Sadarkaa keenya ammaatti gahumsi gadaanaa akkasii nurraa hin eegamu-Arteettaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa tapha Woolvis erga mo'atanii waa'ee gahumsa taphattoonni isaanii agarsiisanii yaada kennanniiru.
Arsenaal taphicha daqiiqaa dhumaatti mo'ate. Isayyuu galchii lamaan kan lakkoofsise taphattootuma Woolvis turan.
Erga boqonnaan dura yaalii gaarii tokkollee hin taasisiin bahanii Arsenaal galchii jalqabaa kan argatan kubba karra eegaan Woolvis karra isaa irratti lakkoofsise irraati.
Woolvis booda galchii bareedaa lakkoofsisuun wal qixxaatan. Qabxii lama qofa bara kana kan qabu Woolvis taphicha qixa waan xumuran sehanii ture.
Daqiiqaa 94ffaa irratti kubba Bukaayoo Saakaa dabarse taphataan sarara ittisaa Woolvis Mooskuweeraa jedhamu karra isaa irartti lakkoofsise.
Arsenaal taphicha 2-1'n mo'achuun qabxii isaa 36'n gahee sadarkaa tokkoffaan liigicha dursuu itti fufe.
Mikeel Arteettaan taphaan booda TNT Sport waliin turtii taasiseen, ''taphichi akka ulfaatu ni beekna ture. Boqoannaan dura rakkoo heduu qabna ture. Carraa gaarii jedhamu argachuu hin dandeenye.
Boqonnaan boodas carraa galchii tahu gaarii tahu uumuu hin dandeenye. Garuu fooyyee qabna ture jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Akkasumas gara daqiiqota sadii gara dhumaa miira of dagachuu ittisa irratti mul'atu keessa turre. Waan akka kanaa sadarkaa nuyi irra jirru hin madaalu.
Waan akkasii fooyyessuu qabna. Dhuma irrati yaalii nama dhuunfaa tokko irratti hundoofnee taphicha mo'annee bahuuf dirqamneerra'' jedhe.
Sarara dhumaa irra yeroo gahaa turan taphattoonni koo kubba dabarsuuf taphataa sirrii ykn bakka sirrii jiru filachuu irratti dogogora uumaa turan kan jedhe Arteettaan akkamiin taphanne isa jedhu dhiisnee garuu taphicha mo'anneerra jedhe.
Amma kana booda torban tokko guutuu qabna kan jedhe leenjisaan Arsenaal sana booda gara taphoota yeroo Ayyaana Qillee deemna jedhe.
Isa irratti ammoo waan uumamu waliin ilaalla jedhe.
''Viiktar Giyookeres haala gaarii irra jira. Rakkoon jiru kubbi ariitiidhaan ykn qajeelee bakka inni jiru gahaa hin turre. Dhamaatii fi ilaalchi tapha mo'achuuf qabu isarraa mul'ata,'' jedhe.
Been Waayit taphni jalqabee osoo hin turiin jijjiiramee bahe. Miidhamatu isa mudate kan jedhu Arteettaan waan gaarii hin fakkaatu jedhe.
Tahus, Arsenaal amma filannoo baay'ee waan qabuuf bakki Been Waayit rakkoo hin tahu. Rikaardoo Kalfiyooriin miidhamarraa deebi'aa jira.
Taphataa duraanii Arsenaal Maartiin Kooween yoo shaampiyoonaa tahuu barbaadde yeroo hundaa tapha akkasii kana taphachuu hin qabdu jechuun gahumsa Arsenaal agarsiise qeeqe.
Akkan yaadutti injifannoon waancaa tapha kana irrattis kan hundaa'u tahuu mala, sababni isaas ilaalchaa fi waca isaanitti marsee jiru yeroo ilaallu jedhe.
Arsenaal dhugumaan deeggarta yoo tahe waan kilebicha qeeqxu waan baay'ee qabda jedhe. Gahumsi Arsenaal shaampiyoonaa tahuuf isa hin amansiifne.
Dursaan taphattoota Arsenaal Bukaayoo Saakaa, ''eeyyee! dhugaadha, takka takka carraanis mo'achuuf si barbaachisa'' jedhe.
''Har'a carraan nu waliin jirti. Qabxii arganne kana fudhannee fuulduratti deemuudha. Haga dhumaatti waan tahu hin beeknu.Garuu har'a qabxii sadii fudhannee bahuu keenyaaf baay'ee gammanneerra'' jedhe.
''Kan nuyi barbaannu gareen kaan gara Emireetis yeroo dhufan bakka ulfaataa tahuu isaa fi salphaa akka hin taane akka hubatanidha.
Saakaan itti dabaluun dhugaa dubbachuuf waan har'aa kan nama yaadessu ture jedhe. Dhuguma tapha Woolvis irraa qabxii sadii argatanii bahuu isaanii hin amanne.
''Ergaan ani taphattoota keenyaaf qabu, obsa qabaadhaatii waan dandeessan hunda yaalaa. Dhuma irratti qabxii nuuf malu arganna kan jedhudha.''
Saakaan haga torban dhufuutti boqonnaa akka qaban dubbatee isas haamilee gaariin akka bahan hime.
Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii fi Piriimer Liigii tokkoffaan dursaa jira. Garee jabaa kan ijaare Arteettaan barana waancaa injifachuu barbaada.
Piriimer Liigii waggaa 22 booda Shaampiyoonsi Liigii seenaa kilebichaa keessatti yeroo jalqabaaf injifachuuf tattaafataa jiru.
Noonii Maduweekee tibbana barana waancaa Piriimer Liigiis waancaa Shaampiyoonsi Liigiis waan mo'annu nati fakkaata jedhe.
Garuu Maanchister Siitiin yoo tapha Kiristaal Paalaas waliin qabu mo'ate garaagarummaan isaan gidduu jiru qabxii lama taha.
Cheelsii fi Liiverpuulis injifatanii garaagarummaa qabxii Arsenaal walin qaban dhiphisaniiru.















