Arsenaal 2-1 Biraayitan mo'achuun dursummaa Piriimer Liigiitti deebi'e

Piriimer Liigiin torban 18ffaa gaggeeffamaa jira. Tapha tokko eda Maanchester Yunaayitid fi Niiwukasil gidduutti gaggeeffameen Yunaayitid 1 fi 0n mo'ateera. Har'a ammoo Notingihaam Forest v Maanchester Siitii, Arsenaal v Biraayiten dabalatee taphoota torbatu gaggeeffama.

Guduunfaa

  • Piriimer Liigii torban 18ffaa: Notingihaam Forest v Man Siitii dabalatee taphoota torba
  • Kophee warqee argachuuf taphattoota sadii kokkee walqabaa jiran
  • Odeeffannoo biroo addunyaaf

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Haati warraa duraanii Ashraaf Hakiimii dhiifama gaafachuu himame

    Hibaa Abuuk abbaa warraa ishee duraanii Hakiimii waliin wal hiikteetti.

    Lameen isaanii ijoollee dhiiraa lama qabu. Qabeenya isaa qooddachuuf jettee akka wal hiikte himamaa ture.

    Yeroo sana Hakiimiin miindaa isaa hundaa fi qabeenya isaa hunda maqaa harmee isaan kaa’aa akka ture himame.

    Kilebni isaa PSG’n miindaa Hakiimii waggaatti paawondii miliyoona 28 godheefii kontiraata isaas dheeresseera.

    Kun isa duraan miliyoona 10 ture irraa gara miliyoona 28 jechuudha. Tibbana ammo dogogoreenii, dhiifama naaf godhi akka jette dhagahame.

    Ashraaf Hakiimii biyyi isaa Waancaa Afrikaa qopheesitee waan jirtuuf Morookoof taphachuuf deemera. Garuu miidhama irra jira.

  2. Arsenaal bakka isaaf malu irra taa'eera- Gabri'el Yesus

    Gabri’eel Yesus taphaan booda yaada kenneen akkas jedhe; ''Baay’ee gammadeera. Ji’oota 11 booda deebi’ee amma haala gaarii irran jira,’’ jedhe.

    Miiltoon isaa Gabri’eel Maagalesh deebi’uu ilaalcisee: ‘’ Akkuma namni kamiyyuu argu erga inni dirree seenee ittisni keenya tasgabbaa’e.

    Galchiin nurratti lakkaa’amaa ture. Erga inni dirree seenee garuu garaagarummaa inni fide ni argama. Inni gaggeessaa jabaadha. Kileba kanaaf nama dhaabbatudha,’’ jedhe.

    ‘’Waaqakoo Yesuusiif haa galatu. Isatu akkan har’a bakka kana dhaabbadhu na gargaare.

    Deebi’ee asitti argamuukoo sodaadheen ture. Yeroo hamaa akkasii keessatti isa na gargaare waaqayyoof haa galatu.’’

    ‘’Tokkoffaa tahuun hedduu namati tola. Arsenaal garee taphattootaa guddaa qaba. Amma bakka isaaf malu irra jira. Maanchister Siittiin waancaa baay’ee mo’ateera. Amma nuyis muuxannoo gahaa qabna. Barri kun baratti waancaa injifannu jedheen abdadha,’’ jedhe.

  3. Maartiin Odeegaard waa'ee injifannoo fi dursummaatti deebi'uu maal jedhe?

    "Tapha ulfaataa ture garuu haala gaariin taphanne jedheen yaada. Jalqaba caallee ture. Isaan ammo dhumarra carraa gaarii argatanii ture. Nuyi garuu qabxii sadii barbaannu arganneerra.

    Haala gaariin taphannus kana caalaa taphachuu qabna ture. Akka isaan galchii hin lakkoofsifne gochuu dandeenya ture.

    Haala gaariin ittisnee bane jedhe dursaan taphattoota Arsenaal Odeegaard.

    Kubba Deevid Raayaa oolche irratti Odeegaard, ‘’akkan yaadutti carraa tokkottiin goolii sanaa ala argatan ishuma qofa. Garuu akka gaariitti deebise,’’ jedhe.

    Galchii lakkoofsisuuf shaakala guddaan hojjechaa ture. Garuua akkaataa adda addaan mo’achuu waan dandeessuuf isarrattis hojjechaa turre. Ammas itti fufnee imaluu, garee jabaa ijaaruu cimsinee itti fufuu qabna jedhe.

  4. Arsenaal 2-1 Biraayitan

    Biraayitan galchii lakkoofsisuun Arsenaal dhiibbaa keessa galchaa jiru.

    Arsenaal galchii lammaffaa kan argate taphataan Biraayitan karra isaa irratti lakkoofsiseeti.

    Boqonnaa booda Biraayitan hedduu fooyya'aniiru. Akkasumas Liiverpuul irratti galchiin lakkaa'ameera.

    Garuu Liiverpuul 2-1'n Woolvisiin dursaa jira.

  5. Ijoollee Deegoo Jootaa Aanfiilditti argamuun abbaa isaaniif yaadannoo godhan

    Maatii Deegoo Jootaa Anfiilditti argaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Maatii Deegoo Jootaa Anfiilditti argaman

    Ijoolleen Deegoo Jootaa maatii isaanii waliin dirree Liiverpuul Aanfiild irratti argamuun abbaa isaaniif yaadannoo godhaniif.

    Deegoo Jootaa obboleessa isaa Andiree waliin osoo gara Liiverpuulitti deebi'anii balaa konkolaataan Ispeen keessatti du'an.

    Jootaan bara 2020 Woolvis irraa Liiverpuul gale. Har'a kileboonni lameen waliin tahuun yaadannoo gochaafii jiru.

    Haati warraa Jootaa Ruutee Kardoosaa ijoollee ishee qabattee Aanfiildi jirti.

    Jootaan Woolvisiif taphoota 131 irratti galchii 44 lakkoofsiseera.

    Liiverpuuliif ammoo taphoota 182 irratti galchii 65 lakkoofsiseera.

    Rayaan Cherkii galchii lakkoofsisuun akka Jootaatti gammachuu ibsachuun yaadateera.

  6. Kan akka mo'amnu godhe murteessaa [daanyaa]dha. Shoon Daayish

    Taphattotakootti booneera. Akka carraa tahee murteessitoonni mo’amuu keenya keessaa qooda guddaa qabu.

    Waanan ilaalaa ture amanuun na rakkisa. Amma murteesitootatti dubbachuun homaa hiika hin qabu. Akka leenjistootaatti yeroo baay’ee dubbanneerra.

    Sababa tokko malee nu adabu. Hagam akka taphanne dogogora murteesitootaa namoonni taphicha daawwatan hunduu arganiiru.

    Maal gochuu dandeenya. Garuu gabaasa godheera jedhe Shoon Daayish.

    Galchii lammaffaa kennamuu hin qabu ture. Balleessaan Giibsi Waayit irratti hojjetameera.

    Taphattoonni sarara ittisaa Maan Siitii kaardii diimaa argachuu qaban jiru ture jechuun komate.

  7. Liiverpuul 2-0 Woolvis

    Liiverpuul galchii Giraavenbergii fi F. Wiirziin 2-0 Woolvis dursaaa jira.

    Arnee Isloot Aleeksaander Isaak miidhamaan dhabeera.

    Mohaammad saalaa biyya isaa Masiriif taphachuuf Morookoo jira.

    Kiizaa fi Huugoo Ekiitiikee sarara duraa Liiverpuul dursaa jiru.

    Liiverpuul miidhama taphattootaan rakkatus fooyya'aa jira.

  8. Peep Gaardiyoolaan injifannoo argataniin booda maal jedhan?

    "Kiilookoo [ulfaatinni] yeroo ayyaanaa dabalee ture har’a bade. Garee akkamiiti Shoon Daayish ammas kan ijaare! Garee baay’ee baay’ee baay’ee cimaadha. Kanaaf qabxii sadii har’a nuuf baay’ee guddaadha’’ jedhe Peep.

    ‘’Foorest garee ajaa’ibaati. Akkatti taphatan waan amanuuf si rakkisu. Igoor Yesuss kubba hundaa fudhachuuf yaale mo’ateera.

    Garee gahumsa addaa qaban qabu. Gareen kun bara darbe Shaampiyoonsi Liigii keessa turan. Tapha tokko moo lamaaf jedhanii dhabanii amma Awurooppaa Liigii keessa jiru.

    Bakka kana dhufanii mo’achuun baay’ee ulfaata.

    Waa’ee isaanii taphattootakoo waliin baay’ee haasofnee turre. Keessumaa yeroo qilleensa akka kanaa asitti taphachuu ilaalchisee. Yeroo qorraa akka kanaa qophii addaa yoo taasifte malee mo’achuu hin dandeessu. Har’a kanaaf injifanne’’ jedhe.

    Galchii lamaan yeroo galan maaliif Gaardiyoolaan gargaaraa isaan akka addaatti gammachuu ibsate?

    ‘’Inni leenjisaa addaati. Namni akka inni gargaaraakoo taheetti yaada. Tarii anatu gargaaraa isaati. Boqonnaa irratti mari’achuun waan xiqqoo tokko jijjiirraa goone. Haala tapha keenyaa.

    Amma marsaa jalqabaa xumurreerra. Taphoota 18 taphanneerra. Piriimer Liigiin ulfaataa ulfaataama deema. Har’a mo’uunis mo’amuunis waan hunduu dhumate jecuu miti. Taphoota hedduutu nu hafeera jedhe.

  9. Arsenaal- GOOOOL

    Arsenaal galchii Odeegaard lakkoofsiseen Biraayitaniin dursuu jalqabe.

    Karra eegaan Biraayitan kubba qajeelchee dabarsuu dhabuusaatti fayyadamuun Arsenaal galchii lakkoofsise.

    Arsenaal yoo mo'atee bahe sadarkaa tokkoffaatti deebi'a.

  10. Arteettaan yeroo lama Ayyaana Qilleetti tokkoffaa tahee waancaa malee hafe

    Erga Maanchister Siitiin mo'achuun sadarkaa tokkoffaatti darbee Arsenaal Biraayitan mo'achuun bakka ji'oota dheeraaf qabatanitti deebi'uu barbaadu.

    Ayyaana Qillee irratti Arsenaal yeroo shan Piriimer Liigii dursaa tura. Dhumarratti garuu yeroo tokkoyyuu waancicha hin mo'anne.

    Bara 2002-03, 2007-08, 2022-23 fi 2023-2024 ture. Arteettaan yeroo lama Ayyaana Qillee irratti Piriimer Liigii dursuun waancaa malee hafe.

    Leenjisaan tokkollee seenaa keessatti yeroo sadii liigicha yeroo akkasiitti dursee waancaa malee hafee beeku hin jiru.

    Arteettaan har'a yoo mo'ate yeroo sadaffaaf waan dursummaa qabatuuf waancaa malee hafnaan leenjisaa jalqabaa tahuun seenaa hin taane galmeessa.

  11. Mikeel Arteettaan har’a qumaara addaa taphachuuf jedha

    Tapha Arsenaal Biraayitan waliin qabuuf Arteettaan tooftaa taphaa haaraa qabatee dhufe.

    Deklaan Raayis sarara gidduutii baasee ittisa cinaa bakka Tiimberii fi Been Waayit taphataa turan irra taphachiisa.

    Gabri’eel Maagaalesh miidhamarraa deebi’uun taa’umsa jijjiirraa irra jira. Sarara gidduu Arsenaal Zuubimandii, Meeriinoo fi Odeegaard taphatu.

    Sarara duraa iraa Bukaayoo Saakaa, Tiroosaadii fi Giyookeres taphatu.

    Ittisni Arsenaal Saalibaa, Hinkaappee, Raayisii fi Lews Iskeelii taha.

  12. N. Foorest 1-2 Maanchister Siitii

    Rayaan Cherkii har'as galchii lakkoofsisuun Maan Siitiin 2-1'n N. Foorest dursaa jira.

    Taphataan Liyoon irraa bara kana mallatteesisan kun erga miidhama irraa deebi'ee walitti aansee galchii lakkoofsisuu fi kubba mijeessee kennuun gareen Peep gaardiyoolaa akka fooyya'aa deemu warra godhan keessaati.

  13. N. Foorest 1-1 Maan Siitii

    Maanchister Siitiin garee N. Foorest ittisa cimaa qabu cabsee darbeef hedduu rakkate.

    Maan Siitiin har'a qabxii lama gatee yoo Arsenaal mo'ate, Arsenaal qabxii afuriin caaluun sadarkaa tokkoffaan itti fufa.

    Gaardiyoolaan Ayyaana Qillee irratti nyaataa fi dhugaatii qophaa'uun ulfaatinni taphattoota isaa akka hin daballe madaalee tapha kanaaf qophaa'aa ture.

    Homaa garuu dhiibbaa guddaa fiduu hin dandeenye.

  14. GOOOL: Notingihaam Forest 1 - 1 Maanchester Siitii

    Taphataa Forest

    Madda suuraa, Getty Images

    Notigihaam Forest taphataan isaa Huuchinsan daqiiqaa 54 irratti kubbaa bareedaa Igoor Jeesus kenneef bareechee lakkoofsise.

    Garaa garummaa daqiiqaa 6 gidduutti walqixaatan.

    Taphni akkaan ho'eera.

  15. GOOOOOOL: Notingihaam Forest 0 - 1 Maan Siitii

    Tijaanii Raayinders

    Madda suuraa, Getty Images

    Taphni boqonnaa booda jalqabamee daqiiqaa 48 irratti taphataan Maanchester Siitii Tijjaanii Raayindars goolii bareedduu lakkoofsiseera.

    Siitiin goolii tokkoojn dursee amma miira kaka'umsaan taphachaa jira.

  16. Daqiiqaa 45 jalqabaa: Notingihaam Forest 0-0 Maan Siitii

    Taphattoota Maan Sii V Ntngh Forest

    Madda suuraa, Getty Images

    Daqiiqaa 45 jalqabaa garee lamaaniyyu kubbaa gooliif ta'u kallattiin kan yaale hin jiru.

    Taphichi garuu akkuma barame Maanchester Siitiin kubbaa gara caalu to'atanii taphatamu jedhamee ture. Garuu akkas hin taane.

    Maanchester Siitiin faawolii baayyee taphattoota Notingihaam Forest irratti yoo hojjetan mul'ateera.

    Kaardii kelloo kan argate garuu taphataa Notingihaam Forest tokkicha.

    Boqonnaa booda maaltu eegama?

  17. Kophee warqee argachuuf taphattoota sadii kokkee walqabaa jiran

    Taphattoota kophee warqee Awurooppaaf morkataa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Yeroo barri dorgommii 2025/26 walakkaatti siqee jirutti morkiin Kophee Warqee Awuooppaa mo'achuu ho'ee itti fufeera.

    Halaand goolii omishuun Maanchester Siitiif taphataa murteessaa ta'ee itti fufeera.

    Taphataan kun bara dorgommii 2022/23 Pirimer Liigii keessatti goolii 36 rikkardii ta'e galmeessuun yeroo jalqabaaf Kophee Warqee kana mo'atee ture.

    Bara dorgommii 2023/24 keessa ammoo Kiliyaan Imbaappeen goolii 31 Riyaal maadiriidiif lakkoofsisuun mo'ateera.

    Bara kana keessa taphattoonni liigii Awurooppaa sadii- Piriimer Liigii, Laa Liigaa fi Bondosliigaa keessaa ta'an morkii cimaa gaggeessaa jiru. Taphattoonni kunneen: Erliiga Halaand, Kiliyaan Imbaappee fi Harii Keenidha.

  18. Notingihaam Forest 0- 0 Maanchester Siitii

    Amma daqiiqaa 25 taphataniiru. Notingihaam Forest 0- 0 Maanchester Siitii.

    Daqaa shan jalqabaa keessatti Forest Siitii sodaachisaniiru.

    Halaanda daqiiqaa 20 keessatti kubbaa si'a afur tuqeera. Keessumaa tokko kan Cherkiin kenneef yaaluutti dhiyaatee ture.

    Taphattoota Forest daqiiqaa gara jalqabaa yaalii bareedaa yeroo taasisan

    Madda suuraa, PM MEDIA

  19. Hanga daqiiqaa 10 jalqabaatti Maan Siitiin akka yeroo kaaniitti hin mul'anne.

    Taphattoota Siitii V Fores

    Madda suuraa, Getty Images

    Daqiiqaa 10 jalqabaan Nootinghaam Forest xiqqoo muddaniiru. Yaalii bareedaa tokkos taasisaniiru.

    Siitiif ammoo Cherkiin tooko aggaameera.

    Halaand ammaaf hin mul'anne.

    Har'a Siitiif Halaand, Cherkii moo Foodenitu galcha?

  20. Maan Siitii bira haaraa argaa jirraa?

    Walakkeessa bara dorgommii kanaatti Maanchistar Siitiin dursaa Piriimiyerliigii Ingiliiz Arsenaal irraa qabxii lama fagaatee kan jiru yoo ta'u, gareen lachuu hanga ammaatti taphoota liigii 17 keessaa 12 injifataniiru.

    Duula abdii kutachiisaa bara darbee booda, yeroo kilabni waggoota torba keessatti waancaa ja'a injifate kun guyyaa xumuraa bara kanaa qofa sadarkaa sadaffaa argate, akkasumas duula ammaa kana jalqaba rakkisaa taphoota jalqabaa sadan keessaa lama mo'amuu isaatiin booda gareen Peep Gaardiyoolaa gara haala gaariitti deebi'eera.

    Maanchistar Siitiin ammaa kun waan kanaan dura isaan irraa argine irraa adda ta'us, kanaaf Gaardiyoolaan akkamitti garee isaa tooftaadhaan deebisee kalaqe?