Maanchister Siitiin galchii Haalaand lamaa fi Fooden lakkoofsisaniin 3-0 Kiristaal Paalaas dursaa jira

Piriimer Liigii:Maanchister Siitiin galchii Haalaand lamaa fi Fooden lakkoofsisaniin 3-0 Kiristaal Paalaas dursaa jira

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Arteettaan waancaa injifachuuf qabxii 90 ol argachuu qabna jedhe

    Bara darbe yeroo akka kanaa Arsenaal sadarkaa gaarii irra ture. Garuu Liivepuul liigicha hala gaariin dursee xumure.

    Areettaan waa’ee waancaa injifachuu yoo gaafatamu ‘’du’een argama malee abdii hin kutadhu’’ jedhee ture.

    Garuu Aliiverpuul shaampiyoonaa tahee xumure. Bara kana Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigiidhaan tokkoffaa irra jira.

    Garuu waancicha injifachuuf kan dorgomu Arsenaalii fi Maanchister Siitii qofa miti. Garee ciccimoo kaanis jiru jedhe Arteettaan.

    Astoon Viilaan Arsenaaliin qabxii sadii qofa caalama. Cheelsiin qabxii 28 qaba. Liiverpuul qabxii 10niin caalameera.

    Arsenaal ittis ajabaa ijaareera. Sararri gidduu taphattootaa gahumsa addaa qabanii fi taa’umsa jijjiirraa irraa ka’uun tapha jijjiiruu danda’aniin ijaarame.

    Fuuldurri Arsenaal duraan komii qabu barana Viktar Giyookeresiin durfama. Garuu akka eegamee fi waa’ee isaa yeroo jijjiirraa ganna darbee haasa’ame hin taane.

    Arteettaan sochii isaatti akka amanu hima. Kubbi gaariin gruu yeroo bay’een isa bira hin gahu jedha. Giyookeres kubbi tuqee bahuyyuu baay’ee muraasa.

    Yoo haala Kanaan itti fufe Gabri’el Yesuusii fi Kaayi Haavertiif bakka isaa dhabuu mala. Barana Arsenaaliif taphataa cimaan Tiroosaadidha.

    Inni ammo yeroo yerootti miidhama. Kanas tahe kana Arsenaal waancaa barana kana hin mo’atu yoo tahe Arteettaan gaaffii jala galaa deema.

    Gareen Peep Gaardiyoolaa fooyy’aa adeemaa jira. Liiverpuul qabxii kana hunda dhiphisuu mala. Garuu Aston Viilaan mo’amanii, Woolvisiin ammoo mo’achuuf galchii taphattoonni Woolvis ofirratti lakkoofsisan kan lakkaa’atan Arsenaal irraa barachuu qabna jedhan.

    Arteettaan osoo shaakala hin hojjetiin taphaaf qophoofna, yeroo gahaan hin jiru.

    Kanaaf dogogorri nutti baay’ate. Isa ni sirreessina. Amma tapha Everteeniif guyyaa boqonnaa lama qabna.

    Sana booda shaakala hojjenna. Sanaan booda maal akka goonu nuyuu beekna jedhe. Peep ammo bakka sirrii geenyeerra. Kana caalaa fooyya’uu fi guddachuu qabna jedhe. Isin maal jettu?

  2. Peep Gaardiyoolaan waa'ee injifannoo har'aa fi waancaa dubbate

    "As dhufanii K. Paalaas morkachuun dhugaadhumatti baay’ee ulfaata. Yeroo kubba balleesitu ykn of harkaa baastu akka addaatti si jifatu.

    Garuu obsinee carraa keenya eegganne. Yeroo kubbi Waartan rukute poolii dhahee deebi’e carraa qabeeyyii turre.

    Gahumsa agarsiifneefi injifannoo argannetti baay’ee gammadeera. Xiin-sammuu keenyaaf waan guddaadha.

    Erliing taphataa sarara duraa galchii lakkoofsisuuf uumamedha. Boqoannaa booda garuu kubba ofirra tursiisaa ture. Garuu haala ulfaataa jiru to’achuu danda’eera.

    Akka tokkummaan taphannu nu gargaareera. Gahumsa guddaa boqonnaa booda agarsiise.

    Boqonnaa dura waan hundaan ariifataa turre. Booda bakka qulla kamirraan akka taphachuu qabnu dubbanne. Rayaan Cherkii gara sarara dhumaa morkattootaa yeroo gahu qaroo addaa qaba jechuun dubbate.

    Waancaa ilaalchisee; Ammayyuu kana caalaa of fooyyessuuf hojjechaa jirra. Waan dandeenyu hundaa yaalaa jirra. Ammayyuu sadarkaa olaanaa irra gahuu barbaannu irra hin geenye. Waan nu hafu jira. Garuu taphattoonnikoo hunduu ittuma jabaachaa jiru.

    Maatiyaas Nuunes ittisa cinaatti baraa jira. Taphataa jabaa taha. Kubbi Haalaandiif dabarse gaarii tahus, garuu cimina Haalaandiin goliin gale.

    Fiil Fooden har’a akka gaariitti hin taphanne. Kubba yeroo argatu waan hundaan ariifataa ture. Tasgabbaa’ee taphachuu qaba. Garuu gareef akka gaariitti gumaacheera jedhe.

    Fooden galchii tokko lakkoofsisee bahe. Garuu amma bakka sirrii irra jirra jedhe Gaardiyoolaan.

    Maan Siitiin qabxii lamaan qofa Arsenaaliin caalama.

  3. Astoon Viilaan duubaa ka'uun 3-2'n West Haam dursaa jiru

    Astoon Viilaan tapha baay'ee cimaa West Haam waliin taasisaa jiran duubaa ka'uun 3-2'n dursaa jiru.

    Morgaan Roojersi galchii lama lakkoofsise. Tokko taphataa West Haamtu karra isaa irratti lakkoofsise.

    West Haam liigicha keessatti hafuuf tattaaffii guddaa gochaa jiru. Garuu milkaa'aa hin jiran.

    Astoon Viilaan qabxii 33'n sadarkaa sadaffaa irra taa'a. Arsenaal qabxii 36'n tokkoffaadha.

    Maanchister Siitiin qabxii 34'n sadarkaa lammaffaa irra taa'eera.

    Kun haala haga ammaatti jiruun jechuudha.

  4. Saalaan nagaa dhaammate moo Waancaa Afrikaa booda Anfiilditti deebi'a?

    Yeroo walitti aanu shanaffaaf teessoo jijjiirraarra kan ture Mohaammad Saalaa Sambata kaleessaa jijjiiramee seenuun goolii lammaffaa Huugoo Ekitikee mijeessee kenneera.

    Sun hirmaannaa goolii Liiverpuuliif gumaache keessatti seenaa haaraa ta'ee galmaa'e.

    Taphni Biraayitan waliin godhan 2-0n xumuramuu booda taphataan hanga Saalaa faarfame hin jiru. Deeggartootni dhaabatanii maqaasaa faarsan. Isa duuba taphataan dirree keessa hin turre.

  5. Tootenhaam Toomaas Firaank jalatti waan hedduu fooyya'e hin fakkaatu

    Tootenhaam Toomaas Firaankiin erga qacaree waan hedduu hin fooyyessine.

    Nootiingihaam Foorest galchii 3-0 dursaa jiru. Huudsan Odooyi N. Foorestiif galchii lamaan lakkoofsiseera.

    Taphattoonni akka Mohaammad Kudus, Zhaavii Siimoonsii fi Riicharlisan fa'aa homaa galchii tokkollee lakkoofsisuu hin dandeenye.

  6. GOOOL: Fiil Fooden galchii lammaffaa lakkoofsise

    Kubba Rayaan Cheerkii taphattoota Paalaas gidduudhaa kenne Fiil Fooden kubba tasgabbeessee galchii bareedduu lakkoofsise.

    Taphni xumuramuuf gara daqiiqonni 20 hafu. Gahumsi Fooden bara kanaa baay'ee fooyya'eera.

  7. Kirsitaal Paalaas 0-1 Maanchister Siitii

    Gareen Peep Gaardiyoolaa taphaan caalamaniiru. Garuu taphataa akka Haalaand osoo qabanii galchii malee hin turan.

    Haalaand bara kana maashina galchii oomishu taheera.

    Har'a waliigalaan galchii Piriimer Liigii lakkoofsise 101 geessise.

    Maanchister Siitiin yoo tapha kana mo'atee bahe Arsenaaliin qabxii lamaan qofa caalama.

    Arsenaal Woolvisiin 2-1 mo'achuun qabxii 36 qaba.

  8. Oduu keenya bilbila keessan irratti daftanii argachuuf mala salphaa

    Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa
    Ibsa waa'ee suuraa, Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo hordofaa

    Oduu keenya daftanii argachuuf Chaanaalii WhatsApp keenya ammuma asin seenaa hordofaa.

    Oduu ispoortii, siyaasa, walitti bu'iinsa, oolmaa addunyaa dabalatee kallattiin bilbila keessan irratti argattu.

  9. Arsenaal 2-1 Woolvis

    Arsenaal daqiiqaa dhumaatti galchii lakkoofsisuun Woolvis mo’ate.

    Arsenaal carraa qabeessa.

    Woolvis qixa 1-1 erga tahanii kubba G. Yesuus mataan yaaluuf ture taphataan Woolvis galchii isaa irratti lakkoofsisuun injifatan.

    Galchii lamaan kan ofirratti lakkoofsise taphattoota Woolvisidha.

    Arsenaal qabxii 36 liigicha dursaa jira.

  10. Arsenaal 1-0 Woolvis- 85'

    Arsenaal yaalii hedduu gochuu baatus kubba koornaa irraa dhahame karra eegaan Woolvis karra isaa irratti lakkoofsisun dursaa jiru.

    Arteettaan tapha har'a ainjifatee yoo ba'es gahumsa taphattoonni agarsiisanitti aaruun isa ahin oolu.

    Boqonnaa booda yaalii kallatti isaa eeggate tokko osoo hin taasisiin bahan.

    Woolvis tapha salgaffaa walitti aansuun mo'amuuf deemu. Qabxii lama qofa argatan haga ammaatti.

  11. Har'a cidhakoo ture. Garuu Meesii arguuf jedheen sagantaakoo hundaa dhiisee dhufe jedhe lammiin Hindii tokko

    Har'a cidhakoo ture. Garuu Meesii arguuf jedheen sagantaakoo hundaa dhiisee dhufe jedhe lammiin Hindii kun.

    Liyonel Meesiin sagantaa daawwannaa 'GOAT' taphataa cimaa yeroo hundumaa jedhamuun Hinditti qophaa'e irratti argamuuf namoota hedduu waliin imaleera.

    Siidaan Kolkataatti isaaf ijaaramee fi baay'ee dheeratus ifatti akka eebbifamuuf ture.

    Garuu Meesiin Istaadiyeemii 'Salt Lake' jedhamutti argame akkuma dirree seeneen namoota beekamoo fi qondaalota mootummaa hedduun marfame.

    Gara daqiiqaa 20 erga turee qondaalonni isa waliin turan akka bahu godhan. Namoonni kumaatamaan isa arguuf kaffalanii achitti argaman haguma libsuu ijaa argine. Namoota beekamootu isa marse jedhan.

    Kanaan aaruun hookkara kaasanii taa'umsa caccabsuun qabeenyas saaman.

    Sagantaan Hindi Kolkataatti qophaa'e hookkara ka'een osoo hin milkaa'iin hafe.

    Namoonni hedduu kaffaltii guddaa baasuun istaadiyeemitti argaman.

    Hookkara ka'een garuu sagantaan Kolkataa haqamuuf dirqame.

    Meesiin dirree keessaa akka bahu taasifame.

  12. Arsenaal taphattoota sadii jijjiiree galche

    Mikeel Arteettaan boqonnaa booda yeroo dheeraa osoo hin fudhatiin taphattoota sadii jijjiiree baase,

    Zuubimandii, Eezzee fi Maartineelii baasuun Mikeel Meerinoo, Tiroosaadii fi Odeegaard dirree galche.

    Arsenaal taphattoota afur haga ammaatti jijjiireera. Garuu qaawwa dhabanii rakkachaa jiru.

    Tapha akkasiif ammoo Odeegaard murteessaadha.

  13. Arsenaal dirree isaa irratti rikardii hin taane galmeesse

    Arsenaal barana yeroo jalqabaaf kubba kallattii isaa eeggate tokkollee osoo hin yaaliin boqonnaa bahe.

    Dirree isaa Emireetis irratti barana rikardiin akka kanaa hin galmoofne.

    Erga bara 2024 as ammoo kun kan jalqabaati.

    Bara 2024 keessa kubba kallattii isaa eeggate tokkollee osoo hin yaaliin kan boqonnaa bahan tapha Maanchister Yuunaayitid waliin taasisan irratti ture.

    Arteettaan maal jijjiiree boqonnaa booda ittisa Woolvis mo'ata?

  14. Arsenaal kubba caalee taphatus yaalii taasise baay'ee xiqqaadha

    Arsenaal 0-0 Woolvis

    Arsenaal kubba %70 ol caalee taphatus yaaliin taasise walumaagala kubba 6 qofa.

    Kallattii isaa kan eeggate ammoo homaayyuu yaalii hin goone.

    Taphattoonni Arsenaal haala ittisa Woolvis kan hubatan hin fakkaatu.

    Sarara taphattoota gidduu cabsanii seenuun kan beekaman kan akka Eezzee fa'aa har'a kana gochuu hin dandeenye.

    Maartiin Odeegaard tapha kanaaf kan barbaachisu fakkaata. Saakaan akka graa isaa akka hin sochoone taphattoonni Woolvis cimsanii eegaa jiru.

    Arteettaan Odeegaardii fi Meerinoo dirree galchuu qaba.

    Deeggartoonni Arsenaal isa taphattoonni Woolvis yeroo gubuuf yaalanitti aaruu jalqabaniiru.

    Akkaataatti taphattoonni Woolvis Arsenaaliin ofirraa ittisaa turan gaarii ture. Inumaayyuu carraa goolii bareedaa lama argatanii ture.

    Arsenaal humna guutuun jifachaa ture. Garuu carraa galchii baay'ee hin uumne.

    Wolvis qabxii lama qofa qabachuun tapha kana jalqaban.

    Been Waayit miidhamee bahuun Lewis Iskeelii jijjiiramee galeera.

    Viiktar Giyookeres galchii hedduu akka eegame lakkoofsisuu dhabuu isaa irratti Arteettaan obsuu qabna. Liigichatti madaqaa jira. Akka inni lakkoofsisu nan amana jedhe.

    Osoo Kaayi Haavert miidhama irraa deebi'ee sarara duraa Giyookeres irraa fudhachuu mala.

    Arteettaan Kaayi akka deebi'uuf hawwiin eegaa jira. Akka isa baay'ee jaalatus himeera.

  15. Arsenaal 0-0 Woolvis

    Taphni Arsenaalii fi Woolvis gidduu jalqabee daqiiqonni 15 darbaniiru. Gama lamaaniinuu galchiin lakkaa'ame hin jiru.

    Arsenaal galchii lakkoofsisuuf cimee jifachaa jira. Har'a yoo mo'ate Maanchister Siitiin haga bor Kiristaal paalaas wlaiin taphatutti qabxii shaniin irraa fagaata.

    Morkattoonni jajjaboon biroo Liiverpuulii fi Cheelsiinis mo'ataniiru.

    Nu waliin bu'aa.

  16. Baarseloonaan qabxii 43'n Laaligaa dursa

    Baarseloonaan galchii Raafiinaa lamaaniin Osaasuunaa mo'achuun qabxii 43'n liigicha dursuu itti fufe.

    Lamiin Yaamaal tapha har'aa irratti gahumsa olaanaa agarsiiseen taphataa cimaa taphichaa tahuun badhaafame.

    Garuu kan taphicha akka injifatan gargaare galchii Raafiinaa lamaanidha.

    Jalqaba liigicha dursaa kan ture Riyaal maadrid dhiibbaa guddaa keessa jira.

    Zhaavii Aloonsoo akkuma kilebicha galeen walitti aansee mo'ataa ture.

    Garuu wal dhabdeen taphattoota akka Viinishiyes fa'aa waliin qabu dabalaa dhufnaan injifannoon Maadiridis dhabamaa dhufe.

    Erga El Kilaasiikoo mo'amanii Baarseloonaan hedduu fooyya'an.

    Amma Riyaal Maadrid qabxii 36'n lammaffaa irra jira.

    Inumaayyuu Vilaariyaal taphoota lamaan harkaa qabu yoo mo'ate lammaffaa galuun Riyaal Maadrid sadaffaatti gadi bu'a.

    Garuu Maadrid taphattoota 11 tapha Alaaves waliin qabaniif miidhamaan dhabeera.

  17. Miidhamarra kan jiru Gabri’eel Magaalesh dirree irratti nama waliin walitti bu’e

    Miidhamarra kan jiru Gabri’eel Magaalesh dirree irratti nama waliin walitti bu’uu 'The Sun' gabaase.

    Landan keessatti bashannaaf jecha nama jaha jaha tahanii taphni gaggeeffame turey.

    Isaan keessa abbaan gabri’eel Maagalesh ture. Garee abbaa isaa keessaa nama tokko irratti balleessaa guddaan yeroo hojjetamu arge.

    Magaalesh bakka taa’uu ka’ee fiigee dirree galuun akka malee yeroo dheekkamu viidiyoo agarsiisu argadhe jedhe The Sun.

    Namni miidhame duraan abbaa isaa sehuu hin hafne. Ofii midhamarra kan jiru taphataan kun miiruma yeroo ofii taphatuu agarsiisaa ture jedhe gabaasni kun.

    Gabaasichi inumaayyuu Magalesh nama miidhameeru hin fakkaatu jedhe. Akkatti utaalee ka’e nama miidhama qabuyyuu hin fakkaatu jedhe.

    Maagaalesh osoo Biraaziliif tapatuu miidhamuun dirree irraa fagaateera.

  18. Wiiliyam saalibaa deebi’eera, Giyookres sarara duraa dursa

    Arsenaaliif oduu gaariidha. Saaliibaan miidhamarraa deebi’uun jalqaba irra hiriire.

    Saaliibaan miidhamee taphoota shan irratti hin taphanne. Tiimberiis deebi’eera.

    Arsenaal karra eegaa Deevid Raayaa, Ittisa irra Been Waayit, Saaliibaa, Hinkaappee fi Tiimber taphachiisa.

    Sarara gidduu: Zuubimandii, Raayis, fi Eezzeen taphatu.

    Sarara duraa irra Maartineelii, Saakaa fi Giyookeres dursu.

    Tiroosaad, G. Yeesus, Odeegaard, Maduweekee, Meerinoo fa’aa taa’umsa jijjiirraa irra jiru.

  19. Mikeel Arteettaan qophii fi soda tapha har’aa irratti qabu maal jedhe?

    Arteettaan erga Astoon Viilaan mo’amnee waan sirreessuu qabnu irratti hojjenneerra jedhe. Waa'ee tapha har'aa:

    • Amma Woolvis mo’annee bakka nuuf malu irra taa’uudha. Xiyyeeffannoon keenya isadha jedhe.
    • Leenjisaa Woolvis Roob Edwaardis nan beeka. Tapha saddet hunda walitti aansanii waan mo’amaniif qabxii argachuuf jecha waan hundaa ni godhu.
    • Kanaaf tapha salphaa miti. Daqiiqaa jalqabaa irraa kaasnee humna keenya guutuudhaan taphanna. Edwaardis taphattoota isaa akka gaariitti qopheessa kanaaf salphaa miti jedhe. Kanaaf waan goonu nuyii ni beekan jedhe.
    • Arteettaan waancaa Piriimer Liigii mo’achuuf qabxii 90 ol nu barbaachisa jedhe.
    • Kanaaf ammoo taphoota jiran hundaa ykn baay’ee mo’achuu nu gaafata jedhe.
    • Woolvis qabxii argachuuf jecha ciniinnatanii akka taphatan beekna. Kanaafuu balaa qaba. Araarama hin qabnu jedhe.
    • Gabri’eel Yesuusin ji’a Amajjiitti hin gurgurru kan jedhe Arteettaan akkuma deebi’een tapha jalqabaan gahumsa akkamii akka qabu agarsiiseera jedhe.
  20. Arteettaan waa'ee taphattoota miidhamarra jiranii fi deebi'anii dubbate

    • Erga Shaampiyoonsi Liigii taphannee miidhamni nu mudate hin jiru. Garuu durumaan kan miidhaman baay’ee qabna.
    • Wiiliyaam Saalibaa shaakala nu waliin hin hojjenne. Waan tahu walumaan kan eegnu taha.
    • Juuriyaan Tiimber miidhama salphaan waan isa mudateef tapha Kilab Biruuj irratti hin hirmaanne. Miira gaariin isatti dhagahamaa hin turre.
    • Yoo miidhama tahes waanuma guyyaa muraasa keessatti fayyudha. Isas ni eegna jechuun kaleessa dubbate.
    • Tiroosaad guutummaatti fayyuuf guyyoota muraasatu isa hafeera kan jedhe Arteettaan amma sarara duraa irratti filannoo taphattoota hedduu qaba.
    • Deklaan Raayis miiidhama salphaarraa fayyeera. Garuu maaltu akka mudatu hin beekamu jedhee tapha har’aa kanaaf akka qophaa’u ibse.
    • Astoon Viilaan erga mo’amnee waan hundaa sirreessuuf yaalleerra kan jedhe leenjisichi Shaampiyoonsi Liigii irratti sirreeffanne jedhe.