Peep gaardiyoolaa: Waanuma hundaan! Waanuma hundaan baay’ee gaarii turre.
Tapha baay’ee bareedaa bara kana keessa taphanne isa jalqabaati. Waan haga ammaa hojjetaniin yoo ilaalle garee jabaa irratti tapha bareedaa agarsiifne.
Galchii nurratti galuu dhabuutti baay’ee gammadeera. Isaan irrattis baay’een hin galle ture. Carraa galchii baay’ee uumneerra.
Bareedaa ture jechuun kan dubbate Gaardiyoolaan fuula ifaatiin ture.
Mo’achuu isaa qofa osoo hin taane Arsenaal mo’amuunis waan isa gammachiise fakkaata.
Kana dura gareen Arsenaaliin dhaabu jiraachuu qaba. Kanaan ala nu gatanii deemnaan bakkatti qabnu hin jiru jedhanii ture.
Aston Viilaan kunoo qabxii sadii Arsenaaliin dhabsiise.
Peep rayaan Cherkii kubba bareedaa akkasii kennuu isaa irartti waan addaati. Shaakala irratti argee hin beeku. Har’uma akaksitti dabarse.
Kennaa fi dandeettii guddaa qaba. Osoo akkasittan kubbicha dabarsa jedhee balleesseera tahe garuu baay’een itti aara ture jedhe.
Waan akaksii Meesiin yeroo godhu argee hin beeku. Taphataa cimaa biyya lafaa kanaa isadha. Waan Meesii kanan jaaladhuuf waan hundaa siif salphisa, Salphisee bareechee sii kenna.
Kana Cherkiin faa barachuu qabu jedhe.
Waancaa injifachuu ilaalchisee: Waan hedduutu tahuuf deema. Kun kan murtaa’u akkaataatti kana booda taphannu irrattidha. Malee qabxii meeqaan caalamnee kan jirru irratti miti.
Akkuma taphattutti mo’atta. Taphattoonni koo gowwoota miti.
Gahumsi itti fufaan tapha tokkoon hin dhufu. Karaa hundaan guutuu tahuu qabna.
Taphoota sagala kudhan darban gaarii jirra jirra.
Baay’ee miidhamnee irraas baranneerra.
Waan akkasii akka irra deebee nutti dhufu hin barbaannu. Fuulham irratti shan lakkoofsisuun waan guddaadha.
Taphataan maanchister Siitii Rayan Cherkii: Har’a tapha barbaannu taphanne. Injifannoo gaariidha.
Galchiin nurratti lakkaa’amuu dhaabuun waan guddaadha. Isaaf of qopheessaa turre.
Guyyaa gaarii!
Jedhe. Ani Foodeen, Maarmushii fi Haalaandif kubba kennuufan taphadha kan jedhe Cherkiin kubba Foodeniif bareechee kenneen jajameera.
Kanaafis sarara gidduu irra bilisa tahee taphachuu akka jaalatu hime.
Arsenaalitti dhiyaachuu ilaalchisee; ni beekna, kana booda tapha tokko tokkoo isheef qophaa’uu qabna. Haala akkasiin yoo mo’ataa deemne gaarii taha jedhe.