa 93 ta’an tokkoofi haati warraa isaanii kan umuriin waggaa 88 lamaanuu koronaavaayirasiirraa fayyan.

    Qondaaloonni biyyattii akka jedhaniiti lamaanuu dhiheenyatti hospitaalaa ni bahu.

    Fayyinni maanguddoota kanneenis biyyatti keessatti mata duree ta’aa kan jiruu yoo ta’u, sababii koronaan irra caalaa maanguddootaafi kanneen rakkina fayyaa qaban hubuuf oggeessonni fayyaas bayyanachuu maanguddoota kanneenitiin baay'ee gammadaa jiru.

    Jaarsichi duraanuu dhibee sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa qabu ture.

    Dhibeewwan kunneenis addunyaa gutuuttuu balaaf kan nama saaxilan ta'uun kan mirkanaa’an ture.

    Doktaroonni akka BBC Hinduutti himaniitti, haalli fayyina maanguddoo waggaa 93 battalumatti sodaachisaa ta’ee ture.

    Kanaafuu hakiimoonnis hatattamaan sa’aatii 24’f meeshaa harganuuf gargaaru ykn veentileetarii erga kaa’aniifi booda fooyyee olaanaa agarsiisuun amma bayyanachuu danda’eera jedhan.

  17. Amma nu gahe, Itoophiyaa - lakkoofsi namoota qabamanii 29 gahe

    Sa'aatii 24 darban keessatti qorannoo namoota 68'tiif taasifameen namooti sadi dabalataan vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'uu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

    Sadanuu lammilee Itoophiyaa yoo ta'an tokko dubartii ganna 33 Jabuutii, Biraazil, Indiyaa akkasumas gara Koongoo Biraazaaviil imaltee turte.

    Kan lammataa dargaggeessa ganna 26 yoo ta'u garamittu hin imalle. Haa ta'u malee amalli hojii isaa namoota imalan waliin kan wal isa qunnamsiisu jedhameera.

    Namni sadaffaan, nama kana dura poozatiivii ta'uun mirkanaa'e waliin qunnamtii kan qabuufi adda baafamee hordofamaa kan turedha.

    Sadanuu wayita mallattoo agarsiisan qoratamanii vaayirasicha kan qaban ta'uun isaanii mirkanaa'eera.

    Namooti jara kana sadan waliin qunnamtii qaban hordofamaa jiru.

  18. Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i? Attamiinan of eegaa?

  19. Gareen liqeeessitootaa liqaa Somaaliyaaa keessaa dolaara bil. 1.4 haquufi

    Gareen liqeessitoota biyyoota dureeyyii ‘Paris club’ jedhamuun beekamu tokko liqaa Somaaliyaa keessaa doolaara biliyoona 1.4 haquuf waliigale.

    Murteen kun biyyattiin wal waraansa waggoota 30 darbaniif keessa turte irraa bayyanachuuf deeggarsa maallaaqa haaraa akka argattuuf kan dandeessiisuudha jedhame.

    Ministirri Maallaqaa Somaaliyaa, Abdiraahmaan Beileh murtee liqaa biyya isaaniirra turee keessaa harka lama sadii irraa buusuun bayyannachiiseetti gammadaniiru.

    Somaaliyaan kana booda riiformii dinagdee waliigalticha xumuuruuf dandeessisuu itti fuftii jedhaniiru.

    Gareen ‘Paris Club’ jedhamu kunis bara 1956 keessa kan hundaa’ee yoo ta’u, biyyoota industiriin dagaagan irraa motummootaaf liiqaa kan dhiyeessuudha.

  20. Foolii fi dhamdhama adda baasuu dadhabuun mallattoo COVID19 ta'uu danda'aa?

    Akka qorattoonni UK jedhanitti foolii fi dhamdhama adda baafachuu dadhabuun, eeyyee mallattoo koronaavaayirasii ta'uu danda'a.

    Namoota 400,000 ta'an mallattoo vaayirasichaa qabaachuu akka hin oolle gabaasan irraa akka hubatametti, foolii fi dhamdhama adda baasuu dhabuun mallattoo dhibee kanaa ta'uu danda'a jedhu gareen qorattootaa kolleejii Kings Landan jiru.

    Haa ta'u malee kun addatti koronaavaayirasii qofaaf miti, dhukkubota qaamolee hargansuu miidhan biroofis mallattoo ta'uu danda'a.

    Amma dura mallattoon murteessoon koronaavaayirasii ittiin adda baasan gubaa qaamaa fi qufaa gogaadha.