Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras:Namoonni 'matta'aan' bakka adda baasanii tursiifamuu keessaa bahan jiruu?
Weerara dibee koronaavaayirasii ittisuudhaaf jecha Itoophiyaan qajeelfamawwan adda addaa baastee hojiirra hoolchaa jirti. Qajeelfamawwan kanneen keessaa tokko namoonni Daandii Qilleensa Itoophiyaa seenan kamiyyu guyyooyya 14f akka adda of baasanii turan kan jedhu murtaa'uun isaa ni yaadatama.
Imaltoonni kunneenis yeroo adda of baasanii bakka dhimmuma kanaaf qophaa'e keessa yeroo turanitti ammoo baasii isaanii ofumaan akka of danda'an ta'ee, warri hin dandeenye ammoo bulchiinsi magaalaa Finfinnee baasii isaanii akka danda'uuf beeksisee ture.
Haaluma kanaanis hoteelonniifi dhaabbileen gara garaa qophaa'aniiru.
Haata'u malee, tibba kana keessa namoonni bakka itti adda of baasanii tursiifaman kana keessaa namoonni 'warra to'ataniif matta'aa kennuudhaan gara magaalaatti babba'aa jiru; kan jedhan oduun dhaga'amaa jiru.
Haalli bakka itti adda baafamanii turuu kun kan hedduu isa yaaddesseefi maqaan isaa akka hin eeramne barbaade tokkos nuuf akka ibsettii bakka sana keessaa bahee akka tureefi amma ammoo deebiyee akka jiru hima.
Dhimma kana Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti Danbii Fayyaa Addunyaa kan to'atan Dr. Fayisaa Raggaasaa gaafanneerra. "Dhimma kana ilaalchisee hanga ammaatti odeeffannoon arganne hin jiru," jedhaniiru.
Yaalii odeeffannoo midiyaalee hawaasummaa irratti bahan qulqulleeffachuuf taasifneen, kan bahanii argine qajeelfamni addatti of baasuun turuu inni dirqamaa osoo hojiirra akka ooluuf murteen hin darbiin dura mana isaanii ta'anii namoota akka hordoffiin taasifamuuf ta'uu isaanii ibsaniiru.
Dhimma kanas kan qulqulleeffatu gareen addaa Ministeera Fayyaatiin hundeeffamee guyyaa har'aa gara Immigireeshiniifi hoteelotaafi dhaabbileen adda baasanii keessa tursiisaniitti deemuun akka sakkatta'aniif itti-gaafatamummaan kennameeraaf.
Bakkeewwan itti adda baasanii tursiisan keessatti to'annoon cimaan akka jiru kan dubbatan Dr. Fayisaan, poolisiin federaalaa ramadamee guyyaa guyyaan to'ataa akka jiruufi namoonnis kutaa keessatti argaman keessaa akka hin baanes ibsaniiru.
Hordoffiin fayyaafi nyaanniifidhugaatiin isaaniif ddhiyatulleekaraa danbii isaa eegeen ta'uu isaa ibsaniiru.
Dr. Fayisaan akka jedhanitti namoonni bakka itti adda baafamanii tursiifamanii kana keessa jiran hunduu kutaa addaa keessa akka jiran himuun, kutaa tokko keessa nama tokkoo olitu jira kan jedhamee odeeffamus soba akka ta'e BBC'tti himaniiru.
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'