Siidaa Kiristiyaanoo Ronaaldoo yaada ummata Hindii lamatti qoode

Madda suuraa, @MichaelLobo76
Siidaan haaraa taphataa beekamaa Kiristiyaanoo Ronaaldoo ifa taasifame yaada ummata Hindii keessa jiraatan lamatti hireera.
Bakki siidaan kun dhaabame bulchiinsa lixa biyyattii jiruufi kan Gowaa jedhamu keessa.
Bulchiinsa kanatti kubbaan miilaa haalaan kan beekamu yoo ta'u, qondaaltonni siidaan kun dargaggootaaf kaka'umsa ta'a jedhanii yaadaniiru.
Haata'u malee, Gowaan kolonii duraanii Porchugaal turte. Erga Porchugaal irraa bilisa baates waggoota 60 taheera. Dhaloonni Ronaaldoo immoo Porchugaalidha.
Qeeqxonni akka jedhanitti taphattoonni bebbeekamoo garee biyyaalessaa Hindii bulchiinsa kanarraa kan dhufan waan ta'aniif Ronaaldoorraa siidaan isaanii dhaabachuu qaba ture.
''Siidaan Ronaaldoo dhaabachuu isaa yoon dhagahu baay'een aare. Taphattoota keenya ciccimoo kanneen akka Saamir Naayik, Biruunoo Kutinihoon boonuu qabna,'' jechuun dhalataan Gowaan madda oduu IANS jedhamutti hime.
Yeroo siidaan kuni ifa taasifame, namoonni muraasni mormii isaanii ibsuuf alaabaa gurraacha marmaarsan jechuun Taayimis of Indiyaan gabaase.
Gareen kubbaa miilaa Porchugaal, Gowaa keessa haalaan kan beekamu yoo ta'u sababa kolonii duraaniin namoonni hedduu Porchugaal jiraataniiru yookiin achiitii maatii qabu.
Namoonni muraasni bulchiinsa Hindii kana keessa jiraatan garuu yeroo biyyattiin Porchugaal jalaa baatee wagga 60ffaa kabajaa jirtutti siidaa kana dhaabuun arrabsoodha jechaa jiru.
Bulchiinsi Gowaan bulchiinsota Hindii kaanirraa waggoota 14'f duubatti hafteeti Porchugaal jalaa kan walabummaa argatte.
Rogeessi warra mirgaa leellisu Guruu Shirodkaar siidaan kuni dhaabachuu isaa akka balaaleeffatan himuu isaanii IANS himeera.
''Namoota hedduu bilisummaaf falmanifi Gowaa keessa jiraniif arrabsoodha,'' jechuun dubbatan.
Miseensi mana maree paartii bulchiinsicha bulchuu Mikaayel Loboo siidaa dhaabatee bira dhaqanii suuraa ka'un siidaan kuni ''gaaffii dargaggoo keenyaan dhaabbate,'' jechuun fuula tiwiitaraa isaaniirratti barreessan.
Hindii keessa kirikkeetiin ispoortii jaalatamaa ta'us bakkeewwan biyyattii keessatti kubbaan milaa keessumaa Pirimiyeer Liigiin Ingilizii ni daawwatama.
Taphataan Maanchistar Yunaayitiid Kiristiyaanoo Ronaaldoon taphataa addunyaa beekamaafi guddoo milkaa'e jedhamuun seenaa keessa yaadatama.
Dhimma siidaa kana irratti garuu waan ifatti dubbate hinqabu.
Siidaan Kiristiyaanoo dhaabate yeroo ijoo dubbii ta'u kuni kan duraa miti. Bara 2017 siidaan isaa Porchugaal keessa dhaabbate itti qoosamee ergasii kan biraan bakka buufameera.













