Joosee Moriinoon, Pochetiinoo bakka bu'uun leenjisaa Tootinhaam ta'e

Joozee Moriinoofi Maarsiyoo Pochetiinoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Joosee Moriinoofi Maarsiyoo Pochetiinoo

Maanchester Yunaayitid dabalatee leenjisaa kilaboota gurguddaa kan ture Joosee Moriinoo manaajara Tootinhaam Maarsiyoo Pochetiinoo bakka bu'uudhaan leenjisaa kilabichaa ta'e.

Leenjisaan ganna 47 Pochetiinoon, turtii waggoota shanii kilaba Tootinhaam waliin taasiseen booda Kibxata ari'ameera.

Leenjisaan lammummaan isaa Arjentiinaa ta'e kun kilaba kaaba landan kana waggaa darbe Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatiif qaqabsiisuun dhuma irratti garuu Liiverpuuliin mo'atameera.

Joosee Moriinoon ammoo erga Mudde 2018 Maanchester Yunaayitid irraa erga ari'amee booda hojii malee taa'aa ture.

Hojii Tootinhaam leenjisuu kanatti darbuuf mariirra erga turamee booda ar'a waliigalteerra ga'uun hojii jalqabeera.

Moriinoon duraan kilaboota akka Chelsii, Poortoo, Riyaal Maadriid, Maanchestar Yunaayitidiifi Inter Miilaan leenjisaa tureera.

Erga Maanchester Yunaayitidirraa ari'amees carraan hojii leenjisuu biyyoota akka Chaayinaa, Ispeeniifi Poorchugaalirraa dhiyaateefii hin fudhaatiin hafeera.

Waldhabdeen Pochetiinoofi gaggeessaa Tootinhaam Daani'eel Leevii gidduu akka jiru gabasaaleen agarsiisanillee, sababiin ari'amuu isaa Guraandhala darbe irraa kaasee ji'oota hedduuf qabxii barbaachisu dhabuu isaati.

Tootinhaam leenjistoota biroos fidachuudhaaf korachaa ture.

Aanga'oonni Tootinhaam Moriinootiin gara kilaba isaaniitti fidachuu isaaniitiins gamadaniiru.

Tootinhaam hanga ammaatti manaajera qacaruuf baasii guddaa Moriinoof baasee kana baasee hin beeku.

Moriinoon waggaa tokkoo oliif hojii dhiisee taa'ullee, mana isaa Landan keessa jiru waan of harkaa hin baasneef, hojiin inni Landanitti karoorfate kun isatti toluu mala jedhameera.

Rakkoon yeroo Maanchester Yunaayitid kessa ture isa mudate maqaa ittiin beekama ture 'Nama Addaa' ykn 'Special One' jedhu jalaa ballesseera. Haata'u malee, milkaa'ina taphoota hedduu keessatti argamsiisan gurra inni horate hedduu akka isa kabajan taasiseera.

Gama biraan ammoo leenjisaa kilaba Baarseloonaa duraanii kan ture Liiwuus Eneriikee oduun gara Arsenaal dhufuu jira jedhu turellee, garee biyyaalessaa Ispeen leenjisuuf waliigaleera.

Eneriikeen garee biyyaalessaa Ispeen kana Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa bara 2022 Qaataar qopheessituuf qopheessuuf itti gaafatamummaa fudhate.