Itoophiyaan Waancaa Afrikaa bara 2029 qopheessuuf karoorsuu beeksifte

Waancaa Afrikaa

Madda suuraa, Getty Images

Itoophiyaan waancaa Afrikaa isa bara 2029 qopheessuuf hojiilee dursanii hojjetamuu qaban irratti qophaa'aa akka jirtu beeksifte.

Ministirri Ispoortiifi Aadaa Obbo Qajeelaa Mardaasaa yaada BBCf kennaniin dorgommii kubbaa miilaa guddicha Afrikaa qopheessuuf karoorri qabamuu beeksisan.

''Waancaa Afrikaa gara Itoophiyaatti fiduu qabna jennee akkuma mootummaatti murteessine, hojiimmoo ni barbaada'' jedhan Obbo Qajeelaan.

''Dorgommiin bara 2029 gara Itoopihyaa akka dhufu gaafachaa jirra, irratti hojjechaa jirra, qunnamtii jalqabneerra.''

Ministeerichi qajeelfama amma dura kennamee ture irratti galtee dabaluun qophii Waancaa Afrikaa qopheessuuf godhamurratti roodmaappii qopheesse Ministeera Karooraafi Misoomaa biyyattiif dhiyeesseera.

Murteen Itoophiyaa Waancaa Afrikaa qopheessuuf qabdu kun ifa kan ta'e gareen biyyaalessaa dorgommiiwwan idila addunyaa silaa Itoophiyaa keessatti taphachuu qabu dirree alagaarratti taphachuuf wayita dirqamee jirutti.

Sababni kun ta'eef ammoo sadarkaan Istaadiyeemiiwwan Itoophiyaa ulaagaa CAF kaahe hin guutne jedhamuun dhorkamuu isaaniiti.

Itoophiyaan hundeeffama dorgommii kanaa keessatti adda duree taatee yeroo sadii kan qopheessite yoo ta'u, erga bara 1976 garuu qopheessite hin beektu.

Obbo Qajeelaan karoorri kun wayita qabamu hojiileen hojjetamuu qaban hedduu ta'uu hubachuun akka ta'e dubbatan.

Dorgommii kanaaf istaadiyoomiiwwan shan kan ijaarsi isaanii amma dura eegalamee jiru sadarkaasaa haala eeggateen xumuruuf hojiin hojjetamuu akka eegale dubbatan.

''Istaadiyoomiiwwan sadarkaa isa xiqqaa CAF kaahe guutan afuriifi shan barbaachisa, kunimmoo hojiinsaa eegaleera. Istaadiyoomiin biyyaalessaa Aday Ababaa ijaarsisaa sababa sharafa alaatiin adda citee ture maallaqni argameefi sadarkaa CAFtti xumuruuf sochiin itti fufeera.''

Kontiraaktarri haaraan hojii ijaarsa istaadiyeemichaa itti fufee jiraachuus himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waancaan Afrikaa bara 2025 Morookootti kan qophaa'u yoo ta'u, kan bara 2027 ammoo Keeniyaa, Taanzaaniyaafi Ugaandaan waliin ta'uun qopheessuuf jiru.

Obbo Qajeelaan isa bara 2029 biyya biraa waliin ta'uun osoo hin taane ''kophaadhumatti keessummeessuuf karoorfannee'' jedhan.

Itoophiyan karoora qabatte kanaan iyyata galfattee qopheessituu dorgommichaa yoo taate yeroon qophiif qabdu waggoota afur qofa.

Obbo Qajeelaan yeroon hafe ''qophii keenya xumuruuf gahaadha'' jedhan.

Ijaarsi Istaadiyeemiiwwan Aday Ababaa, kan Maqalee, Baahirdaar, Dirree Dhawaa fi Hawaasaa ni qaqqabu kan jedhan Obbo Qajeelaan ''mootummaan Federaalaafi kan naannoo xiyyeeffannaa guddaa itti kennanii hojjetamaa jira'' jedhan.

Kanaan cinaatti godaambaan aadaa fi duudhaa uummata Itoophiyaa calaqqisu ijaaruuf karoorfamuus dubbatan.

Dorgommii kana kophaa keessummessuun gatii guddaa gaafachun mirkana ta'uu kan himan Obbo Qajeelaan, ''Itoophiyaan fakkii ofii uumuu barbaadduuf of dandeessee keessummeessuutu gaarii ta'a jedhamee amanamee jedhan.

Itoophiyaan baasii sagantaa kana eessaa argatti gaaffii jedhuuf, ijaarsa istaadiyeemiin alatti bu'uurri misoomaa hedduun mijataadha jedhan Obbo Qajeelaan. Ta'us maallaqa kanaaf oolu walitti qabuuf duulli akka godhamu dubbatan.