Arsenaal Aston Viilaa haaloo bahate, Yunaayitidiifi Cheelsiin qe'ee ofiitti qabxii gatan

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal eda Astoon Viilaa akka gaaritti haaloo bahate. Jalqaba ji'a Muddee Astoon Viilaan daqiiqaa dhumaatti Arsenaal mo'achuun qabxii gachisiisee ture.
Halkan edaa Arteettaan 'madfiisaa' akka gaaritti qopheeffattee eeggate. Boqonnaa booda galchiiwwan afur lakkoofsiseen 4-1 Arsenaal injifate.
Arsenaal qabxii shaniin dursuun mataa Pirimerliigiirra taa'ee bara haaraa 2026 simachuuf jedha. Maan Siitiin har'a halkan dirreesaan ala Sandaarlaand wajjin morkii jabaa taasisa. Mo'us mo'amus sadarkaa lammaffaasaa namni irraa hin fudhatu.
Jifataa duraanii Aston Viilaa kan ta'e Diyoon Dabliin, "Waanti Arsenaal Aston Viilaa irratti raawwate sadarkaa isaan irra jiran namatti agarsiisa" jechuun BBC Radio 5tti dubbate.
"Taphataan hunduu gumaachaa jira waan ta'eef waanti hunduu toora qabateefii jira- leenjisaa, taphattoonnifi hojjattoonni hunduu jechuudha."
Miikeel Arteettaan gahuumsa taphattoonnisaa agarsiisaniifi Aston Viilaa irratti mo'icha argachuutti akka gammadu ibse.
"Baay'ee gammadeera. Isaaniin [Astoon Viilaan] morkachuun hedduu ulfaata. Yeroo akkasii akka qabaannu ni beekna ture. Boqonnaa dura galchii lakkoofsisuu hin dandeenye ture. Garuu boqonnaa booda waan hunduu nuuf qajeeleera jedhe.
''Waan hundumaaf dirree keessatti dorgomaa turre. Haallitti yerootti fayyadamne, galchii gahumsa dhuunfaan lakkoofsisan hunduu waanuma ajaa'ibaati," jedhe.
Gabri'eel Yesus ammoo, "Astoon Viilaan yeroo hundaa as yeroo dhufan akka malee nu injifatanii deebi'uuf hojjetu. Har'a kan mo'anneef xiin-sammuu keenya irratti hojjechuudhaani" jechuun dubbate.
Taphataan duraanii sarara gidduu Ingilaand Daanii Marfii ammoo: "Gahuumsi Arsenaal ajaa'iba. Cimina guddaa akka qaban kan agarsiisudha," jechuun dubbate.
Ammaaf Arsenaalitti qormaata kan ta'e Maan Siitiidha. Akkuma nama eegee qeerransaa qabee itti ta'ee jira. Har'a Sandarlaandiin injifatamee garaagarummaan qabxii shanii amma jiru yoo itti fufeen alatti, Siitiin Arsenaalif yaaddessaadha.
Ammaayyuu karaa dheeratu hafe
Arsenaal bara 2023 yeroo kana qabxii shaniin Maan Siitii dursaa ture. Garuu Peep Gaardiyoolaan boodaa ka'ee waancaa nyaate.
Deeggartoonni Arsenaal waggoota 22 kan ta'uuf waancaa malee turuunsaanii bara kana hawwii cimaa keessa isaan galcheera. Waancaan bara kana keenyuma jechaa jiru.
Garuummoo dorgommiin keessumaa Maan Siitii waliin godhamu salphaa miti. Maan Siitiin jalqabarratti qabxii gataa turullee deebi'ee miila lamaan dhaabbachuun Arsenaal eegee qabee jira.
Taphataan duraanii Liivarpuul Jiimii Karaagar yeroon itti waancaan kan kooti jedhanii dubbatan hin geenye jechuun karaan dheeraan akka hafu hime.
"Waancaa malee waggaa 22 turaniiru, garuu yeroon itti gammadan amma miti; karaa dheeratu hafe," jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Manchestar Yunaayitid Wolves qe'ee ofiitti dirreessatti simatee qabxii qooddatee bahe.
Wolves taphni Pirimeerliigii bara kanaa erga eegalee mo'atanii kan hin beekne kaleessa Oltiraafoorditti qabxii qooddatanii bahan.
Taphattoota saddeet miidhamaafi tapha intarnaashinaalaan kan dhabe Yunaayitid dirree ofiisaatti galchii 1-1 qabxii qooddachuuf dirqame.
Cheelsinis kaleessa akkuma Yunaayitid ta'e. Dirreesaatti morkii jabaa Bornimaaz waliin taasiseen galchii 2-2 wal-qixa bahe.
Jifataan Barnimaaz gara Maan Siitii deemuu mala jedhamaa jiru Antoon Semeeniyoo galchii lamaanuu lakkoofsise.
Taphataan ganna 25 kun gatii paawundii miliyeena 65 ta'uun gara Maan Siitii deemuuf waliin dubbiin akka eegaletu himama.
Semeeniyoon dursee Barnimaazif lakkoofsisus Cheelsiin galchii qixxeessituu lakkoofsisuuf yeroo itti hin fudhanne.
Galchii lammataas galchuun dursummaa fudhatus daqiiqaa afur booda Semaaniyoon lakkoofsisuun taphichi 2-2 wal-qixa xumurame.
Yunaayitidiifi Cheelsiin qabxii wal-qixa 30 sassaabbachuun galchiin wal caalanii sadarkaa 5ffaafi 6ffaarra jiru.
Sadarkaa 4ffaarra kan jiru Liivarpuul qabxii lama qofaan isaan caala.
Arsenaal qabxii 45 sassaabbatee gabatee Piriimerliigirra taa'ee jira. Maan Sittin hanga har'a halkan Sandarlaand waliin taphatatutti qabxii shaniin caalamee Arsenaalitti aanee jira.
Siitiin bor kan injifatu yoo ta'e, garaagarummaan Arsenaal waliin qabu lamatti gadi bu'uun morkiin waancaa hawwisiisaa akka ta'u taasisa.












