Saalaan nagaa dhaammate moo Waancaa Afrikaa booda Anfiilditti deebi'a?

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Yeroo walitti aanu shanaffaaf teessoo jijjiirraarra kan ture Mohaammad Saalaa Sambata kaleessaa jijjiiramee seenuun goolii lammaffaa Huugoo Ekitikee mijeessee kenneera. Sun hirmaannaa goolii Liiverpuuliif gumaache keessatti seenaa haaraa ta'ee galmaa'e.
Taphni Biraayitan waliin godhan 2-0n xumuramuu booda taphataan hanga Saalaa faarfame hin jiru. Deeggartootni dhaabatanii maqaasaa faarsan. Isa duuba taphataan dirree keessa hin turre.
Kuni tarii mootiin warra Fara'oon kun taphasaa dhumaa Liiverpuuliif taphatee nagaa dhaammatee gaaffii jedhu kaaseera. Ammoo lakki akkas hin fakkaatus kan jedhan jiru.
Mohaammad Saalaa morkii Shaampiyonsi Liigii Roobii darbeef garee gara Xaaliyaan imale keessaa baafamee ture. Sana dura ammoo hariiroon leenjisaa Arni Isloot waliin qabu cabuu, akka gatametti akka itti dhagaahame ibsee ture.
Haalli kun hariiroon Saalaafi Liiverpuul gara xumuraa akka dhiyaate akeekee ture.
Tapha Biraayitan waliin godhame dura Islootiifi Saalaan waliin akka mariyatan gabaafamee ture.
Tapha Biraayitan booda yaada kan kenne leenjisaa Isloot Saalaa waliin rakkoon furuu qabu akka hin jirre dubbate. ''Inni akkuma taphattoota warra kaaniiti wantin irraa dubbadhu hin jiriu'' jedhe.
Wanti morki Biraayitan dura Saalaa waliin haasa'an isaanuma gidduutti kan hafu malee kan miidiyaatti bahee himamu akka hin taane Isloot himeera.
Amma hubannaan jiru Mohaammad Saalaa Waancaan Afrikaa wayita xumuramu Liiverpuulitti akka deebi'uudha.
Wayita inni morkii Waancaa Afrikaarra jirus mariin akka gaggeeffamu karoorri qabameera. Morkii Liids Yunaayitiid torban darbeerratti yaada miiraan guutamee kenne booda, Sambata kaleessaa fuullisaa ifaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphaan booda Saalaan miidiyaaleef yaada hin kennine. Arni Isloot garuu Waancaa Afrikaa booda Saalaan akka gareessaatti deebi'u akka barbaadu himeera. Wanti kanarraa hubatame mariin Islootiifi Saalaa gidduutti Jimaata darbe gaggeeffame faara kan qabu akka tureedha.
Saalaan daqiiqaa 25 irratti jijjiiramee seene. Ofii carraawwan goolii itti galchuu danda'u muraasa qisaasus, Huugoo Ekitikee goolii lammataa akka galchu kubbaa mijeessee kenneera. Kunimmoo seenaa Piriimiyeer Liigii keessatti taphataa hunda caala garee tokkoof hirmaannaa goolii guddaa qabaate isa taasiseera.
Liiverpuuliif yeroo 302 hiriiree hirmaannaa goolii 277 qabaachuun riikardii Waaynii Rooniin Maanchistar Yunaayitidiif lakkoofsise 276 caaleera.
Seenaa Liigichaa keessatti ammoo waloogalatti hirmaannaa goolii guddaa qabaachuun sadarkaa sadaffaarra jira.
Taphataan duraanii Ashliiy Wiiliyaams gahumsa Saalaan Biraayitan irratti agarsiise ''Saalaa isa duriiti'' jechuun ibse.
Ittisni Liiverpuul duraanii Isteef Waarnook ''carraawwan fayyadamuu malee muraasa qisaaseera. Garuu gaarii ture ofitti amanamummaasaa dabalaaf'' jedheera.
Taphataa cimaa morkichaa kan ture Huugoo Ekitikee Moo Saalaa waliin taphachuun eebbifamuudha jedheera. Inni taphataa kubbaa miilaa ilaaluu akka jaalannu godhedha jechuunis jaje.












