Polaand haleellaa misaa'elii Raashiyaan Kiiv irratti gaggeessite hordofee jeettii waraanaa bobbaaste

Polaand Raashiyaan halkan misaa'elaan magaalaa Guddoo Yukireen, Kiiv haleeluu hordofee jeettiiwwan waraanaa hatattamaan gara daangaatti bobbaaste. Kun ammoo marii waraana Raashiyaa dhaabsisuuf jedhame gaggeeffamuuf yeroo jedhuttidha.

Guduunfaa

  • Odeeffannoo gara garaa biyya keessaafi addunyaarraa karaa Marsariitii, YouTube, Whatsapp fi Facebook isiniif dhiyaatuun nu hordofaa.
  • Israa'el Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa kennite
  • Gamtaan Afrikaa beekamtii biyyummaa Somaaliilaandiif kennamu kamiyyu hin fudhadhu jedhe

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Israa’el hordofuun Somaalilaandiif beekkamtii akka hin kennine dubbate

    Pirezidantii US Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Preezdaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Israa’el faana dhawuun “hatattamaan” Somaalilaandiif beekkatii biyyummaa akka hin kennine dubbate.

    “Waa hundarratti qorannoon godhamaa jira…ni qoranna. Waan baay’ee qorachuun murteewwan ajaa’ibsiisoo murteesseen jira. Murtoowwan koo sirrii turan” jedha Tiraamp gaafffi fi deebii Niwyoork Poost waliin bilbilaan tolcheen.

    “Somaalilaand maal akka taate garuu namni sirriitti beeku jiraa?” jechuun gaafate Tiraamp.

    Somaalilaand; Ameerikaadhaaf lafa tarsiimawaa kan ta’e, Galoo Galaana Eden irratti qabiyyee akka qabaattu dhiyeessuu ishee kan gaafataman Tiraamp “Waan jabaa miti” jechuun busheesse.

    Ministirri Muumnmee Israa’el Beenjaamin Neetaniyaahuu Somaalilaandiif beekkamtii kennuu ibsuu isaanii booda; Somaalilaand Waliigalteewwan Abrahaam (Abraham Accords) jedhamutti akka makamuu barbaaddu Tiraampitti akka himan ibsanii turan.

    Yaadichi garuu Tiraamp baay’ee garaa hin geenye. Mariin Neetaniyaahuu fi Tiraamp itti aanu dhimma Sulula Gaazaa kan ilaallatu akka ta’us ibseera.

  2. IGAD tokkummaa, birmadummaa fi daangaa Somaaliyaa irratti ejjennoo cimaa akka qabu ibse

    Gamtaan Misoomaa biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) taatee tibbanaa gaanfa Afrikaa, beekkamtii biyyummaa Israa’el Somaaliilaandiif kennite, hordofaa jiraachuu ibse.

    Rippaablikni Federaalawaa Somaaliyaa miseensa IGAD taate, kan birmadummaa qabdu, tokkummaa, birmadummaa fi kabajni daangaa ishee seera idil-addunyaa keessatti beekamu ta’uurratti ejjennoo cimaa qabaachuu ibse IGAD.

    Beekamtiin gam-tokkee kamuuChaartarii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Waliigaltee Gamtaa Afrikaa fi Waliigaltee IGAD ittiin hundeeffamee kan wal faallessu dha jedheera.

    IGAD michuuwwan isaa idil addunyaa fi qooda fudhattoonni hundi seerota idil-addunyaaf akka bitaman akkasumas marii fi adeemsa nagaa, tasgabbii fi tumsa naannichatijajjabeessu akka hordofan waamicha godhe.

    Mootummaa fi uummata Rippaablika Somaaliyaa waliin akka dhaabbatu kan ibse IGAD, adeemsa siyaasaa hunda hammatuu fi Somaaliyaa fi naannichatti nagaa waaraa, tasgabbii fi badhaadhinaaf tumsa ta’u akka jajjabeessu ibseera IGAD.

  3. Viidiyoon gabaabaan daa'ima waggaa jahaa akkamiin jireenya maatii jijjiire?

    Daa'imaa fi maatiisaa tiktook irratti beekame

    Madda suuraa, Lammii

    Viidiyoo jalqabaa haasawa 'biyyi gara Hoolataatti deemti' jedhu waggaa lama dura qoodamaa tureen dhageettii argate. har'a daa'ima waggaa 9 ti. kutaa 2ffaa barata.

    Tiktookii gubbatti hordoftoota kuma 600 horatee jira. Sanyii [Bassuufiqaad].

    Viidiyoon dubbii isaa akka qoosaatti yeroosii kaasee raabsamaa ture dhageettii isaa dabalee xiyyeeffannaa miidiyaalee idilees argatee bakka yeroo heddu keessummaa ta'ee gaaffii fi deebiin godhameef.

    Ollaa jiraatuttis daa'ima collee dubbiin isaa akka koomediitti itti mukuu bahan kan ta'e daa'imni lafaa dhufti, Sanyii Wasanee (Bassuufiqaad), jedhamu kun dhageettiin inni miidiyaa hawaasaarraatti horate sababa ijoo jireenya maatii isaa kaleessa daran hamaa ture bu'uurarraa jijjiiree ta'e.

  4. Polaand haleellaa misaa'elii Raashiyaan Kiiv irratti gaggeessite hordofee jeettii waraanaa bobbaaste

    Haleellaa Raashiyaan Kiiv irratti gaggeessite

    Madda suuraa, Reuters

    Polaand Raashiyaan halkan misaa'elaa fi dirooniin magaalaa Guddoo Yukireen, Kiiv haleeluu hordofee jeettiiwwan waraanaa hatattamaan gara daangaatti bobbaaste. Kun ammoo marii waraana Raashiyaa dhaabsisuuf jedhame gaggeeffamuuf yeroo jedhuttidha.

    Humni waraanaa Polaand akka jedhetti, humni qilleensaa isaa daangaa qilleensaa isaa amansiisaa gochuuf deebii "ofirraa ittisuu" fudhate. Kun ammoo haleellaa Raashiyaan gaggeessiteen Kiiv keessatti namni tokko du'ee, kanneen biroo 28 madaa'uu isaanii Tajaajilli Yeroo Muddamaa Yukireen gabaasee booadadha.

    Lolli akkuma itti fufee jiru, hojiin waliigalteen nagaa hunduu irratti waliigaluu danda'u hojjetamaa jira. Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin Dilbata kana Doonaald Tiraam waliin Filooriidaatti wal arguuf karoorfateera.

    Haata'u malee, haleellaa Raashiyaa ammaa kana hordofee, Raashiyaan "waraana kana dhaabuu waan hin barbaadneef miidhaa caalu Yukireenirraan gahuuf carraa argatte kamitti fayyadamuuf yaalaa jirti" jechuun himannaa kanaan dura dhiyeesse irra deebiyeera.

    Zeleniskiin Raashiyaan dirooniiwwan 500 fi misaa'eloota 40 bu'uuraalee annisaa fi siviliirratti xiyyeeffachuun bobbaaste jechuun fuula Telegram irratti barreesseera.

  5. "Osoo haatikoo summii na nyaachisuuf jettuun irra bahe..." Hundi keenya xiqqo xiqqoo 'maraachaa' jirraa?

    Kaaddiduu namaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Barsiisaa Garree hunda caalaa kan shakku ammoo Diinii Kollejjichaati. Diiniin kun nama guddaadha.

    'Namni xuraa'aan kun haadha warraa koo waliin ejjaa jira' jedhee bibirrata.

    Barsiisuu caalaa nama kana hordofuurratti yeroosaa dabarsa.

    Kollejjicha keessa mooraan mana jireenyaa barsiisotaa jira. Garreen halkan muka jala taa'ee sa'atii dheeraaf eeguun dabarsa. Manni Diiniin kun keessa jiraatu bilookii kan isaarraa xiqqoo siqee argama.

    Hawwiin isaa yeroo hundaa haadha warraa isaafi Diinii kana harkaafi harkatti qabatee waahellan isaa 'maraatteetta' ittiin jedhan afaan qabachiisuudha.

    Yeroo hunda barsiisee gara manasaatti yeroo galu qabannaa karra manasaa maarrabiin qabata. Kana kan godhuuf ammoo ashaaraan Diinii Kollejichaaa akka hin badneef yaadeeti.

    Seenaan Garree dheeraadha, garuu gabaabsinee ilaalla.

    Rakkoon guddaan kan dhalate yeroo haati warraa Garree ulfooftedha. Ji'a sagal ishee waliin ciniinsifate. Ulfashee mul'achaa dhufe ilaalee ' isa dhukkuba', ni aada. "Wal arguuf jirra!" waan jedhu fakkaata.

    Mucaan durbaa erga dhalatteen booda Garreen Kiristinnaa osoo hin taane suura akka kaatu godhe.

    Suurashee baayyisee maxxansiise. Isaan booda naannessee waahellan isaatti agarsiisa. Waajira isaaniirra deemee itti agarsiisa ture. Tokko tokko ammoo kutaa barsiisaa jiran keessaa gadi waamee itti agarsiisaa ture.

    "Mucaan koo eenyuun akka fakkaattu ilaalaa; amma na amantanii?" jechaa waajirararra fiiga.

    Dhumarratti Diinii sana xalayaa barreessuu dabalatee himate. Haadha warraa koo duukaa ciiseera; haadha manaa koo waliin ejjeera jedha.

    Suura mucaasaa ragaaf xalayaa sana waliin walqabsiisee himate.

  6. "Murteen Israa'el tasgabbii dhabuu uuma" Turkii

    Ministira dhimma alaa Turkii

    Madda suuraa, @HakanFidan/x

    Michuu mootummaa Somaaliyaa kan taate Turkiin Israa';el Somaaliilaandiif ifatti beekamtii kennuu karaa ministira dhimma alaasheetiin ibsa baasteen mormiteetti.

    Murteen Israa'el "tarkaanfii mootummaan Netaaniyaahuu seeraan alaa qaxanaa sanaafi sadarkaa idil-addunyaatti tasgabbii dhabuuf kan kaayyeffate fakkeenya biraadha," jechuun beekamtii biyyummaa omaaliilaandiif kenname mormiteetti Turkiin.

    Dhimma Filisxeem kaasuun, "tarkaanfiin kun imaammata baballifannaa fi Filisxeem akka biyyaatti akka itti hin fufne carraaqqii hunda kan gootu Israa'el dhimma Somaaliyaa keessa ifatti seenuu kan agarsiisudha," jechuun qeeqa ibsi baaste.

    Itti dabaluunis, hireen Somaaliyaa fi naannoo Somaaliilaand ilaallatu murteen kennamu fedhii Somaalotaa kan calaqqisiisu ta'uu qaba jedheera.

  7. Masirii, Somaaliyaa, Turkii fi Jibutiin beekamtii Israa'el Somaaliilaandiif kennite morman

    Aanga'oota Somaaliiland fi Israa'el

    Madda suuraa, Amos Ben Gershom/GPO

    Israa'el ifatti Somaaliilaandiif beekamtii biyyummaa ifatti akkuma kenniteen garaa garummaa saatii muraasaa keessatti ministirri dhimma alaa Masirii gitasaa kan Somaaliyaa, Turkii fi Jibutii waliin bilbilaan mariyate.

    Marii bilbilaa kanaan murteen Israa'el muddama naannoo Gaanfa Afrikaa daran hammeessa jechuun yaaddoo qaban ibsachuun isaanii gabaafameera.

    Ministirri dhimma alaa Masirii ibsa baaseen, Israa'el Somaaliilaandiiif akka biyya walabaa taatetti beekamtii kennuushee "guutummaan guutuutti kuffiisuun" balaaleffateera.

    Biyyoonni kunneen walabummaafi tokkummaa daangaa Somaaliyaaf deeggersa qaban akka jabeessan himuun tarkaanfiiwwan addatti dhuunfaan fudhataman Somaaliyaa tasgabbii dhorkuun 'qaamolee wal maddee" kan uumudha jechuun akeekkachiisaniiru.

  8. Gamtaan Afrikaa beekamtii biyyummaa Somaaliilaandiif kennamu kamiyyu hin fudhadhu jedhe

    Gamoo Gamtaa Afrikaa

    Madda suuraa, Au

    Dursaan Komishiniin Gamtaa Afrikaa beekamtii biyyummaa Somaaliilaandiif kennamu kamiyyuu akka hin fudhanne ibse.

    Gamtichi Israa'el Somaaliilaandiif ifatti beekamtii kennuu hordofee ibsa Jimaata galgala baaseen, murannoo Gamtaan Afrikaa tokkummaa fi walabummaa Somaaliyaatiif qabu kan hin sochoonedhas jedheera.

    Dursaan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf, Somaaliilaand ilaalchisee waan tibba kana deemaa jiru kan hubatanii fi yaaddoo cimaa qaban ta'uu ibsi Komishiniin Gamtaa Afrikaa baase kun mul'iseera.

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Netaaniyaahuu bulchiinsa Somaaliyaan qaama kooti jettuun garuummoo bulchiinsa ofiin bultu Somaalilaandiif ifatti beekamtii biyyummaa kennuu ibsan.

  9. Zeleniskiin waraana Raashiyaa dhaabsisuurratti mariyachuuf Dilbata Tiraamp waliin wal arguufi

    Zeleniskii fi Tiraamp

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Pirezdaantiin Yukreen Volodimir Zeleniskiin Dilbata kana Tiraamp faana Filooriidaatti wal arguun waraana bal’aa Raashiyaan itti fuftee jirtu dhaabsisuuf akka mari’atan ibse.

    Zeleniskiin karoora nagaa Ameerikaan waraana Yukireen irratti qopheessitee fi yaada furmaataa wabii nageenyaa Yukireen irrattixiyyeeffachuun Tiraamp waliin akka mari’atu hime.

    Qondaalonni olaanoon Raashiyaa garuu karoorri nagaa Ameerikaan qopheessite kan Raashiyaa waliin irratti mari’achaa jiraniin “bu’uurumarraa adda” jechaa turan.

    Yaada Zeleniskiin loltoonni Raashiyaa baha Yukreen, Donbaas keessaa akka bahan dhiyeesserratti Kireemiliin yaada hin kennine, tarii Raashiyaan kan duubatti deebitu yoo ta’e jechuu.

    Sanbata duraa halkan yoo xiqqaate kutaa bulchiinsa Kiyiiv keessatti haleellaa qilleensaa Raashiyaan gaggeessiteen namni tokko madaawuu aangawoonni naannichaa himan. Sagaleen dhoyiinsaa magaalaa guddoo keessatti ni dhigahama ture.

    Weerarri babal’aan Raashiyaa kun Guraandhala 2022 akka eegale ni yaadatama.

    Raashiyaan yeroo ammaa Kutaa Doonesk jedhamu 75% to’atteerti, olluma kanatti naannoo Luhaanisk jedhamus 99% dhuunfattee jirti. Kutaaleen bulchiinsaa lamaan kunneen walumatti Donbaas jedhamu

  10. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hodoftoota BBC Afaan Oromoo?

    Odeeffannoo tamsaasa kallattiin isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    Dhiyaadhaa!