Garee Mirga Namoomaa UN: Yeroo weerara koronaavaayirasii ‘intarneeta cufuuf sababni amansiisaa jiraachuu hin danda’u’

Yeroo dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf odeeffannoo argachuun murteessaa ta'etti intarneeta cufuuf sababni amansiisaa jiraachuu hin danda'u jechuun ekispartoonni Idil-addunyaa Garee Mirga Namoomaa Biyyoota Gamtoomanii akeekkachiisan.

Yeroo ammaa dhukkubni koronaavaayirasii addunyaa guutuutti namoota 280,000 kan hube yoo ta'u 12,000'tti kan siqan immoo du'aniiru.

Itoophiyaatti namni dhukkuba kanaan du'e jiraatuu baatus gaafa Jimaataa kanneen kanaan qabaman 9 gahaniiru.

Haa ta'u malee, torban muraasa aananitti 'hammaachuu mala' jedheera Ministeerri Fayyaa biyyattii.

''Yeroo rakkoon hammaatetti tajaajilli intarneetii murteessaadha,'' jedhu Dhaabbata Mirga Namoomaa Biyyoota Gamtoomanitti raapportarri addaa mirga yaada ofii qabaachuufi ibsachuu kan ta'an Deevid Keey ibsa bahe irratti.

Fayyaan dhala namaa tajaajila fayyaa jiru qofaa irratti kan hundaa'e miti. Odeeffannoo qulqullaa'e irrattis kan hundaa'edha jedheera ibsi kuni.

Sababa kanaaf, mootummaaleen intarneeta cufuu hin qaban. Yoo durallee cufamee jiraate yeroo dhukkubni koronaavaayirasii addunyaa yaaddesse kanatti akka banamu gaafateera.

''Keessumaa yeroo muddamaa odeeffannoo argachuun barbaachisaa ta'etti, sababa nagaa kabachiisuufi nageenya biyyaalessaaf jedhun tajaajila intarneetaa dhorkun amansiisaa ta'u hin danda'u,'' jedhu Deevid Keey.

Akka Rooyitars gabaasetti sababa rakkoo nageenyaan bulchiinsi Hindii Kaashmir COVID-19 hubamte intarneeta duraan cufte itti fufuu isheen yaaddoon uumameera.

Gama kaaniin, dhaabbanni mirga dijitaala idil-addunyaaf falmu, 'Access Now', jedhamu torban kana mootummoonni Itoophiyaa, Miyaanmaar, Baangilaadesh akkasumas Hindii intarneeta akka banan gaafateera.

Dhaabbata kanatti xinxaltuun olaantuu imaammataa kan ta'an Birhaan Taayyee dhukkuba koronaavayirasii ittisuuf biyyoonni odeeffannoo wayitawaa gadhiisuu akka mala tokkotti akka fayyadamaa jiran eerti.

Haa ta'u malee, 'Biyyakee keessaa ummanni odeeffannoo amanamaa argachaa kan hin jirre yoo ta'e carraaqqii kee zeerotti baay'isa,' jechuun Rooyitarsiif himte.

Qondaaltonni Itoophiyaan maal jedhan?

Itoophiyaa keessatti keessumaa Lixa Oromiyaatti baatii Amajjii eegalee torban 11'f intarneetni cufaa ture. Bakkeewwan baay'ee muraasan alattis bilbilli mobaayilaa dalagaa hin jiru.

Ministira Muummee Abiy dabalatee hoggantoonni kaan tarkaanfii dhukkuba kooronaavaayirasii ittisuuf fudhatame yeroo ifa godhan dhimma intarneeta cufamee yeroo dubbatan hin dhagahamne.

Mootummaan 'olola hidhattoota araara nagaa mootummaan dhiheessen hin gammadne ittisuufi oppireeshinii gaggeesusuf' akka cufe himus dhaabbileen mirga namoomaafi paartileen siyaasaa garuu kana ni qeequ.

''Mootummaan networkiifi intarneeta banuu dhabuu isaatiin odeeffannoon hunda bira akka hin geenye taasiseera,'' jechuun ibsiti qorattuun olaantuu garee mirga namoomaa Human Rights Watch Laayetitiyaa Baader.

Akka Laayetitiyaatti kanneen raadiyoofi Tv'n odeeffannoo koronaavirasi argatan ni jiru garuu odeeffannoon kuni gahaa miti.

Itoophiyaatti fayyadamtoonni intarneetaafi miidiyaa hawaasummaa xiqqaa ta'us gaheen miidiyaaleen kunneen ijoo dubbii hawaasaa qajeelchan xiqqaa miti.

Torbanuma kana dhaabbileen siyaasaa kanneen akka KFO, ABO akkasumas rogeeyyiin garaa garaa tarkaanfii mootummaan dhukkuba koronaavaayirasii ittisuuf dalagaa jiru deeggaranis intarneetiin gama lixa Oromiyaa cufame akka banamu gaafataniiru.

Gama kaaniin, gaaffiin intarneetni haa banamu jedhu galma siyaasaaf kan ooledha jedhanii qeeqanimmoo jiru.

MM Abiy Ahimad torban kana ogeessota kominikeeshinii walitti qabuun imaanaan guddaa akka itti kenname hubachiisanii turan.

Dhaabbata mootummaa tokkicha tajaajila intarneetaa Itoophiyaa keessa kennu kan ta'an Hoggantuun Olaantuu Itiyoo Telekoom dhimma intarneetaa irratti wanti haaraa murtaa'e hin jiru jechuun isaanii ni yaadatama.