Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Qaamaan walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuun maali?
Harka sirriitti dhiqachuufi qulqulleeffachuutti dabalee qaamaan walirraa fagaachuu ykn namootatti dhiyaachuu dhiisuun weerara koronaavaayiras ittisuudhaaf tarkaanfii murteessaa jedhamee himamaa jira.
Mallattoowwan qufaa waliin walfakkaatan, fakkeenyaaf akka axxiffannaafi gogaa qufaasisuu yoo kan nurra jiru ta'e ammoo nageenya maatii keenyaafi namoota naannoo keenya jiraniif jecha mana keenya keessatti warra kaanirraa adda of-baafnee turuun barbaachisaadha.
Tarkaanfiiwwan lamaan weerara koronaavaayiras ittisuuf murteessoo ta'an: Fageenya qaamaa eeguufi qophaatti adda of-baasaanii turuu ilaalchisuun wantonni nuti baruun nurra jiru maalidhaa?
Fageenya hawaasummaa eeggachuu (social distancing) jechuun maal jechuudha?
Fageenya hawaasummaa eeggachuu jechuun qaamaan walitti dhiyaachuufi walqaqqabuu/tuquu namoota biroo waliin taasisuu dhiisuudha.
Kana jechuun ammoo bakkeewwan namoonni walitti qabaman deemuu dhiisuudha.
Namoonni hunduu, keessumaa ammoo namoonni umuriin isaanii waggaa 70 ol ta'an, dubartoota garaatti baataniifi qufaa/utaalloodhaaf saaxilamoo ta'an walitti dhiyeenya namoota naannoo isaanii jiru dhiisuun fagaachuu akka qaban gorfma.
Akkam gochuun fageenya keenya eeggannaa?
Yoo kan danda'amu ta'e hojii keenya mana keenya teenyee hojjechuu
Deemsi barbaachisoo hin taane dhiisuu
Mana bunaa, bakkeewwan bashannanaa alkanii (manneen shubbisaa)fi bakkeewwan namoonni baayyeen itti walitti-qabamanirraa fagaachuu
Hanga danda'ametti walitti qabamuu hiriyootaafi maatii waliinii hambisuu
Hariiroo hawaasummaarraa yeroo fagaannutti maal gochuu dandeenyaa?
Namoota biraa irraa meetira lama(tarkaanfii lama) fagaachuu, yoo kan dandeenyu ta'e manaa baanee miillaan xiqqoo deddeemuu ykn susukuu (sosocho'uu)
Mallattoon dhukkubichaa isinirra kan hin jirre yoo ta'e miseensota maatiifi hollaa maanguddoota ta'aniif gargaarsa taasisuu
Gara manneen gurgurtaa meeshaa deemuudhaan mi'awwan shamatachuu
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'
Adda of-baasanii turuu jechuun maal jechuudhaa?
Adda of baasanii turuu jechuun sochii qaamaatiif yoo ta'eerraa kan hafe mana keessa turuu jechuudha. Kana jechuun, saatii kamiyyu gara hojii, mana barumsaafi bakka namoonni hedduun itti walitti qabaman deemuu dhiisuudha.
Kan danda'amu taanaan ammo nyaataafi wantota biroo barbaachisoo hin taane shamatachuuf jecha manaa bahuu dhiisuu ilaallata. Ta'uu baannaan garuu yeroo baanutti walitti dhi'eenya namoota waliin qabnuufi walqaqqabuu/tuquu dhiisuun of-eeggannoo barbaachisu taasisuu barbaachisa,
Kan adda of baasee turu eenyuhaa?
Mallattoowwan dhibee koronaavaayiras ta'an kan akka gubaa qaamaa, qufaasisaa addaan hin cinneefi rakkoo argansuu namni mudate, akkasumas namni nama mallattooleen kunneen irratti mula'e waliin mana tkko jiraate kamiyyu adda of-baasee turuu qaba.
Namni qophaa isaa jiraatu ammo guyyaa mallattoowwan kunneen irratti mul'atee kaasee guyyoota torbaaf manaa osoo hin bahiin turuun isarra jiraata.
Nurratti ykn namoota nu waliin jiraatu irratti mallattoowwan yoo mul'atan guutummaan maatii guyyoota 14f adda of baasuun turuu qaba.
Guyyoota 14 keessatti namni mallattoon irratti argamuu jalqabe ammo guyyoota dabalataa torbaaf adda of baasuu turuutu isarra jiraata.
Namni mallattoowwan irratti argame namoota mana keessa jiran biraa irraa adda of baasuun kutaa foddaa qabuufi qilleensi galu keessatti adda bahee turuu qaba.
Warreen biro adda of baasuun turuu qaban eenyufaadha?
Namoota duraan dhibee fayyaa qaban akka vaayirasichaan hin qabamneef eeguudhaaf bakka addaa qofaatti baasuun tursiifamaniifi bakka of eeggannoon addaa itti taasifamuuf torbeewwan 12f adda baafamanii tursiifammuu qabu. Namoonni kunneen isaan kana dabalata:
Dhukkubsattoota kaanserii kemooteraappiifi cararii ordofaa jiran
Namoota wallaansa kutaa qaamaa jijjiiruun taasifameef
Namoota dhukkuba cimaan qabaman ykn Kaleen miicamaaf jiru
Namoota dhukkuba asmiifi kanneen biro yaaddessoo ta'an qaban
Yeroo qofaatti adda of baafnee jiraanutti namoonni salphaatti saaxilamuu danda'an yoo jiraatan maaltu ta'a?
Namoota umuriin isaanii deeme, dubartoota garaatti baataniifi namoota rakkoo fayyaa qaban kan nu waliin jiraatan yoo ta'e, yeroo adda of baafnee jirru keessatti namoota kana iraa yoo xiqqaate meetira lama fagaachuu qabna.
Kutaa saaloniifi bakkawwan waloon keessa turru keessa saatiin dabarsinu murta'aa akka ta'u gochuufi kutaawwan kanneen keessa ammoo qilleensi akka garaa kan seenu taasisuun nurra jiraata. Kan dand'amu yoo ta'es namoota miidhaaf saaxilamoo ta'an kunneen adda bahanii nyaata isaanii kutaa isaaniitti akka nyaatan gochuudha.
Fooxaawwan itti fayyadamnu adda baasuufi erga itti fayyadamnee boodas meeshaawwan kutaa itti dhiqatan tutuqqaadhaaf saaxilaman qulqulleessuufi qulqullina isaanii sirnaan eeguudha. Kan danda'amu yoo ta'e ammoo mana fincaanii/boolii addaa fayyadamuudha.
Namoota warra qofaatti adda of baasanii jiran waliin jiraatan, keessumaa carraa kamiiniyyu waltuquun yoo jiraate ykn meeshaa keessan yoo tuqan booda irra deddeebiyuun sekondiiwwan 20f haka isaanii saamunaadhaan dhiqachuun isaanirra jiraata.
Balfawwan qulqullinaaf itti fayyadamne kan akka softie, qabee pilaastikaa dacha keessa saatii 72f adda baafnee of eegannoon kaa'uun booda balfawwan birootti makuun akka maqfamu taasisuu barbaachisa.
Kanaaf, koronaavaayirasiirraa ofii keenyaafi maatii keenya eeguudhaaf yoo dirqama tauudhaa bate mana keenya keessa turuun tarkaanfii murteessaadha. Kanarraa kan hafe garuu bakkaafi haalli dirqama bakka ta'e nu geessu jiraannaan fageenya namoota waliin qabnu meetira lamaa gadi akka hin taane gohuun nurra jira.
Kuna mmoo fageenya hawaasaa eeguu jechuudha.
Dabalataanis mallattoowan dhukkubichaa nu irrattis ta'e namoota nutti dhiyeenya qaban irratti yoo mul'ateef guyyoota torbaa hanaga 14 ofii keenya namoota biroorraa adda of baafnee mana keessa of tursiisuudhaan hanga haalli dhukkubichaa adda bahutti eeguun barbaachisaadha.
Kun ammoo tarkaanfii adda of baasanii turuudha.
Kanaan alatti ammoo waa'ee dhukkubichaafi kan keessa jirru namoota nutti dhiyaatan beeksisuu, akkasumas karaa toora bilbilaa bilisaa tajaajila kanaaf qophaa'anii 8335 ykn 952 irratti bilbiluudhaan gorsaafi deggersa argachuu ni dandeessu.