Imala waancaa Arsenaalitti maaltu danqaa taha? Kadhannaan furmaataa?

Aston Viilaa 2-1 Arsenaal

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaal kadhannaa taphattoota isaa 'Bible Boys' jedhamaniin moo Maanchister Siitii fi kileboota kaan gahumsa olaanaan caalee waancaa mo'ata?

Arsenaal osoo hin mo'amiin taphoota 19 erga taphatee booda Aston Viilaan daangaa itti godhe.

Daqiiqaa dhumaatti Viilaa Paark irratti Arsenaal galchii Buundiyaan lakkoofsiseen mo'ame.

Arsenaal abaarsa waancaa Piriimer Liigii mo'achuu waggaa 22 irra ture cabsuuf tattaafataa jiru.

Mikeel Arteettaan mataan isaa waggaa 6 ol kilebicha yeroo leenjisu, garee cimaa ijaarus waancaa jala gahee dhabaa ture.

Innis baratti qoramuu fi deeggartootaaf waa mo'achuu qabudha. Arteettaan Arsenaaliin taphattoota ciccimoon qofa ijaare miti.

Baacoo hin jedhiinaa malee taphattoonni maqaa ergamoota waaqaa qaban hedduudha.

Gabri'el Magalesh, Gabri'el Maartineelii, Gabri'eel Yesus......Arteettaan humna addaa waaqarraa barbaadee laata!

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana qofa miti. Taphattoota Macaafa Qulqulluutti amanan, yeroo taphni gahu caqasa tokko tokko barreeffatnii dirree seenanis hedduu qaba.

Juuriyaan Tiimber, Bukaayoo saakaa, Ebereche Eezzee.... warreen garee Arsenaal keessatti kadhannaan beekaman jedhamu.

Kanaaf akkuma kileboota kaan keessas jiran maqaan 'Bible Boys' jedhamu kennameeraaf.

Waancaan kun taphaan qofa osoo hin taane gargaarsa waaqaan argama waan jedhan fakkaatu.

Eezzeen gaafa Tootenhaam irratti galchii sadii lakkoofsise ''kadhannaakotu naaf dhagahame, galchii sadii lakkoofsisuuf kadhataan ture'' jedhe.

Aston Viilaa irratti garuu hin milkoofne. Jijjiiramees bahe.

Deeggartoonni Arsenaal hedduu yeroo jijjiirraa taphattootaa ganna darbee Arsenaal barana waancaa Piriimer Liigii mo'ata amantaa jedhu qabu.

Dhugaadha! Taphattoonni gara kilebichaa dhufan warra gahumsa olaanaa qabanidha. Ammas imalli waancaa Arsenaal dhumateera hin jedhamu.

Garuu gufataa jira. Kan sodaatamu imala morkattoota isaanii akka Maanchister Siitii fi Aston Viilaati.

Dubbii keenya irratti Aston Viilaan waan raajii jedhamu hojjete.

Yeroo Liiverpuulii fi Arsenaal qabxii 10 ol irra gahan Aston Viilaan tapha tokkoyyuu hin mo'anne ture.

Unaay Imiree waan kana jijjiiruun amma Arsenaaliin qabxii sadiin caalamee, maanchister Siitiidhaan qabxii tokkoon caalamee sadaffaa irra jira.

Taphataa haaraa mallattesisuuf baasii guddaallee hin baasne. Imireen garuu eenyu akka tahe morkattoota isaatti agarsiise.

Arsenaal kileba isa ari'ates irra deddeebiin mo'achuun eenyummaa isaa mirkaneesseef.

Gara Arsenaalitti yoo deebinu Sanderlaand waliin qixa bahan. Aston Viilaadhaan mo'aman.

Maanchister Siitiin akka Arsenaal qabxii gatu hawwiin eegaa tures erga Niwkaasiliin mo'amee booda walitti aansee mo'achaa jira. Amma gateettii Arsenaal irra gaheera.

Shaampiyoonaan bara darbee Liiverpuul Arsenaal irraa qabxii 10niin boodatti hafaniiru.

Arsenaal barana yoo Piriimer Liigiin milkaa'uu baateyyuu Shaampiyoonsi Liigii irratti gahumsa guddaa irratti argama.

Waancaa Shaampiyoonsi Liigii ammoo tasayyuu mo'atanii hin beekan. Tarii seenaa haaraa kan itti galmeessaan bara kana tahuu danda'a.

Arsenaal taphattoota haaraa saddet barana mallattesiseera. Zuubimandii, Viktar Giyookeres, Ezzee fi Maduweekeen warreen carraa taphaa gahaa argatanii fi gumaacha gudda bahataa jiranidha.

Arteettaan filannoo hedduu qaba. Kaayi haavertii fi Gabri'eel Yesus miidhama irra jiru. Yoo isaan deebi'aniif carraa bal'aa qabaachuu danda'a.

Garuu bakka isaan hin jirrettis Giyookeres, Ezzee, martineelii, Tiroosaad, saakaa fi Meerinoon taphachuu danda'u.

Sarara gidduu irra Deklaan Raayis, Odeegaard, Zuubimandii, Nawaneerii fi kaanis qaba. Ittisa irratti yoo xiqqaate bakka wal fakkaataaf taphataa lama lama kan qabu Arteettaan qormaanni guddaan isa mudachuu malu amams bakka kanadha.

Erga 2021 as yeroo jalqabaaf Gabri'el Magaleshii fi Wiiliyaam Saalibaan wal faana miidhaman. Bakka isaan hin jirretti Arsenaal tapha mo'achuu hedduu isa rakkisa.

Sababa lamaafi; Tokkoffaa taphattoonni kaan akka isaanii walitti waan hin madaqneef morkattoonni galchii irratti lakkoofsisu.

Lammaffaa akka Awurooppaatti haga Arsenaal kubba dhaabbatee rukutamu ykn koornaa irraa kubba ka'u irraa galchii lakkoofsise hin jiru.

Kubba akka kanaa irra caalaa kan lakkoofsisan ammoo taphattoota sarara ittisaati.

Keessumaa Magaalesh kanaan beekama. Rikaardoo Kaaliyaafoorinis taphataa biraati.

Magalesh, Saalibaa fi Kaalafiyooriin yoo miidhaman Arsenaal ittisa qofa osoo hin taane madda galchii isaa guddaas dhaba.

Kanaaf yoo galchii taphaan argamu baay'isaa deeman malee kubba akkasii lakkoofsisuuf kan yaalan yoo tahe morkattoonnis tooftaa tapha Arsenaal kana waan irratti baraniif irratti qophaa'u.

Arteettaan taphattoota kubba taphachuun baay'ee jaboo tahan waan qabuuf lakkoofsa galchii tapha banaa irraa argamuu dabaluu qaba.

Tiroosaad miidhamarraa deebi'e. Ammallee akka itti hin kaaneef sodaa qaba. Giyookeres erga miidhamarraa deebi'ee gahumsa isaa ol aanaarra hin geenye.

Barana Saakaa, Martineelii, Maduweekee, Odeegard warra miidhamuun yaalarra turanidha.

Kun Arsenaaliif yaaddoodha. Arteettaan garee cimaa ijaare kana al takkaatti wal faana isaan argatee hin beeku. Akka Awurooppaatti garee cimaa ijaaraniiru.

''Bakka gahuu qabnu hin geenye. Sababa miidhamaan' jedhe Sanbata darbe Arteettaan.

Erga dorgommiin kun jalqabee amma ji'a shan kan jedhe Arteettaan haga ammaatti rakkina nu mdatu hunda keessa akka gaariitti darbineera.

Ammas kanuma gochuu itti fufna. Ji'oota jaha hafan keessattis akkasumaan taphanna'' jedhe.

''Namni sadarkaa kanatti qabxii kudhan caaltee deemuu qabda jedhee yaadu yoo jiraate inni nama addunyaa biraa keessa jiraatudha. Liigii kun akkam akka cimu hin hubanne jechuudha.''

Ooldi Tiraafoord, Cheelsii, Niwkaasil achiin booda Aston Viilaa irratti taphanneerra. Taphoota ulfaatoo turan jedhe Arteettaan.

Kana keessatti maaliif Arsenaal qabxii baay'een kileboota kaan ammuma hin caalle jedhanii gaafachuun sirii akka hin taane ibse.

Peep Gaardiyoolaa taphattoota isaa hundatti akka ''dheekkamaa'' oolu ibse. ''Na dhagahu, gaafa na dhagahuu didan guyyaa sana ani ari'ameera,'' jedhe.

Erliing Haalaand dabalatee kaanis akkasuma akka godhan kan himan Gaardiyoolaan ''waan baay'eetu tahuuf deema.

Qabxii amma qabnu caalaa isa nu hafe osoo hin mo'amiin akkamiin taphanna kan jedhutU na yaaddessa'' jedhe.

Arsenaal ammayyuu waancicha mo'achuuf carraa guddaa qaba. Tilmaamni Optaas kanuma agarsiisa.