Madda suuraa, Getty Images
Dureessi Naajeeriyaa, Afrikaarraa qabeenyaan
tokkoffaa, Aliikoo Daangoteen hogganaan
abbaa taayitaa to’annoo boba’aa Naajeeriyaa Faaruq Ahmad, shira diinagdee damee boba’aa irratti
dalageen akka mana murtiitti dhiyaatu gaafachuu Roohitars gabaaseera.
Faaruq Ahmad, qondaalli omishaa fi raabsaa boba’aa
biyyattii to’atu malaammaltummaadhaan
maallaqa sassaabbateen ijoolleesaa
dolaara miliyoona 5.5 baasuun Siwiizerlaanditti barsiifata jechuun himatan dureessi Afrikaa kun.
Maallaqni namni kun ijoolleesaa biyya alaatti barsiifatuun
kun mindaa mootummaan kaffalaafii jiruun tasuma kan wal hin ginne ta’uu himu
Aliikoo Daangoteen.
“Namni waggoota jahaaf dolaara miliyoona shan kaffalee
ilmaan afur alatti barsiisu osoo anallee ta’ee gibira hagamii akkan baasu
abbaan taayitaa gibiraa na sakatta’uu qaba,” jedhu biliyeenariin hangafti
Afrikaa.
“Qe’ee dhaloota kiyyaa Sokootoo, uummanni mana
barnoota ijoolleetiif Naayiraa 100,000 (dolaara 69) kaffalachuun qormaata itti
ta’ee jira. Namni barasaa guutuu hojjetaa mootummaa ta’e tokko akkamiin
ijoollee afur dolaara miliyoona shan kafalee barsiisa?” jedhu Daangoteen.
Ijoolleen kootuu mana barnootaa sadarkaa lammaffaa
Naajeeriyaadhumattin barsiise kan
jedhan dureessi Naajeeriyaa Daangoteen,anumtuu ijoollee koo mana barnootaa qaalii akkanaatti hin barsiifne
jedhan.
Qondaala kanarratti qorannoon akka godhamus gaafatan.
Atakaaroon abbaa taayitaa to’annoo boba’aa Naajeeriyaa fi Aliikoo Daangotee
kun kan jalqabaa miti.
Dhaabbanni calallii boba’aa Daangotee bara 2024 - 2025 abbaa
taayitichaa fi korporeeshinii boba’aa mootummaa Naajeeriyaa heyyama daldalaa
boba’aa alaa galchitoota boba’aa mulquufi jechuun himata irratti banee ture.
Booda walakkeessa
bara 2025 ofumaa Daangoteen himata kana dhaabe. Manni murtiis galmee cufe.
Faaruq Ahmad gama isaatiin dhimma kanarratti yaada akka hin
kennin Rooytars gabaaseera. Asiin dura garuu, dhaabbanni calallii boba’aa
Daangotee kophaatti daldala petrooliyemii dhuunfachuu barbaadeeti, haa ta’uu
malee inni qofti gabaa petirooliyemii biyyattii hin quubsu jedhe ture.
Dureessi Afrikaa beekamaa, Aliikoo Daangoteen, Itoophiyaatti dameewwan
invastimantii omisha simintoo fi xaa’oo irratti babba'ee hojjechaa jira.