Ziilatan Ibrahimovich: Siidaan Ziilatan Ibrahimovich nahaasa irraa hojjetame haleelame

Ziilatan Ibrahimovich

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Namootni hedduun yeroo eebba siidaa isaa irratti argamaniiru.

Siidaan Ziilatan Ibrahimovich Naasa irraa istaadiyeemii Maalmoo keessatti hojjetame guyyaa inni kilabii masaanuu Maalmoo bituu isaa ibsu haleelame.

Siidaan meetira 3.5 dheeratu kun Federeeshinii Kubbaa Miilaa Iswiidiniin kan hojjechiifame yo tahu ji'a darbe ture kan ifatti eebbifame.

Ziilaataan kilabii Hamarbaay jedhamu keessaa 25% bitachuu bsee ture.

Kilabichi ammoo masaanuu kilabii Maalmooti. Siidaan Ziilaataan kan ijaarame ammoo istaadiyeemii Maalmoo keessatti yoo tahu akkuma inni kilabii Hamarbaay bituu ibseen miidhaan irra dhaqqabuu poolisiin ibseera.

Qalamni garaagaraa itti naqamuu kan ibse poolisiin namoota baay'eetu miidhaa irraan gahe jedhe.

Kilabiin Hamarbaay jedhamu liigii Iswiidiin keessaa bara kana 3ffaa irra jira.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa ture yeroo namootni abidda fudhatanii itti adeeman agarsiisa.

Taphataan ganna 38 Ziilaataan xumura bara dorgommii Mejer Liig Sooker[ MLS] kanatti LA Gaalaaksii gadhiisee kan bahe yoo tahu taphoota 116 irratti galchiiwwan 62 lakkoofsiseera.

Ziilaataan kileboota akka Ayaaksi, Juuventas, Intermiilaan, Baarseloonaa, AC miilaan, Paaris Seent Jermaan [PSG] fi Maanchister Yunaayitidif taphateera.

Oduu ispoortii biraan taphataan Baarseloonaa Liyonel Mesiin kilabii isaaf kaleessa tapha 700ffaa isaa gaggeesuun galchii waliigalaa 613ffaa isaa lakkoofsiseera.

Seenaa baarseloonaa keessatti Mesii caalaa taphataan yeroo baay'ee hiriiruun taphate Zhaavii Hernaandez qofa yoo tahu innis taphoota 767 irratti hirmaateera.

Dorgommii Shaampiyoonsiliigiidhaan ammoo galchii 114 waliigalaan lakkoofsisuu isaati.

Dorgommii shaampiyoonsiliigii keessatti Baarseloonaan yeroo 149 mo'achuun Riyaal Maadirid kan taphoota 158 mo'atetti aanuun sadarkaa 2ffaa qabateera.