Itoophiyaan Waancaa Afrikaa hundeessite ala teessee ilaaluurraa yoom itti hirmaatti?

Taphattoota garee biyyaalessaa Itoophiyaa bara 2025

Madda suuraa, Getty Images

Waancaan Afrikaa bara 2025 Morookootti gaggeeffamaa jira. Baranas Itoophiyaan keessa hin jirtu. Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa keessaa dhibanis, deeggartoonni kubbaa miilaa Itoophiyaa qalbiin isaanii qophii ispoortii ardii Afrikaa guddicha ta'e kanarraa hin fagaatu.

Barri garee biyyaalessaa biyyattii keessatti hirmaatee qalbii guutuun hordofanis ni dhufa jedhanii dhaloonni abdatanis hin dhiban.

Yoomi laata?

Barri 1962 seenaa kubbaa miilaa Itoophiyaa keessatti bakka guddaa qaba. Itoophiyaan Waancaa Afrikaa har'a moggaa teessee ilaaltu kana qopheessitee, waancaa sanas mo'atte.

Seenaa guddaan hanga har'aatti ittiin yaadatamtuufi dhaadattus ishuma kanadha.

Biyyoota sadii Waancaa Afrikaa bara 1957 hundeessan keessaa Itoophiyaan adda duree ta'uu seenaan ni hima. Dorgommii Waancaa Afrikaa jalqabaa sanarratti Masiriin tokkoffaa, Itoophiyaan lamaffaa, Sudaan ammoo lamaffa bahuun xumurame.

Isaan boodo Waancaan Afrikaa lamaffaan Masiriitti kan qophaa'e yoo ta'u, sadaffaan ammoo bara 1962 Itoophiyaan qopheessitee ofumaan mo'attee hambifattedha.

Karaa lammilee biyyoota akka Xaaliyaanii, Ingiliziifi Armeeniyaa kubbaan miilaa Itoophiyaa keessatti beekamee gareen kubbaa miilaa warri akka 'Araadaa' jedhamaniifi kaan hundeeffamuun kaka'umsa akka uume dubbata gaazexeessaan ispoortii buleessi Obbo Tashoomee Qadiidaa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Addatti ammoo namni ispoortii Itoophiyaa beekamaa Yidineqaachoo Tasammaa Itoophiyaarra darbee Afrikaa keessatti gahee hin dagatamne akka qabu kaasa.

Yidineqaachoo Tasammaa taphataa kubbaa miilaa Itoophiyaaf waancaa 15 argamsiise yoo ta'u, Bara 1943-76 Barreessaa Olaanaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ta'uun tajaajileera. Kana malees, Yidinekaachoon bara 1966-72tti miseensa Boordii Hoji-raawwachiiftuu FIFA ta'uunis tajaajileera.

Bara 1957 Amajji 10-16 Waancaan Afrikaa Sudaan, Kaartumitti akka gaggeeffamu murtee warra dabarsan keessaa tokko kan ture Ydineqaachoo Tasammaa, hubannoon kubbaa miilaa Itoophiyaarra darbee sadarkaa Afrikaatti akka uumamu gochuurra darbee seerota kubbaa miilaa qopheessuun gumaacha guddaa nama taasisedha.

Itoophiyaan bara 1928 irraa kaastee kubbaa miilaarratti hubannoo qabaachuun biyya dursitu taatus, imallishee ispoortii kanaan akka ka'umsa isaa hin bareedne jedha Obbo Tashoomeen.

Itoophiyaan Waancaa Afrikaa hundeessite keessatti si'a 11 hirmaatteetti, garuu seenaa hundeessuurraa kaasee qabdu itti fufsiisuu akka hin dandeneye ibsa Obbo Tashoomeen.

Seenaa keessatti Itoophiyaan biyyoota Afrikaa dursuun kubbaa miilaan jalqabdee turte kan jedhu Obbo Tashoomeen, "biyyoonni Afrikaa hedduun yeroo sana kubbaa miilaa Itoophiyaa daawwataa turan; [galgaltoo ta'ee] Itoophiyaan kunoo amma ala teessee kubbaa miilaa Afrikaa daawwatti," jechuun miira gaabbiin ibsa.

'Maaltu karaarraa maqe?'

Kubbaan miilaa Itoophiyaa rakkoo hundee gadi faggeeffate akka qabu namoonni dhimma kanarratti qoratan ni ibsu. Isaan keessaa ammoo bulchiinsa federeeshinii dadhabaa ta'e, madda maallaqaa amansiisaa ta'e dhabuu, hanqina leenjistoota gahumsa ogummaa qaban, ganamarraa ijoollee dandeettii qaban guddisuu dhabuufi leenjii walitti fufiinsa qabu dhabamuu rakkaa adda-durummaan ka'anidha.

Kana malees, bu'uraaleen misoomaa barbaachisan guutamuu dhabuufi quba wal dhabuun Federaashinii (EFF) fi kilabootaas taphattoonni dandeettii qaban akka hin baane godheera jedhu xiinxaltoonni itti dhiyeenyaan qoratan.

Obbo Tashoomee Qadiidaa rakkoo kubbaa miilaa Itoophiyaa bakka sadiitti qoodee ilaala. Isaanis: Bu'uura ummataa qabsiisuu dhabuu, bu'uraaleen misoomaa kubbaa miilaa hanqachuufi mootummaa qofaarratti hundaa'uuudha.

Akkaataan gurmaa'ina kubbaa miilaa Itoophiyaa sirreeffamuu feesisa kan jedhu Tashoomeen, walitti dhufeenyi kilaboonni ummmataafi mootummaa waliin qaban bifa kan qabatuufi hin raafamne gochuun barbaachisaa ta'uu ibsa.

Akka Obbo Tashoomeen jedhutti, dhiyeenya kana keessa fooyya'insi bulchiinsa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa keessatti mul'achuu jalqabullee waggaa dheeraatiif harkisoon achi keessa jiru gufuu guddina kubbaa miilaa ta'ee tureera.

Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itoophiyaa (Waaliyaa) Waancaa Afrikaa bara 2025 amma gaggeeffamaa jiru keessaa bahuu isaatiif sababirratti gara garaatu dhiyaataa ture.

Istaadiyoomiin Itoophiyaa keessa jiran sadarkaa FIFA kan hin guutne waan ta'eef tapha dirreesaatti taphachuu male biyyoota adda addatti taphachuun gareen Itoophiyaa akka rakkoo tokkootti ka'aa tureera.

Haata'u malee, istaadiyeemiin rakkoo hedduu ka'an keessaa tokko qofa akka ta'etti kan kaasanis jiru.

Qabxii dhabuu garee biyyaalessaa ilaalchisee dursaan taphattootaa garee Itoophiyaa Gaatooch Paanoom ''garaagartummaa guddatu nu gidduu jira, hojjechudhumatu nurra jiraa'' jechuun BBCtti himee ture.

''Homaa waan biraa miti. Hojiin hojjetamuu qaba. Gahumsaan, leenjiin waan maraan nu caalu. Isaan biyyoota Awurooppaa keessaa taphatu. Nuti ammoo hundi keenya liigii biyya keessa taphanna. Sadarkaan liigii isaan keessa jiraniifi kan biyya keenyaa garaagartummaa guddaa qaba.''

''Biyya keenya keessatti namni taphataa fi lenjisaarratti farada. Garuumoo bu'uurarraa hojjetamuu qaba'' kan jedhu Gaatoch taphattootni Itoophiyaa tattaaffii ofiin malee hojiin gahaan irratti hojjatamee sadarkaa kanarrayyuu hin geenye jedha.

''Akka biyyattii namni hunduu kubbaa miila keenyaaf xiyyeeffannoo hangamii kennineerra kan jedhu ilaaluu qaba'' jedha.

Gaatoch biyyoota warra kana waliin dorgomaa ta'uuf wanti ta'uu qabu tokko ''hojiifi hojii qofa.''

Abdiin jiraa...?

Fooyya'iinsi bulchiinsa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa keessatti dhiyeenya mul'ataa jiruufi misooma ispoortii bulchiinsi Ministira Muummee Abiy Ahimad hojjechaa jiru abdii akka itti hore dubbata Tashoomeen.

"Pirojektoonni gara gadiirraa ka'ee hojjetamaa jira. Mootummaan ammoo iddoowwan ispoortii ijaaraa jira."

Milkaa'inni taphattoota ol adeemoo waggaa 17 gadii dhiyeenya kana argame ragaa pirojetiirratti hojjetamaa jiraachuuti kan jedhe Tashoomeen, adeemsa kanaan ammoo taphattoota garee biyyaalessaaf barbaachisan argachuuf carraa akka uumu eera.

Akka inni jedhutti, naannoo Oromiyaa keessatti akka fakkeenyaatti lafti hektaarri tokko magaalaa keessatti bakka oolmaa ispoortii akka ta'u iseensa mana-mareetiin murtaa'ee murtaa'eera.

Dhuunfaatiin, kilabootaanis kaka'umsa amma jalqabame kanaan osoo itti fufamee carraa guddaatu jira kan jedhu gaazexeessaan kun, mootummaan waan kana bu'uureffachuun Waancaa Afrikaa 2029 qopheessuuf akka gaafatallee kaasa.

"Bulchiinsi MM Abiy Ahimed misooma ispoortiif xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Gubbaarraa xiyyeeffannaan akkasii yeroo itti kenname, qaamni dhimmi ilaallatu socho'ee milkeessuudhaaf ni kaka'a.

Amma istaadiyeemonniifi bakki oolmaa ispoortii bulchiinsa magaalotaa Finfinnee fi Dirree Dhawaa dabalatee naannolee fi yunivarsiitiiwwan keessatti babal'achaa jira.

Kun taanaan Itoophiyaan qarqara teessee ilaaluurra gara keessatti hirmaachuutti deebiti," jechuun abdii qabu dubbateera.