Yoona fiixee gabatee liigichaarra taa'uun waayee shaampiyoonaa ta'uu maal hima?

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal ayyaana Gannoo Faranjootaa( Christmas) irratti qabxii lamaan dursaa fiixee gabatee Piriimiyeer Liigirra jira.
Seenaa Liigichaa waggoota 33 darbanii keessatti gareen yeroo akka ammaa kana liigicha dursaa turee dhumarratti shaampiyoonaa ta'e yeroo 17 mudateera.
Ammoo Arsenaal amma dura yeroo afur yeroo akka kanaatti fiixee gabatee liigichaarra turus dhumarratti liigicha osoo hin mo'atiin hafeera.
Riikardii Arsenaal kan laallu yoo ta'e Mikeel Arteettaan leenjisaa Arsenaal ta'uu dura kilabichi ayyaana Gannootti fiixee liigichaarra kan ture yeroo lama qofadha.
Erga Arteettaan dhufee waggaa afur keessatti yeroo sadaffaaf fiixee gabateerra argamuusaati.
Deggartootni Arsenaal gareen kun muuxannoowwan baroota darbaniirraa barachuun bara kana warra isa adamsan Maanchister Siitiif kaan boodatti dhiisee kennaa erga bara 2004 hawwaa turan ''barana nuu kenna'' jedhanii abdataniiru.
Kilabni yeroo baayyee yeroo akka ammaa kana fiixee gabateerra ture Maanchister Yunaayitidiidha. Seenaa keessatti yeroo 7 yoona kana fiixee gabateerra ture. Isaan keessaa yeroo shan waanchicha nyaateera.
Inni yroo dhumaaf yoona fiixee gabateerra ture bara 2012.
Liiverpuulis akkasuma yeroo torba yoona fiixee gabateerra ture. Isaan keessaa yeroo lama injifateera.
Kan akka Chelsii yeroo ayyaana Gannoo fiixee gabatee qabatee milkaahe garuu hin jiru. Yeroo shan fiixee gabateerra ture. yeroo shananuu injifateera.
Arsenaal kan yeroo afur seenaa isaa keessatti fiixee gabateerra turemmoo takkaahuu milkeessuu hin dandeenye.
Maanchistar Siitiin yeroo sadi fiixee gabateerra ture. Bara sadanuu injifateera.
Baroota afur Arsenaal yeroo akka ammaa fiixee gabateerra ture liigicha kilabootni injifatan Maanchister Yunaayitidiifi Maanchister Siitiidha.
Bara dorgommii 2002-03 Arsenaal lammaffaa bahee Yunaayitiid injifate. Bara 2007-08 akkasuma Yunaayitiid yoo injifatu Arsenaal sadaffaan xumure.
Baroota lamaan bara dheengaddaa Liiverpuul injifachuu dura turan ammoo dura turan ammoo Maanchistar Siitiin waancaa injifatee Arsenaal lammaffaa ture.
Garaagartummaa qabxii lamaatiin gareen yoona kana liigicha dursaa ture Arsenaal qofa.
Gareen yoona kana liigicha osoo hin dursiinis liigicha injifatee beeku Arsenaali. Yeroo sadi akkasitti waancaa injifateera.
Garaagartummaan qabxii lamaa amma jiru shaampiyoonaa ta'uuf amansiisaa ta'uu baatus akkasitti gareen injifatee beeku jira.
Maanchister Yunaayitiid yeroo lama, Maanchister Siitii, Liids, Bilaak Barni fi Leesteer Siitii yeroo tokko tokko yoona qabxii lamaan dursaa shaampiyoonaa ta'anii beeku.
Ammoo Arsenaal yoona kana garee liigicha dursurraa qabxii 13n fagaatee osoo jiruu dhumarratti shaampiyoonaa ta'ee beeka. Kuni bara 1997-98 tti ta'e. Riikardiidhas.
Ta'ii biraan ammoo baroota 17 darban gareen yoona sadarkaa lamaffaarra osoo jiruu dhumarratti waancaa injifate yeroo lama qofa mudate. seenaa kana kan hojjete ammoo Maanchister Siitii qofa.












