Saalaa malee erga Inter Miilaaniin mo'atanii Arnee Isloot maal jedhan?

Madda suuraa, PA Media
Osoo Doominik Sooboslaay rukuttaa peenaaliitii kennamte dhabee jiraate silaa yoona maaltu akka haasa'amu yaadaa.
Yeroo hedduu rukuttaa peenaaliitii Liiverpuul kan dhahu Mohaammad Saalaadha.
Osoo Sooboslaay dhabeera tahee silaa Mohaammad Saalaa waan hin jirreefidha jedhama ture.
Hammuma Liiverpuul qabxii gataa deemu waci waa'ee Saalaa dabalaa deemuun isaa shakkii hinqabu jedhan xiinxaltoonni kubba miilaa.
Taphattoonni dirree keessatti gammadoo turan. Deeggartoonni gara Xaaliyaanii deemanii kileba isaanii deeggaraa turan maqaa Arnee Isloot waamuun faarsaa turan.
Leenjisaa isaanii duuba akka jiran kan himan deeggartoonni taphattoonnis akka leenjisicha deeggaran himan.
Muddama torban kana keessa turaniin booda Islootii fi gaggeessitoonni kilebichaa waan itti gammadan argataniiru.
Erga bara 2009 as Mohaammad Saalaa malee injifannoo jalqabaa dirree isaaniin ala argatanidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana jechuun Mohaammad Saalaa osoo kilebicha hin galiin durayyuu dirreen ala Shaampiyoonsi Liigii mo'atanii hin beekan jechuudha.
Hogganaa Olaanaan Liiverpuul Mikaa'el Idwaardis Miilaanitti argamuun taphicha daawwateera.
Gaafa Wiixataa karra eegaan Liiverpuul ALiisan Beeker taphattoonni leenjisicha akak deeggaran himeera.
Isloot jijjiirraa taaktikaa gochuun taphicha mo'ataniiru.
Waan hunda caalaa ammoo erga Saalaan kilebichaa fi leenjisaa qeeqee sa'a 72 booda tokkommaa taphattoonni agarsiisanii fiq abxiin argatan hunda caala jedhame.
Inumaayyuu miidhamaan taphattoota kan dhabeeru Liiverpuul taphattoota 19 qofa qabachuun ture gara Xaaliyaanii kan deeman.
''Waanti jijjiiramu homaayyuu hin jiru. Yeroo tapha hin mo'anne alaan wacni dhagahamuun waanuma baratamedha,'' jedhe Virjil Vaan Daayik, 'Amazon Prime Sport' yoo gaafatu.
''Nuuf mala. Kana caalaa fooyyessuu qabna, taphoota mo'achuu itti fufuu qabna. Akka barbaannetti hojjechaa waan hin jirreef kana irratti fooyyessuu qabna,'' jedhe.
Vaan Daayik leenjisaa isaa waliin nama biyya tokkooti. ''Tokkummaan dhaabbachuu qabna, akka durii keenyatti tokko taanee dhaabbachuu qabna. Kana tu Liiverpuuliin ibsa,'' jedhe.
Andii Roobertisan ''injifannoo kana hundi keenya barbaanneerra. Akka qabxii keenyaa fi gahumsi agarsiifne wal hin madaalle beekna.
''Kilebni kun Shaampiyoonsi Liigii keessa jiraachuutu waan hundarra murteessaadha. Qabxiin har'a arganne waan guddaadha,'' jedhe.
Taphoota 12 keessaa sagal kan mo'ame Liiverpuul amma taphoota afur irratt walitti aansee hin mo'amne.
Haala ulfaataa keessaas suuta suuta kan bahaa jiraatan fakkaatu.
Arnee Isloot tapha Inter Miilaan booda waa'ee Moo Saalaa gaafatame.
Isloot ''namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ni dogogora. Garuu taphataan kun dogogora hojjechuu isaa hubateeraa? Dogogoreera jedhee kan yaada jijjiirachuu qabu anamoo isadha? jechuun gaafate Isloot.
Vaan Daayik ''namni nama kamiyyuu gadi qabeeru jira jedhee hin yaadu. Garuu kan Moo Saalaan garee waliin hin imalleef waan dubbate sanaafi'' jedhe.
Islootis ''kaleessa haaluma gaariin shaakala hojjechaa ture. Gaafa Jimaataa yeroo shaakalatti deebinu waan tahu mee ilaalla. Xiyyeeffanoon koo garee irrattidha. Ammas Mo Saalaan miseensuma garee keenyati'' jedhe.
Halkan kun guyyaatti warra haala gaariin taphatan faarsinudha kan jedhe Isloot addatti Sooboslaayiin galateeffateera.
Sooboslaay bara kana galchii shan lakkoofsisuun shan ammoo mijeessee kennuun kilebicha keessaa jalqaba irra jira.
Isloot ''isa irraa baay'ee akka barbaadu beeka. Waan adda isa godhu ammoo hagam akka inni fiigu, inni taphattoota muraasa guyyaa 10 keessatti taphoota afur taphatan keessaati,'' jedhe.
''Inni haala ulfaataa keessatti nama jabaatee dhaabbatedha. Qaamaanis kubba waliinis waan inni gumaachaa jiru addadha'' jedhe.
Inter Miilaan dirree isaanii irratti taphoota 18 hin mo'amne. Miilaanitti mo'achuu jechuun salphaa miti jedhe Isloot.
''Kun Moo Saalaan jiraates jiraachuu baates Liiverpuul itti fufuu isaaf ragaadha'' jedhe.












