Liiverpuul keessatti namni na arguu hin barbaanne jira- Mohaammad Saalaa

Mohaammad saalaa

Madda suuraa, Getty Images

Mohaammad Saalaa hariiroon leenjisaa Liiverpuul Arnee Isloot waliin qabu guutummaatti adda citeera jedhe. Saalaan kufaatii kilebichaa ''anatti qabachuun anaan balaarra na buusan'' jechuun dubbate.

Tapha Liidsi Yuunaayitid waliin gaggeefamee 3-3 dhume irratti taa'umsa jijjiirraa irra ture. Kun wlaitti aansee yeroo sadaffaaf tahuu isaati.

Tapha Liidsin booda taphaan lammii Masirii waggaa 33 tahe Saalaan ''waanuma ifa jirudha. Namni tahe kufaatii kana hundaa anarra kaa'uu barbaadu jira,'' jedhe.

Taphoota 420 taphachuun Liiverpuuliif galchii 250 kan lakkoofsise Saalaan amma akka ''ganametti'' amana.

''Kana dura yeroo hundumaa akkuman jechaa ture sana leenjisaa wlaiin hariiroo gaariin qaba ture. Aluma takkaan amma hariiroon keenya tokkoyyuu bakka hin jiru.

Waliin dubbataa hin jirru'' jechuun ibse.

''Maaliif akka tahe beekuu baadhus namni tahe tokko kilebicha keessatti na arguu hin barbaanne natti fakkaata.''

''Kilebichi anaan waan balaaf saaxile natti fakkaata. Kufaatii hundumaa anarra waan tuulan natti fakkaata. Kun miirakooti. Balleessaa kilebicha keessaa hundaa anarra kaa'uu nama barbaadutu jira. Rakkoon Liiverpuul Mohaammad Saalaadha kan jedhutu jira,'' jedhe.

''Kileba kana yeroo hundaan deeggara. Ijoolleen koo hundi baay'ee deeggaru. Anis ammas tahe yeroo hundaayyuu deeggaraa Liiverpul yeroo maraati,'' jedhe Saalaan.

''Dhugaa dubbachuuf haalli kun anaaf hin liqimfamne. Naa galuuyyuu hin dandeenye. Ani rakkoo kilebichaati jedhee hin yaadu. Ani kileba kanaaf waan baay'ee gumaacheera.

Bakka koo kabachiisachuuf jecha guyya guyyaan nama deemee lola kaasu miti. Sababni isaas carraan isaa naaf kennameera. Ani nama kamirrayyuu hin caalu. Garuu bakka koo nama kabachiisedha. Kun kubba miilaati. Haalli jiru kana fakkaata.''

Mohaammad Saalaan Waancaa Afrikaa irratti biyya isaa Masiriif taphachuuf deemuuf jedha. Waa'ee fuulduree isaa Liiverpuul keessaa garuu hin beeku jedheera.

Kontiraata waggaa lamaa qabaatus kilebicha gadhiisee kan bahu fakkaata.

Inumaayyuu ergaan isaa kun deeggartoota Liiverpuulitti akka nagaa dhaammachuu fakkaata.

Saalaan waan hundaa waa'ee mataa isaa godhe- Daanii Marfii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphataan duraanii sarara gidduu Liiverpuul Daanii Marfii himata Saalaan dhiyeesseef deebii yoo kennu ''Saalaan waan kilebicha keessatti tahaa jiru hundaa waa'ee mataa isaa godhe'' jedhe.

Marfiin 'Saalaan aaruufis tahe miira keessa galuuf mirga qaba. Garuu waan hundaayyuu osoo gola Liiverpuul keessaa hin baasu tahe gaarii ture,'' jedhe.

''Balabala leenjisaa rukuti. Abbootii qabeenyaa kilebichaa dubbisuuf yaali, yaaddookee kana hundaa ilaalchisee waan gochuu qabdu hundaa gochuutu sirra ture'' jedhe.

Marfiin isa Saalaan aariidhaan bahee miidiyaatti dubbate hin jaalanne.

Kana gochuu isaatiin garee irratti, leenjisaa irrattis rakkoo uumaa jira. Akkas gochuu hin qabu ture jedhe Marfiin.

Namni hunduu bakka isaaf falmachuu qaba kan jedhe Marfiin Saalaa qofa osoo hin taane taphattoonni maqaa gurguddaa qaban kaanis qeeqamaa jiru. Deeggartoonni isaanitti garagalaa jiru jedhe.

Itti dabaluun, Mohaammad Saalaa seenaa hojjeteera waan taheef kabajaan gaggeeffamuu qaba kan jedhe Marfiin kana ammoo akka hin balleesineef rakkoo amma uumame suuta jedhee hiikuu qaba jedhe.

Bara dorgommii darbe yeroo Liiverpuul waancaa Piriimer Liigii mo'atan Mohaammad Saalaa galchii 29 lakkoofsise.

Ha atahu malee, bara kana Saalaan taphoota 13 irratti galchii afur qofa lakkoofsise. Liiverpuul akka gareetti kufaatii keessa jiraatus Saalaan garuu akka rakkootti ibsamaa ture.

Kiloop Roomaa irraa bara 2017 ture kan mallattesise. Kiloop waliin hariiroo gaarii qabu ture.

Kileboonni Sawud Arabiyaa Mohaammad saalaa mallattesisuu barbaadu. Simoonee Inzaagiidhaan kan leenjisaa jiru AL-Hilaal Moo Saalaa barbaadaa ture.

Liiverpuul BBC Sport gaafatee akak dhagahetti Moo Saalaa gurguruuf fedhii qabu.

Arnee isloot tapha Liidsi waliin qixa xumurame irratti maaliif Mo Saalaa jijjiirtee hin galchine yeroo jedhamu, erga Liiverpuul 3-2 godhee booda irra caalaa taphicha to'achuuf jecha akka Saalaa galchuu dhiise hime.

''Yeroo 3-2 dursaa turre daqiiqaa dhumaa irrattis waan taheef kubba to'achuun taphachuuf turre. Goolii gra biraa nu hin barbaachisu kanumaan xumurra jedheen yaade. Yeroo goolii barbaannu akka tapha Sanderlaand torbee Moo Saalaa galchina ture'' jedhe.

Arnee isloot Jimaata darbe Moo Saalaan taphataa dhiibbaa guddaa uumuu danda'uufi na barbaachisudha jedhee ture.

Seenaa Liiverpuul keessatti Mohaammad Saalaan Iyaan Ruush kan goolii 346 qabu, Roojer Haant kan goolii 285 qabutti aanee taphataa sadaffaadha.

Saalaan Goolii 250 Liiverpuuliif lakkoofsiseera.

Arnee Isloot ofiifuu dhiibbaa guddaa keessa jira. Taphattoonni akka Isaakii fi Wiirz warraaqsa injifannoo Liiverpuul bara darbe cimsuun waancaa mo'ate itti fufu jedhamee abdatamee ture.

Kun bara kana hin taane. Taphattoonni kunneen haga irraa eegame gumaachaa hin jiran.

Luwis Diyaaziin kan gurgure Liiverpuul taphataa sa bakka bu'u cimaa hin arganne.

Ammoo Mohaammad saalaan ji'a Amajjii kanatti gara Sawud Arabiyaa deemuu waan danda'uuf torban dhufe deeggartootatti nagaa dhaammachuu isaa hin hafu jedhamaa jira.