Paalaas 1-1 Maan Siitii, Arsenaal 3-0 Woolvis - tilmaama Piriimer Liigii torban 16ffaa

Taphattoota Piriimer Liigii

Madda suuraa, Getty Images

Taphoonni Piriimer Liigii torban 16ffaa Sanbata, Dilbataafi Wixata ni gaggeeffama.

Taphoonni afur Sanbata, shan ammoo Dilbata kan gaggeeffaman yoo ta'u, tokko ammoo Wixata gaggeeffama.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan taphoota kanneen kilaba kamitu goolii meeqaan akka mo'atu kaa'eera.

Sanbata

Chelasii v Everten

Chelsiin tapha Arsenaal waliin taphaterratti gahumsa cimaa agarsiisee turullee isaan booda garuu bu'a-qabeessa ta'uu hin dandeneye.

Enzoo Maareskaa tapha kana mo'achuutu irraa eegama.

Everteniif ammoo Keeyiraan Dewusabarii-haal fi Ilimaan Nidaayyeen gahumsa gaariirratti argamuuf.

Tibba kana Chesliin amansiisaa ta'uu baatullee akka mo'atu nan tilmaama.

Tilmaama፡ 2 -1

Liiverpuul V Biraayiten

Mohaammad Saalaah atakaaroo itti uumaa kan jiru Liiverpuul, leenjisaan garee kanaa Arnee Siloot tapha kana dabalatee taphoota itti aanan mo'uun irraa eegama.

Biraayiten garuu garee tilmaamamu miti.

Liiverpuul gahumsa dhaabbataa ta'e agarsiisuun irraa eegama.

Taphni kun wal qixaan xumurama.

Tilmaama፡ 2- 2

Barnilee V Fuulhaam

Barnileen kilaboota kufaa jiran waliin wal dorgomuuf tapha kana mo'achuuti irraa eegama.

Fulhaamillee carraa tarree kilaboota kufanii keessa galuun isaa waan jiruuf yaaddoo qaba waan ta'eef taphni kun murteessaa ta'aaf.

Fulhaam morkii Maanchestr Siitii fi Palaas waliin taasiseen yeroo ilaalamu tapha kanaan qabxii kan argatu natti fakkaata.

Tilmaama: 1 - 1

Asxaa Arsenaaliifi Woolvis

Arsenaal V Woolvis

Taphni kun kilaboota liigicha jalqabarra jiruufi dhumarra jiru gidduutti kan taasifamudha.

Woolvis bara dorgommii hin taane dabarsaa jira.

Arsenaal taphattoota baayyee miidhamaan dhabullee Shaampiyoons Liigii Awurooppaarratti Kilab Biruuzhiin mo'achuu danda'eera.

Kun the Gaaners tapha salphaatti mo'atudha.

Tilmaama፡ 3- 0

Dilbata

Kiritaal Palaas V Maanchester Siitii

Palaas taphoota baayyee akka mo'atu tilmaamullee taphoonni Yuroo Konferaans imalasaanii jalaa gufachiisaa jira.

Siitiinis Shaampiyons Liigii keessatti hirmaachaa waan jiruuf dadhabiin isaa lamaan isaaniitiifidha.

Erliing Halaand goolii akka lakkoofsisu eegullee, Siitiin dirree isaatiin ala gahumsi isaa amansiisaa miti.

Palaas FA Cup irratti Siitii mo'achuun isaa kaka'umsa isaaniif ta'a.

Tilmaama: 1 -1

Notingihaam Forest V Tootenhaam

Forest dirree Awurooppaarratti hirmaachuun isaa imala Liigiirratti dhiibbaa ni qabaata.

Taphoota lama walitti aansee mo'atullee Tootenhaam garee tilmaamuun danda'u miti.

Taphni kun walqixaan akka xumuramu tilmaamuu nan danda'a.

Tilmaama: 1 -1

Asxaa Sanderlaand fi Niwukasil
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sanderlaand V Niiwukasil

Niiwukasil walakkaa torban kanaa tapha Shaampiyoons Liigii Awurooppaarratti hirmaachun olitti dirreesaatiin ala bu'a-qabeessa ta'aa hin jiru.

Sanderlaand toban guutuu qophiirratti waan dabarseef carraa caalu akka qabaatu gargaara.

Taphni kun taphoota torban kanaa keessaa isa filatamaa akka ta'un tilmaama.

Taphni kun ol aantummaa adurroota gurraaleetiin xumurama.

Tilmaama: 2 - 1

Weest Haam V Aston Viilaa

gareen Unaay Emrii Liigicha keessati imala gaarii taasisaa jira.

Weest Haam leenjisa ahaaraa Nuunoo Ispiriintoo Saantoo jalatti bu'a-qabeessa ta'uu jalqabeera.

Viilaan taphattoota goolii baayyee lakkoofsisan qabateera.

Tilmaama: 1 - 2

Bireentifoord V Liids

Liids taphoota darbanirratti morkataa cimaa ta'uu mirkaneesseera.

Bireentifoord dirree isaarratti gahumsi qabu gaarii waan ta'eef tapha kanaaf tilmaamni kennameeraaf.

Dirree isaaniirratti Liiverpuul, Niiwukasil fi Barnilee mo'achuu danda'eera.

Tapha kanaan Bireentifoord akka mo'atun tilmaama.

Tilmaama: 2 - 0

Asxaa Maan Yunaayitid fi Bornimaawoz

Dilbata

Maanchester Yunaayitid V Bornmaaz

Bornimaawoz imala gaarii taasisaa kan hin jirre ta'ullee tapha yeroo darbe Oold Tiraafordirratti turerratti olaantummaa qabatee ture.

Tapha kanarrattis sadii walitti aansuun akka mo'atan nan timaama.

Gareen Ruuben Amoorim fooyya'insa agarsiisaa jira.

Gareen kun ammallee amansiisaa ta'uu baatullee sadarkaa gaariirra jira.

Tilmaama: 1 - 2