'Ani dadhabaa miti,' jedhe Isloot, waa'ee Saalaas dubbate

Aarne Isloot Mohaammad Saalaan miidiyaatti dubbachuu hin qabu ture jedhan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aarne Isloot Mohaammad Saalaan miidiyaatti dubbachuu hin qabu ture jedhan

Leenjisaan Liivarpuul Aarne Isloot ''ani dadhabaa miti'' jechuun deebisan.

Dhihoo jifataan Liivarpuul Mohaammad Saalaa na dhiibaa jiru jechuun erga komatee booda kilabicha keessatti dubbiin cimeera.

Xiinxaltoonni kubbaa miilaas Saalaa qeeqaa jiru.

Taphataan Garee Biyyaalessaa Masrii, Saalaan, garee Liivarpuul tapha Chaampiyeens Liigiin Intarmiilaan morkatu keessaas baafameera.

Kunis, guyyaa lama dura gaaffiifi deebii dubbii jabaa keessa erga miidiyaaleef kenne boodadha.

Saalaan Liivarpuul keessatti ''ganameera'' jechuun hariiroon leenjisaa kilabichaa Aarne Isloot waliin qabuus baduu himate.

Dhimma kanarratti Isloot yeroo jalqabaaf yaada kenneera.

Dubbiin Saalaa ''ajaa'iba'' itti ta'uufi hariiroon Saalaa waliin qabu akka Saalaan jedhu akka hin taane ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaafa Wiixataa galgala Isloot yeroo dubbatan Saalaan tapha xumuraa isaa Liivarpuuliif taphachuu isaa ''hin beeku'' jechuun himan.

Mohaammad Saalaan waggaa darbe ture waliigaltee waggaa lama Liivarpuul waliin mallatteesseera.

Ammallee Saalaan deebi'ee akka taphatu akka amanan dubbatan.

Isloot Saalaan gara Miilaan akka hin deemne itti himuu isaanii garuu dubbiin isaanii gabaabaa ta'u himan.

''Yeroo baay'ee ani tasgabbaa'aafi nama ofjaju miti, kana jechuun garuu ani dadhabaadha jechuu miti, '' jedhan.

''Akkuma agartan deebisne sababni isaa inni as hin jiru,'' jechuun deebisan.

Yoo taphataan tokko komii akkanaa dhiheesse, ana yookiin kilabichatu deebisuu qaba.

''Itti gaafatamni kiyya tuffatameera jedhee hin yaadu, ani akkasitti hin fudhanne,'' jedhan.

''Boru booda haalicha ilaalla. Yeroo hunda taphataa tokko deebi'ee taphachuuf carraa qaba,'' jedhan.

Haa ta'u malee, Saalaan deebi'ee hin taphatu yookiin tapha isaa xumuraa Liivarpuuliif taphateera isa jedhu amma deebisuu hin danda'u jedhan.

Liivarpuul booda kana qabxii dhabuun rakkoo keessa jira.

Kanaafimmoo akka rakkootti xiinxaltoonni Mohaammad Saalaah eeru, keessumaa ga'umsa amma inni irra jiru.

Saalaan gaaffiifi deebii keessatti badii hundaaf namni ani akka rakkoo ta'etti akka fudhatamu barbaadu jira jedhe.

Isloot kanaaf deebii yeroo kennu yaadi kuni isarratti xiyyeeffachuu isaa akka hin beekne himan.

''Waa'ee eenyu akka inni dubbataa jiru hubachuuf na rakkisa,'' jedhaan Isloot.

Saalaan taphoota sadan darban akka hin hiriirre Isloot godhaniiru.

''Ani akkasitti hin hubanne,'' kan jedhan Isloot, ta'us miidiyaatti dubbachuu hin qaban jechuun himan.

Bakka leenjii yeroon argamuun leenji'aa turuu dubbachuun, yaada inni kenne waan ani hin eegne jedhan.

Ani Saalaa wajjiin dhimma hundarratti waliigalla jechuu miti.

Garuu, taphataan hin taphanne waan akkanaa yoo dubbatu yeroo jalqabaafis yeroo xumuraafis miti jedhan.

''Akka gareetti bara dorgommii baranaa qoramneerra. Furmaata fiduuf yaaleera - kun hojii kiyya.

''Waan baay'ee yaalle. Yeroo Nootingihaam Foorast fi PSV waliin taphannu rakkanneerra. Kanaaf, utubaa dabalataa waliin taphachuuf murteesse,'' jechuun himan.

BBC Sport maddeen irraa akka odeeffateetti, Saalaah gara Xaaliyaanii fudhatanii deemuu kan dhiisan murtee Islootiin akka ta'edha.

Kunis, erga dubbii falmisiisaa taasise booda boqonnaa akka fudhatu barbaadameeti jedhaan maddeen BBC kuni.

Kilabichi Mohaammad Saalaah irratti murtee naamusaa akka hin fudhannees ibsameera.

Jifataan lammii Masrii torban dhufu gaafa Wiixataa Waancaa Afrikaaf imala.

Tapha Pirimeer Liigii Liivarpuul qe'eetti gaafa Sambataa Biraayitan waliin taasisuus taphachuu dhabuu mala jedhameera.

Saalaan Roomaa irraa bara 2017 erga Liivarpuul seene booda galchiiwwan 250 Liivarpuuliif galcheera.

Bara dorgommii baranaa garuu taphoota 19 irratti galchii shan qofa galche.