Liyoonel Mesiin siidaa isaa meetira 21 dheeratu ifa gochuufi

Liyoneel Mesii fi siidaa isaaf ijaarame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Liyoneel Mesii kilabaafi biyya isaaf waancaa 44 mo'ateeraa

Liyoneel Mesii? Kiristiyaanoo Ronaaldoo? Peelee? Diyeegoo Maraadoonaa?

Taphattoota kubbaa miilaa jajjaboo addunyaa keessaa inni akkaan jabaa eenyu jedhu falmisiisaadha.

Hindii keessattii garuu waan irratti waliigalan fakkaata.

Kilabiin Ameerikaa Intar Miyaamiin waancaa MLS akka fudhatu kan gargaare Mesiin, daawwannaa guyyaa sadiif gara Hindii imalaa jira.

Isa walinis Luwis Suwaarez fi Roodirigoo di Paawul imalaniiru.

Mesiin Hindiitti siidaa isaaf ijaarame gaafa Sambataa Kolkataatti eebbisa.

Siidaan asiin ol meetira 21 dheeratu kana ijaaruuf guyyoota 27 fudhateera. Namoonni 45's irratti hirmaataniiru.

Daawwannaan Mesii Kolkaataatti eegale Haayidiraabaad, Mumbaayi fi Delhiittis fulla'a.

Siidaan kuni kabaja Hindiin taphataa duraanii Baarselonaafi Paaris Seent Jermeeniif taasistudha.

Jaallattoonni Mesii bakka siidaan Mesii akka mootitti ka'aameefi 'Hola Mesii' jedhame daawwachuu danda'u.

Bakkee kanatti waancaawwan inni fudhate, mana jireenyaa isaa Miyaamiitti argamu akkasumas maatiin isaa barandaarra taa'an fakkaatu bocame ijaarameera.

''Waan isaaf qophaa'e osoo argee inni [Liyoneel Mesii] raajii itti ta'a ture,'' jedha. deeggaraan Mesii Shilaaditiyaa Banerjee.

''Kolkaataafi guutuu Hindiitti akkamiin akka isa jaalatan raajii itti ta'a. Ani boo'aan jira, garuu imimmaan kuni kan gammachuuti.''

Wiirtuu deeggaartoonni Mesii akka daawwataniif qophaa'e keessaa tokko siidaa Mesii akka mootitti ijaaramedha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wiirtuu deeggaartoonni Mesii akka daawwataniif qophaa'e keessaa tokko siidaa Mesii akka mootitti ijaaramedha

Mesiin sadarkaa kilabiitti si'a 963 hiriiree galchiiwwan 787 lakkoofsiseera.

Bara 2016 isa yaadachuuf siidaan isaa meetiirraa qophaa'e Arjantiinaatti ijaarameeera.

Pirezidantiin Baarseloonaa Jowaan Laapportaa Nuu Kaampittii siidaa isaa ijaaruuf qophiitti akka jiran himaniiru.

Bara 2014 siidaan morkataa isaa yeroodheeraa Kiristiyaanoo Ronaaldoof odola Maderiyaatti ijaarameera.

Kiristiyaanoo Ronaaldoo siidaa isaa biratti

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaa Kiristiiyaanoo Ronaaldoof ijaarame