Mohaammad Saalaan maqaa fi seenaa gaarii ijaarrate balleessaa jira- Wayinii Ruunii

Mohaammad saalaa tapha michummaa Atileetik Kilab irratti, 2025

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mohamed Salah has not scored for Liverpool since 1 November

Mohaammad saalaan leegaasii bareedaa Liiverpuul keessatti ijaarrate balleessaa jira jedhe Wayinii Ruuniin.

Saalaan gaafa Sanbata Duraa Liiverpuul ''kufaatii ammaa hunda anatti qabachaa jiru'' jechuun akka baay'ee gadde hime.

Hariiroon leenjisaa kilebichaa Arnee Isloot waliin qabanis adda cituu hime.

Wayinii Ruuniin amma Arnee Isloot aangoo isaa Mohaammad Saalaatti agarsiisuu qaba jedhe.

''Waan ati dubbatte fudhatama waan hin qabneef garee keenya waliin tapha Shaampiyoonsi Liigii boruuf hin imaltu'' jechuun keessaa baasuu qaba jedhe.

Garee tapha Shaampiyoonsi Liigii Kibxata buruu Inter Miilaan wlaiin qaban keessaa hanbisuu qaba jedhe.

Akkasumas tapha Biraayitaniin ala gochuu qaba jechuun hime. Itti dabaluun ''mee Waancaa Afrikaaf deemiitii haalli jiru hundi haa tasgabbaa'u'' jechuu qaba jedhe Ruuniin.

Ruuniin Mohaammad saalaan ''balleessaa isaa kanaaf furmaata barbaaduun Arnee isloot waliin nagaa buusuu qaba ykn kilebicha hatattamaan gadhiisuu qaba'' jedhe.

''Dhimmi kun hatattamaan hiikamuu qaba jedhe.

Taphattoonni duraanii Liiverpuul kan akka Jaamii Karagerii fi Maayikil Oween kan kana dura Mohaammad Saalaa dinqisiifataa turan amma itti garagalaniiru.

Namni gara Saalaa goree dubbataa jiru hin jiru. Saalaan ammoo kana dura warruma na faarsaa turetti natti garagalee jedhee baayee aareera.

Mohaammad Saalaa maal dubbatee wal dhaban?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mohaammad Saalaa hariiroon leenjisaa Liiverpuul Arnee Isloot waliin qabu guutummaatti adda citeera jedhe. Saalaan kufaatii kilebichaa ''anatti qabachuun anaan balaarra na buusan'' jechuun dubbate.

Tapha Liidsi Yuunaayitid waliin gaggeefamee 3-3 dhume irratti taa'umsa jijjiirraa irra ture. Kun wlaitti aansee yeroo sadaffaaf tahuu isaati.

Tapha Liidsin booda taphaan lammii Masirii waggaa 33 tahe Saalaan ''waanuma ifa jirudha. Namni tahe kufaatii kana hundaa anarra kaa'uu barbaadu jira,'' jedhe.

Taphoota 420 taphachuun Liiverpuuliif galchii 250 kan lakkoofsise Saalaan amma akka ''ganametti'' amana.

''Kana dura yeroo hundumaa akkuman jechaa ture sana leenjisaa wlaiin hariiroo gaariin qaba ture. Aluma takkaan amma hariiroon keenya tokkoyyuu bakka hin jiru.

Waliin dubbataa hin jirru'' jechuun ibse.

''Maaliif akka tahe beekuu baadhus namni tahe tokko kilebicha keessatti na arguu hin barbaanne natti fakkaata.''

''Kilebichi anaan waan balaaf saaxile natti fakkaata. Kufaatii hundumaa anarra waan tuulan natti fakkaata. Kun miirakooti. Balleessaa kilebicha keessaa hundaa anarra kaa'uu nama barbaadutu jira. Rakkoon Liiverpuul Mohaammad Saalaadha kan jedhutu jira,'' jedhe.

''Kileba kana yeroo hundaan deeggara. Ijoolleen koo hundi baay'ee deeggaru. Anis ammas tahe yeroo hundaayyuu deeggaraa Liiverpul yeroo maraati,'' jedhe Saalaan.

''Dhugaa dubbachuuf haalli kun anaaf hin liqimfamne. Naa galuuyyuu hin dandeenye. Ani rakkoo kilebichaati jedhee hin yaadu. Ani kileba kanaaf waan baay'ee gumaacheera.

Bakka koo kabachiisachuuf jecha guyya guyyaan nama deemee lola kaasu miti. Sababni isaas carraan isaa naaf kennameera. Ani nama kamirrayyuu hin caalu. Garuu bakka koo nama kabachiisedha. Kun kubba miilaati. Haalli jiru kana fakkaata.''

Mohaammad Saalaan Waancaa Afrikaa irratti biyya isaa Masiriif taphachuuf deemuuf jedha. Waa'ee fuulduree isaa Liiverpuul keessaa garuu hin beeku jedheera.

Kontiraata waggaa lamaa qabaatus kilebicha gadhiisee kan bahu fakkaata.

Inumaayyuu ergaan isaa kun deeggartoota Liiverpuulitti akka nagaa dhaammachuu fakkaata.

Bara dorgommii darbe yeroo Liiverpuul waancaa Piriimer Liigii mo'atan Mohaammad Saalaa galchii 29 lakkoofsise.

Ha atahu malee, bara kana Saalaan taphoota 13 irratti galchii afur qofa lakkoofsise. Liiverpuul akka gareetti kufaatii keessa jiraatus Saalaan garuu akka rakkootti ibsamaa ture.

Kiloop Roomaa irraa bara 2017 ture kan mallattesise. Kiloop waliin hariiroo gaarii qabu ture.

Kileboonni Sawud Arabiyaa Mohaammad saalaa mallattesisuu barbaadu. Simoonee Inzaagiidhaan kan leenjisaa jiru Al-Hilaal Moo Saalaa barbaadaa ture.

Liiverpuul BBC Sport gaafatee akak dhagahetti Moo Saalaa gurguruuf fedhii qabu.

Arnee isloot tapha Liidsi waliin qixa xumurame irratti maaliif Mo Saalaa jijjiirtee hin galchine yeroo jedhamu, erga Liiverpuul 3-2 godhee booda irra caalaa taphicha to'achuuf jecha akka Saalaa galchuu dhiise hime.

''Yeroo 3-2 dursaa turre daqiiqaa dhumaa irrattis waan taheef kubba to'achuun taphachuuf turre. Goolii gra biraa nu hin barbaachisu kanumaan xumurra jedheen yaade. Yeroo goolii barbaannu akka tapha Sanderlaand torbee Moo Saalaa galchina ture'' jedhe.

Arnee isloot Jimaata darbe Moo Saalaan taphataa dhiibbaa guddaa uumuu danda'uufi na barbaachisudha jedhee ture.

Seenaa Liiverpuul keessatti Mohaammad Saalaan Iyaan Ruush kan goolii 346 qabu, Roojer Haant kan goolii 285 qabutti aanee taphataa sadaffaadha.

Saalaan Goolii 250 Liiverpuuliif lakkoofsiseera.