Leenjistoonni falfaltoota miti- Gaardiyoolaa

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaan amma ''hurriin'' Maanchister Siitii irra ture ka'eera jedhan.
Garuu aluma takkaan garee isaanii kana haaromsuun jabeesuuf fala waaraa akka hin arganne ibsan.
Galchiin Rayaan Cherkii Nootiingihaam Foorest irratti lakkoofsise yeroo gabaabaaf mataa gabatee Piriimer Liigii irra isaan kaa'ee ture.
Arsenaal Biraayitaniin erga mo'atee garuu bakka isaa sadarkaa tokkoffaatti deebi'e.
Bara dorgommii darbe Maanchister Siitiin shaampiyoonaa kan tahe Liiverpuuliin qabxii 13'n caalamee sadaffaan xumure.
Isaan dura waancaa Piriimer Liigii afur turan hunda Maan Siitii mo'ate. Arnee Isloot bara jalqabaa isaatti Liiverpuuliin shaampiyoonaa taasise.
Gaardiyoolaan baruma darbe ji'a Amajjii irraa jalqabuun garee haaraa dheebuu waancaa injifachuu qabu ijaaruu jalqabe.
Taphoota 13 keessaa tokko mo'ate. Taphoota shan walitti aansuun mo'amee ture. Kun seenaa leenjisummaa Gaardiyoolaa keessatti mudatee hin beeku.
Isa qofa miti waggoota 12 keessatti qabxii gadi aanaa isa jedhamu galmeessuun Shaampiyoonsi Liigii keessaas bahan.
Gaardiyoolaan; ''Leenjistoonni falfaltoota miti. Waan feetu murteesitee haga libsuu ijaatti waan hundaa qajeelchuux,'' hin danda'amu jedhe.
''Al takka takka yeroo si barbaachisa. Bara dorgommii darbe yeroon kileba kana qeequu si'a meeqa na argite? Nan danda'an ture.
Bara leenjisummaakootti lakkoofsa guddaa jedhamun qaba. Garuu takkaayyuu hin qeeqne. Al takka takka dhimmichi sababakeef kan dhufe miti.....waan tahetu akka hurriitti dirree shaakala keenyaa marsee ture. Waan nu hanqate jira ture,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaardiyoolaan gaafa waggaa haaraa sanderlaandiin morkata. Yeroo gannaa Ameerikaatti garee isaa waliin marii bal'aa gaggeessaa ture.
Yeroo sana Kilab Woorlid Kaap irratti dorgomaa turan. Tapha Al Hilaal waliin taphatan irratti, baayyeema gaarii turre. Waan mo'amneef qofa osoo hin taane shaakala irratti, tapha irratti guutummaan baay'ee gaarii turre.
Erga kufnee taphattoonnikoo boqonnaaf deeman. Anis deemaan jedhe.
''Bakki nuyi buufannee ture Bookaa Raaton jedhamu ammoo qarqara galaanaati. Namni hunduu gammadaa ture. Irbaata yeroo baay'ee waliin dabarsine, waan barana gochuu qabnu irratti qabxiilee baay'ee mari'anne'' jedhe.
Gaggeessitoota kilebichaa hundaa waliin tahuun waa akka nu hanqateeru ilaalaa turre.
''Aannisaa, aannisaa, aannisaa hin qabnu. Haala gaariin shaakaluu jalqabne.
Ergasii akka gaariitti dorgomtoota taane. Kana jechuun waancaa mo'atta jechuu miti.
Garuu amma garee kana ni hubatta. Walitti aansuun taphoota saddet mo'anneerra.salphaa miti garuu karuma hundaan dorgomuu qabna. Ammas kanarra fooyyessuu qabna, xiinsammuun kun garuu baay'ee gaariidha'' jedhe Peep Gaardiyoolaan.
Gaardiyoolaan Maanchister Siitii keessa barana caalaa tura jedhamee hin eegamu.
Kilebichi leenjisaa bakka na bu'u barbaaduu qabas jedheera.
Kanaaf ammoo garee haaraa ijaare kanaan waancaa injifatee bahuu barbaada. Arsenaalis baratti garee isaa jabeesseefi waancaaf dorgomudha.












