Ji'a Ramadaanaa: Tamiriin maaliif Ramadaana keessa filatamaa ta'e, maaliif ammoo gargaara?

Madda suuraa, Getty Images
Hawaasa Muslimaa biratti Ji'i Ramadaanaa ji'a kabajamaa kan waan gaarii (Khayirii) keessa dalagatanidha. Biiftuu baatee lixxu soomuudhaan, akkasumas halkan ibaadaa (kadhannaa) Rabbiitiin ji'i kun dabarfama.
Ramadaanni baranaa kan bara 1444 torban darbe jalqabamee amma soomamaa jira.
Ji'a ramadaanaa kana keessa ji'oota biroo irraa bifa adda ta'een Muslimoonni warra rakkate gargaaruun dabarsu.
Akkuma ibaadaan ji'a kana keessa raawwatamu adda ta'e wantoonni sooratamanillee kan yeroo kaaniirraan adda. Muslimni ji'a kana keessaa shoorbaa, saambusaa, buskutiiwwan mi'ooftuu, tamira irra jireessaan fayyadama.
Muslimni Ramadaana soomu yoo ko'oommatee soorata hin qopheeffatin hafe yookiin yoo sa'atii magiribaa ala jiraate hanga soorata sirnaan sooratu bira ga'utti tamiriitti dhimma ba'a.
Daldaltuun duraan karaarratti wantoota akka maastikaa fi buskutaa daandii gubbaatti gurguraa turte ji'a kana keessa haala adda ta'een tamira gurguruurratti xiyyeeffatti.
Ramadaana keessa tamirii fayyadamuun bu'aansaa maali?
Tamiriin seenaa amantii Islaamaa waliin walitti kan hidhatu firii mukaa fayyaa namaaf faayida qabeessa ta'edha kan jedhan Ustaaz Hasan Taajuu, ''Akka amantii Islaamaatti tamiriitti faxaruun sunnaadha,'' jedhu.
''Sunnaa jechuun waan ergamaan Rabbii (SAW) hojjetan, kan dubbatanii fi arganiis hojiirra oolchan hordofuu jechuudha,'' jedhu Ustaaz Hasan Taajuu.
''Nabiyyuu Mohammad (SAW) wayita Ramadaanaa jalqaba tamiriitti fayyadamaa turan. Hordoftoonni amantii Islaamaas waan ergamaan Rabbii (SAW) hojjetaa turan waan hordofaniif tamiriitti faxaruu itti fufan.'' jedhan Ustaaz Hasan.
Akka Ustaaz Hasan Taajuu jedhanitti tamirii akkuma jirutti soorachuu osoo hin taane lakkoofsi firii tamiriillee sunnaa qaba.
Sababni isaa jedhu Ustaaz Hasan ''Nabiyyuu Mohammad(SAW) Rabbiin lakkoofsota hir'uu (3,5,7,...) akka jaallatu ibsaniiru.
Kunimmoo Rabbiin tokko ta'uu fi shariika akka hin qabne mirkaneessuuf jedhamee amanama.
Kanaaf yoo sunnaa hordofna ta'e lakkoofsi firii tamirii nuti fayyadamnuu hir'uu ta'uu qaba.'' jedhan.
Namni tokko tamirii filatee firii sadi yoo fayyadame akkasuma ajirii caalu argata jechuunis ni ibsu.

Madda suuraa, Getty Images
Nabiyyuu Mohammad (SAW) dur bishaanitti faxaraa turan kan jedhan Ustaaz Hasan namni tamirii of biraa hin qabne bishaanitti faxaruutu gorfama jedhu.
Jecha isaanii kabajuuf jecha hawaasni Muslimaa tamirii yookiin bishaanitti faxaruutu irraa eegama jedhu Ustaaz Hasan Taajuu.
Ergamaan Rabbii kan tamirii fi bishaanitti faxaraa turaniif fayyummaa keenyaaf waan fayyaduuf ta'uu mala jedhan Ustaaz Hasan.
Akka Ustaaz Hasan Taajuu nutti himanitti tamirii ilaalchisee hadiisni (dubbiin ergamaa Rabbii (SAW)) hedduutu jira.
''Nabiyyuu Mahammad(SAW) akka jedhanitti muduraaleee jiran keessaa kan hundeen, jirmi, baallii fi firiin isaa nyaatamu tamirii qofa jedhan.
Hojiiwwan gaggaarii hojjechuu muka tamiriitti fakkeessuun ergaa dabarsaas turaniru,'' jedhan.
''Lubbuun hunduu bishaanirraa akka uumamte Qur'aana Rabbii keessatti taa'eera. Kanaaf bishaanii fi tamiriitti faxaruun gorfama,'' jedhan Ustaaz Hasan Taajuu.
''Ji'a ramadaanaa keessa nyaanni soorannu biyyaa biyyatti adda adda ta'uu mala. Bishaanii fi tamirii garuu hunduu waan fayyadamuuf, hunda walfakkeessa'' jedhan.
Ogeeyyiin sirna nyaataa tamirii akkamiin ibsu?

Madda suuraa, RIZWAN TABASSUM
Dhaabbata sirna soorataa Itoophiyaa 'Food and Nutrition Society' jedhamutti ogeessi sirna soorataa Obbo Abinnat Takilee tamiriin ho'a dandamachuu kan danda'u, bakkatti biqilurraa ka'uunis achii dhufa seenaa qabaachuu isaa ibsu.
Biyyoonni Arabaa hedduun ho'ina waan qabaniif tamirii oomishu. Kanarraa ka'uun nyaata beekamaa isaanii ta'ee tureera.
Saayinsii sirna nyaataa garuu tamiriin akkuma muduraalee kanneen biroo qabiyyeen vaayitaminii isaa hedduu faayida qabeessa ta'uu dubbatu Obbo Abinnat.
Akkasaan jedhanitti hammi vaayitaaminii muduraalee keessa jiru wal haa caaluyyuu malee faayidaan fayyaa keenyaaf qaban guddaadha.
Kaalooriin nuuf kennan gogaa waan hin taaneef jireenya mijataa akka argannuuf nu gargaaru.
Fakkeenyaaf kanneen akka muuzii, tamirii, fi kanneen biroon dhandhama mi'aawaa qaban mi'aayina isaanii qofa osoo hin taane qabiyyee soorataa hedduu nuuf gumaachuu danda'u.
''Muduraaleen kunneen dhibee gogaa, itituu dhiigaa,fi dhibeewwan biroo hedduu nurraa ittisuuf gargaaru.'' jedhan Obbo Abinnat.













