"Osoo haatikoo summii na nyaachisuuf jettuun irra bahe..." Hundi keenya xiqqo xiqqoo 'maraachaa' jirraa?

Madda suuraa, Getty Images
Kun seenaa dhugaa barsiisaa kollejjii giddu-galeessa ta'e tokko keessa barsiisuuti. Barreeffama kana keessatti maqaa barsiisaa kanaa isa sirrii dhoksinee, barsiisaa Garree jechuun waamna.
Garreen barsiisaa gaariidha. Barattootaafi barsiisota biratti waluma qixa jaallatama.
Barsiisaan kun suuta suuta 'addunyaa' inni keessa jiru itti jijjiiramaa dhufe.
Garreen haadha warraa isaa dabalatee nama hunda shakkuu jalqabe.
Guyyaa tokko cidha tokkorratti hirmaatee osoo biiffee kaasaa jiruu gidduutti dhaabbate. Haati warraa isaa bitaa itti galee, 'Garree' kaasi malee maaltu si fajacha?' jette.
Saahina deebisee kaa'ee galma cidhaa sana gadhiisee bahee deeme. Hin deebines. Galgala haati warraa isaa aariin abidda taatee maal taate, maaltu si tuqe jechuun gaafatte.
Biiffeen sun summiin itti ta'eera jechuun isheef deebise.
Haati warraasaa kun bitaa itti gale. Guyyaa sanarraa kaasee waanti jiru jijjiiramaa deeme.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fakkeenyaaf, yeroo biiraa dhugu qorkee ishee hin gatu. Wayituma irraa unatu buccuullee biiraa kana itti qadaada. Yeroo fincaaniifi gara mana fincaanii deemus biiraa walakkaa irraa dhuge qabatee deema.
'Waahellan koo summii itti dbalau' jedha.
Garreen bunni jabanaa lubbuu isaati. Siiniiwwan adaadii gaandaarra jiran garuu hin jaallatu. Isaan hin amanu. Siiniiwwan sun seexana akka loltuutti qophaa'ee isa eeggatuutti itti mul'atu.
Kanaaf, gara deemutti siinii ofiisaa borsaa isaatti baadhatee deema.
Barsiisaa Garree hunda caalaa kan shakku ammoo Diinii Kollejjichaati. Diiniin kun nama guddaadha.
'Namni xuraa'aan kun haadha warraa koo waliin ejjaa jira' jedhee bibirrata.
Barsiisuu caalaa nama kana hordofuurratti yeroosaa dabarsa.
Kollejjicha keessa mooraan mana jireenyaa barsiisotaa jira. Garreen halkan muka jala taa'ee sa'atii dheeraaf eeguun dabarsa. Manni Diiniin kun keessa jiraatu bilookii kan isaarraa xiqqoo siqee argama.
Hawwiin isaa yeroo hundaa haadha warraa isaafi Diinii kana harkaafi harkatti qabatee waahellan isaa 'maraatteetta' ittiin jedhan afaan qabachiisuudha.
Yeroo hunda barsiisee gara manasaatti yeroo galu qabannaa karra manasaa maarrabiin qabata. Kana kan godhuuf ammoo ashaaraan Diinii Kollejichaaa akka hin badneef yaadeeti.
Seenaan Garree dheeraadha, garuu gabaabsinee ilaalla.
Rakkoon guddaan kan dhalate yeroo haati warraa Garree ulfooftedha. Ji'a sagal ishee waliin ciniinsifate. Ulfashee mul'achaa dhufe ilaalee ' isa dhukkuba', ni aada. "Wal arguuf jirra!" waan jedhu fakkaata.
Mucaan durbaa erga dhalatteen booda Garreen Kiristinnaa osoo hin taane suura akka kaatu godhe.
Suurashee baayyisee maxxansiise. Isaan booda naannessee waahellan isaatti agarsiisa. Waajira isaaniirra deemee itti agarsiisa ture. Tokko tokko ammoo kutaa barsiisaa jiran keessaa gadi waamee itti agarsiisaa ture.
"Mucaan koo eenyuun akka fakkaattu ilaalaa; amma na amantanii?" jechaa waajirararra fiiga.
Dhumarratti Diinii sana xalayaa barreessuu dabalatee himate. Haadha warraa koo duukaa ciiseera; haadha manaa koo waliin ejjeera jedha.
Suura mucaasaa ragaaf xalayaa sana waliin walqabsiisee himate.
"Haati warraa koo gurraattiidha; Garreen garuu diimaadha. Kun garuu isatti hin mul'atu.
Baroota kana hunda Garreen wallaansa fayyaa argatee hin beeku.
Yeroo ammaa kana barsiisaa Garree sadarkaa maaliirra akka jiru hin beekamu.
Wanti asoosama fakkaatu kun seenaa barsiisaa dhibee 'Schizophrenia' waliin rakkatuudha. Dhibeen 'Schizophrenia' jedhamu kun rakkoo fayyaa sammuu haamaa akka namni itti yaadu, akka itti namattri dhaga'amufi amala namaa jijjiirudha.
Dhibeen kun amma mana nama baayee waan seene fakkaata.
'Hundi keenya xiqqoo, xiqqoo maraachaa jirraa?'
'Schizophrenia' dhibee akkamiiti?
Piroofeesar Salamoon Tafarraa PhD irratti hojjeteera.
Waggaa 20f irratti qoradheera. Dhibee kana "biqila Maariyaam daakaa ooluudha," jechuun ibsa.
Maal jechuu isaati?
"Maqaan kee kan waamame sitti fakkaatee duubatti deebitee hin beektuu? Eenyuti na waame jetta. 'Dhumarratti biqila Maariyaam daakaan jira' jetta; sun siif taatee libsuu ijaati. Dhukkubsataaf garuu jireenya isaa guyyaadhaa gara guyyaati."
Gabaabaamatti 'Schizophrenia' ' biqila Maariyaamii daakaafi daaksisaa akka uuluuti'.
Uumamni dhukkubsataa qofaatti mul'atan jiru. Sagaleen dhukkubsataan qofti dhaga'y jiru. Waan keessummaa namatti ta'udha.
Addunyaan inni qabatamaa yeroo addunyaa abjuu waliin wal maku; waliin dhahamu 'Schizophrenia' jedhama.
Adduyaa dhugaan ala itti fufee kan jiru 'Schizophrenia' jedhama.
Namoonni yaada qofa keessa jiran dhukkubsataa kana waliin odeessa, akkasumas sagaleen yaada dhukkubsataa kana keessaa itti dhaga'aman yeroo tokko tokko kallattiin ajaja kennuu danda'u.
Jette hin jedhiin malee, 'haadha warraa kee ajjeesi' kan jedhu yoo ta'e hoo?
Kanaafidha dafamee wallaansi kennamuu qaba kan jedhamuuf.
Warri dhibeen kun mana isaanii seene, dhukkubsataan 'addunyaa hafuuraa waliin wal arga' jechuun hamatu. Kan biraas maal jedhu?
BBCn dhimma kana sirriitti hubachuuf ogeessota dubbiseera.
Piroofeesar Salam,ooniin alatti Doktor Ginbaaruu Gabremaariyaam dubbiseera.
Doktora Ginbaaruun Hospitaalota Xoor Hayiloochiifi Amaanu'eel keessa waggaa 30f hakiima ta'uun tajaajileera. Hospitaala Maanu'eel keessatti Kutaa Wallaansa Fayyaa Samuu keessattis itti gaafatamaa ture. Yeroo ammaa kana kilinika sammuu ofiisaa qaba.
Waggaa 3o yeroo tajaajila keessa gosa dhukkubsataa hin argiin hin qaban. Dhukkubsattoota tokko ykn lama hana har'aa hin dagatan.
'Schizophrenia' akka hubannuuf mallattoowwan isaa akkasitti ibsu.

Madda suuraa, Getty Images
Dhukkubsataa gamoo ofii diige
Dhukkubsataan 'Schizophrenia' kun sooressadha. Osoo gamoo ijaarsisaa jiuu kaameraan itti akka tolfamu amane.
Maatiisaa mariisise.Maal jedhee?
'Gamoo reefuu jalqabu kana keessatti kaameraan tolfameera; garuu arguu hin dandeenye' isaaniin jedhe. Isa dhaga'uu hin dandeenye. 'Dhiisi malee! Maaltu si tuqee? ittiin jedhan.
Jechi isaanii deebise rakkoo uume. 'Maal taatan? Maaliif ana hin amantan? Maalidha rakkoon keessan?' isaaniin jedhe.
'Amma kaan djhiisaatii kaameraa 'gaxxamame' sana barbaadaa - Dafaa!' isaaniin jedhe.
Maatiin ni gunguman, adeemsa yeroo keessa itti dhiisan.
Inni garuu wanticha hin dhiisne.
'Kaameraa gaxxamameera jedhu barbaadee dhabe. Hojjetoota humnaa bobbaasee gamoo ijaarsisaa jiru diigsisee boqonnaa argate.
Yeroo kanatti ture maatiin nama kana fuudhanii wallaansaaf gara Doktora Ginbaaruu kan geessan.
"Ati hakiima miti; hanga itti foyyaa'utti diinota kiyya waliin waliigaltee hojjechaa jirta" jechaa ture.
'NASAn chipsii na keessa awwaaleera'
Dubartiin doktora kana biratti wallaanamtu kun ammoo Ameerikaarraa dhufte. Maatiin ishee xabalaan fayyiti jedhanii ishee fidan.
Mootummaan Ameerikaa karaa NASA sammuukoo keessa chipsii awwaaleera jetti. Itoophiyaa dhuftees saatelaayitaan akka ishee hordofan cimsitee amanti.
"Nuti qoricha fudhachaa akka amantaa isaaniitti xabalas taanaan akka hordofan gorsina," jedha Doktor Ginbaaruun.
Wallaanamtuu kanarraa waan hin daganne irra deddeebiin dhaga'aa ture 'raajii fi MRI' akka kaasan irra deddeebiin gaafachaa turte. Sababiin isaa ammoo NASAn na keessa awwaaleera chipsii jettu raajiin (X-Ray)n ifatti ni mul'ata jettee amanti waan tureef.
Doktor Ginbaaruun BBCtti akka himetti, dhukkubsattoonni 'Schizophrenia' keessumaa Awurooppaa, Kanaadaafi Ameerikaarraa isa bira dhufu. Seenaan baayyee isaanii ammoo wal fakkeenya qaba.
'Chipsii na keessa awwaalaniiru, MOSAD na hordofaa jira, saatelaayitiin narratti gaxxamameera' kanneen jedhan baayyeedha.
Gara Piroofeesara Salamoonitti yoo deebinu, waggaa 20 oliif dhimma 'Schizophrenia' irratti qorateera, wallaaneera.
Dhukkubsattoota wallaanaa turan osoo maqaa isaanii hin dha'iin, sammuun isaanii akkamitti akka yaadaa ture ibsa.
'Maarsirraa carallaa/cararii natti gadhiifamaa jira'
Namni Pirofeesar Salamoon wallaane tokko biyya Iskaandineeviyaatti Fiiziksiin PhD baratee kan dhufe ture. Barsiisaa yunivarsiitiis ture.
Qillaansarratti carallaan/carariin miidhaa geessisan gadhiifamaniiru jedhee amana. keessumaa cararoonni isarratti xiyyeeffatan baayyinaan akka gadhiifamaa jiranitti yaada.
Kanarraa kan ka'een meeshaa elektirooniskii tokkollee hin fayyadamu. Bilbila hin qabu. Televizhiinii hin iaalu, raadiyoo hin dahgeeffatu.
"Ani kitaaba banamedha"
Dhukkubsataan kun biyyiifi lafti jiru, gala hundarraa icciitiisaa dhaga'ee kan beeke itti fakkaata.
"Doktora amma jireenyi kiyya jireenyaa? Namni icciitiin isaa gadi baanaan maaltu isa hafe?' naan jedha" jedha Pirofeesar Salamoon.
Dhukkubsataan kun yeroo karaarra deemutti namni waan inni yaadu kan beekan itti fakkaata.
Akka addunyaa inni keessa jiruutti, uumamni hundinuu icciitii isaa beeka. "Ani nama mitiim; nama jechuun icciitii kan qabudha; ani garuu kitaaba banamedha" ittiin jechaa ture.
"Chipsii ilkaan keessaa na awwaalan"
Dhukkubsataan kun yeroo dhiyoo biyya alaatii kan dhufedha.
Biyya alaatti ilkaan isaa wallaanamee ture. Hakiimonni dhoksaan 'chipsii' keessa akka awwaalanitti amana.
Dhukkubsataan kun CIAn chipsii fayyadamuun hawaa (Space) irraa suura kaasaa akka jiran cimsee amana. Irra deddeebiin NASA itti gaafatamaa godha.
Piroofeesar Salamoon akka jedhutti, dhukkubsattoonni kunneen baayyee kan baratan yoo ta'u wanti isaanitti mul'atus hanguma sana carraa inni wal xaxaa ta'uu jira.
Bishaan saamsameefi biskutii qofa
Dhukkubstaan kun ammoo nyaanni hunduu summiin faalameera jedhee amana. Beelaan du'uurra jedhee bishaan saamsameefi biskutii qofa fayyadama. Ciree, laaqanaafi irbaanni isaa kanumadha. Bishaan saamsame, biskutii saamsame ykn kan biraa.
Addunyaa biraa
Pirofeesar Salamoonis ta'e Doktor Ginbaaruun akka jedhanitti, dhukkubsattoonni akkasii yeroo baayyee addunyaa dabalataa (qixxiyyaa) jiraatu.
Sagalee namoonni fayyaan hin dhageenye dhaga'u. Televizhiniin, raadiyoon waa'eedhuma isaanii odeessaa akka jirutti yaadu.
Waahellan waliin hojjennu anarratti shira xaxaa jiru. MOSAD na hordofaa jira, mootummaan ana ajjeesisuuf... kanneen jedhaniif kaan hedduu yaadu.
Kun kan ta'uuf ammoo addunyaa isa dhugaarraa kan fudhatamee addunyaan biraa [qixxiyyaa] sammuu dhukkubsattootaa keessatti waan uumamuufidha.
Nama jaallatan ammoo itti gaafatamaa gochuurratti yeroo baayyee caalmaa agarsiisu.
"Dhukkubsattuun dhiyeenya na bira turte wanti yaaddu hundi Addeessarraa sagalee guddistuu tolfameen [gaxxamameen] ummataaf tamsa'aa akka jiru amanti; kanaaf ammoo itti gaafatamaa kan gootu maatiisheeti," jedha Doktor Ginbaaruun.

Madda suuraa, Getty Images
'Schizophrenia' fi jumaa [caatii] maaltu walitti fide?
Jumaa fi 'Schizophrenia' waliif maalidha? Piroofeesar Salamoon waltti dhufeenya jumaa fi 'Schizophrenia' ballinaan qorateera. Qorannoo isaa kanas joornaalii gurraa guddaa qaburrattis maxxansiiseera.
"'Schizophrenia' sababa jumaatiin hin dhufu," jedha. Haata'u malee, yoo duraan kan jiru ta'e akka hmmaatu taasisa.
Maal jechuudha?
Dhibeen sammuu kun sanyiin (Genetic) kan darbudha. Saaxilamummaan isaa uumamaan kan jirudha. Yeroo ta'een booda kan dhufu miti.
Sanyiidhaan yeroo jennu ammoo nama sanyii sana keessa jirurratti mul'ata jechuu miti. Nurra jiraatee garuu mallattoo mul'atu tokko osoo hin jiraatiin darbuu dandeenya.
Jumaan waan hin taane kan hojjetu asittidha.
"Baala sammuu nama adoochu fudhattu taanaan, jumaa qamaatu taanaan, dhukkubni callisee ture lubbuu horata; ni hammaata."
Kana qofaa miti. Piroofeesar Salamoon akka jedhutti, warra jubaa yeroo baayyee qama'anirratti qorichi hin hojjetu; dhukkubni isaanii ni hammaata.
Yoo itti foyyaa'ellee jumaa qamaanaan deebi'ee itti hammaata. Bu'a qabeessummaa qorichaa hir'isa. Innumaatti dhukkuba daran hammaataa (Chronic) ta'a.
Gabaabaamatti jumaa fi 'Schizophrenia' abiddaafi cidiidha. Kanaaf ta'a dhukkubsattoota 'Schizophrenia' bakka jumaan itti baayyatutti kan arginuuf.
Gabaabumatti Doktor Gibaaruun akka jedhutti, namni 'Schizophrenia' qabu jumaa qamaanaan 'abiddatti beenzila rafarrafe' jedha.
Hafuura hamaa?
Doktor Salamoon dhukkubsattoota 'Schizophrenia' Butaajiraa jiran 320 irratti qorannoo gaggeesseera.
Dhukkubsattoota kanneen waggaa shaniif osoo addaan hin kutiin hordofee qorannoo irratti gaggeesseera.
Bu'aan qorannoo isaa waan lama agarsiiseera.
Tokkoffaan dhukkubsattoonni kunneen hin wallaanaman taanaan carraan du'uu isaanii dachaadha.
Lammaffaan 'Schizophrenia' dhukkubsatanii warri qoricha fudhatan umurii dheeraa jiraatu.
Baroota qorannoo kana gaggeessan keessatti qofa Buttaajiraatti dhiironni 32 fi dubartoonni 4 walumaagalatti dhukkubsattoonni 'Schizophrenia' 38 du'aniiru.
Isa miti kan nama ajaa'ibu. Warri qoricha hin fudhanne warra qoricha fudhatan waliin wal bira qabamanii yoo ilaalaman waggaa 20n dursanii du'u.
Qorannoon kun dhimmoota wal xaxoo ta'an kaasa. Gabaasa kanaaf garuu qoricha fudhachuun filannoo osoo hin taane dirqama ta'uu qabaadha.
Haati koo summiin na ajjeesuu yaaddi
Piroofeesar Salamoon dhukkubsattoota waggootaa wallaanaa turan keessaa kan yoomiyyu hin daganne qaba.
Shamarreen tokko haati ishee deesse summii ishee nyaachisuuf akka ta'etti amanti. Kanaaf, nyaata haadhashee hin nyaattu.
Walitti fufuun sagaleen tokko gurrasheetti asaasa.'Haati kee summii si nyaachisuuf' kan jedhu.
Dhukkubsattoonni akkasii waan arganiifi dhaga'an %100 amanu" jedha Piroofeesar Salamoon.
"Yeroo isaanitti fooyya'u garuu 'akkamittin akkasitti yaaduu danda'e? Akkamittin haadha koo shakkuu danda'e" jedhu.
Wallaansi bu'a qabeessa ta'e taasifameefii jennaan gara qalbiisaaniitti deebiyu.
Deebiyuu qofaa osoo hin taane maal ta'anii akkas akka ta'an hubachuus danda'u. Kun waan nama ajaa'ibudha.
Warri 'Schizophrenia' dhukkubsatan yeroo itti fooyya'u akka dhukkubsatanii turan ni beekuu?
"Eyyeen! Dhukkubsattoonni baayyeen jiru. Yeroo fooyyaa'an kan naan jedhan akkasidha. Anis bu'a qabeessummaa wallaansa kanaa kanan madaalu kanaanidha," jechuun BBCf ibsa Piroofeesar Salamoon.Dhibeen fayyaa samuu namoonni baayyeen hafuura hamaatti fudhatan qoricha malee wallaanuun hin danda'amu.
Qorichoonni farra-Saayikootik ta'an jiru. Qorichi gaariin 'Schizophrenia' f isadha. Isaan alatti ammoo teraappiin gargaaramuu danda'a.
Balaa qaqqabsiisuu danda'uu?
Piroofeesar Salamoon dhimma kana ibsuudhaaf haala hin baratamneen of qaba. Sababa malee miti. Moggeeffamuu hordofsiisa jedhee waan yaadda'uufidha.
"Biyya keenyattiyyu dhukkubsattoonni maatiisaa ajjeesan ni beekna nuun jedhu, ballinaan ibsuu garuu of qusata.
Dhukkubsattoonni balaa guddaa hin eegamiin geessisuu kan danda'an garuu yoo wallaansa hin argatiin qofadha.
Balaa yoo qaqqabsiisanillee itti gaafatamoo taasifamuu hin danda'an. Sammuu fayyaa qabuun waan hin raawwanneef seerri ''Not guilty by insanity'' jedhee bilisa isaan taasisa.
Biyyoota hguddatan keessatti dhukkubsattoonni ''Not guilty by insanity'' dhukkbni yoo isaanitti cime hospitaalla dandamachiisu umurii guutuu keessatti wallaanaman ni jiru.
Hawaasaaf balaadha yeroo jedhamanis bakka of eeggannoon keessatti dandamatan (Maximum Security Hospitals) akka galan taasifamu. Kun Foorensiik Saayikaatirii jedhama. Hakiimiin "kuna balaa qaqqabsiisuu danda'a hospitaala jiraachuu qaba," jedhee murteessuu danda'a," jedha Piroofeesar Salamoon.
Doktor Ginbaaruun hawaasni dhukkubsattoota waan akka 'carraa ykn abaarsi' itti fidee gochuun dhoksan yeroo yaadatu isa mataa isaa deebi'ee dhukkuba.
Hawaasni keenya dhibee fayyaa samuu ilaalchisee waan baayyeetu isa hafa jedha.
Kirisiytaana warri ta'an 'falfalatu' irratti hojejtameeti. siin jedha; Musliimni ammoo 'Sihiir' irratti hojjetameeti jedha. Walumaagalatti hubannaan jiru rakkoodha. Dafanii qabanii hin fidan. Wantan guyyaa guyyaan argu na gaddisiisa," jedha.
Rakkoon biraa dhukkubsataan rakkoo sammuu qabu, na dhukkuba kan jedhu ta'uu hdabuu isaati.
"Yoo garaan si dhukkube fiigdee mana hakiimii deemtee 'doktor' bakka kana na dhukkube jettee himatta; namni sammuun isaa dhukkubsate garuu dhukkubsachuu isaa hin beeku. Rakkataa jira garuu. Maatiin yoo hin barreef namni sun rakkoo keessa jira."
"Maaloo akkaataa amantaa keessanitti walaanaakan jiratan ta'ullee mana hakiimaa fidaa; lamaan isaanii wal hin lolan," jechuun kadhata doktor Ginbaaruun.
Pireesar Salamoonis akkuma kana maaloo gara mana hakiimaa fidaa jechuun kadhata.












