Haaluma kanaanis hoteelonniifi dhaabbileen gara garaa qophaa'aniiru.
Haata'u malee, tibba kana keessa namoonni bakka itti adda of baasanii tursiifaman kana keessaa namoonni 'warra to'ataniif matta'aa kennuudhaan gara magaalaatti babba'aa jiru; kan jedhan oduun dhaga'amaa jiru.
Haalli bakka itti adda baafamanii turuu kun kan hedduu isa yaaddesseefi maqaan isaa akka hin eeramne barbaade tokkos nuuf akka ibsettii bakka sana keessaa bahee akka tureefi amma ammoo deebiyee akka jiru hima.
Dhimma kana Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti Danbii Fayyaa Addunyaa kan to'atan Dr. Fayyisaa Raggaasaa gaafanneerra. "Dhimma kana ilaalchisee hanga ammaatti odeeffannoon arganne hin jiru," jedhaniiru.