Guyyaatti sa'aatii 20: Ramadaana baranaa biyyoonni sa'aatii dheeraa fi gabaabaa sooman kami?

Madda suuraa, Getty Images
Hawaasa Muslimaa biratti kabaja guddaa kan qabu ji'i Ramadaanaa eegaluuf jira. Garuu sa'atiin soomarratti dabarsan kutaalee addunyaa keessa jiraatan irratti hundaa'a.
Ji'a kana keessa hawaasi Muslimaa obboroo irraa eegalee hanga biiftuun lixxutti guyyoota 29 ykn 30 ta'aniif soomaan dabarsa.
Kanneen soomuun irratti dirqama (waajiba) ta'e osoo soorata kamiyyuu afaaniin hin tuqin oolu.
Rakkoon fayyaa fi kaaniin walqabatu hanga hin jiraannetti Muslimni sooma dhiisuun hin eeyyamamu.
Akka amantii Islaamaatti barri kan lakkaa'amu ji'a ilaaluudhaan waan ta'eef yeroon soomi Ramadaanaa itti eegalu waggaa waggaan ni jijijjirama.
Waggaatti guyyoota 11 duubatti deebi'aa deema.
Biyyoota addunyaa zoonii sa'atii adda addaa keessatti argaman keessattis guyyaatti yeroon soomaan dabarsan garagara ta'a.
Inumaa biyyoota garii keessatti yeroon soomaa hanga sa'atii 20 ta'a.
Argamnii fi Waqtiin biyyootaa sooma irratti dhiibbaa akkamii qaba?
Yeroo ammaa biyyoonni bantii kibbaa ykn mudhii lafaatiin gara kallattii kibbaatti argaman waktii bonaa keessatti waan argamaniif halkan caalaa guyyaan ni dheerata.
Kun Ramadaana waqtii gannaa keessa soomamu caalaa sa'atii dheeraa soomaan akka dabarsan taasisa.
Gama kaaniin biyyoota bantii kaabaaf yeroo ammaa waktii gannaa waan ta'eef sa'atiin soomaa kan yeroo bonaarra ni gabbaabbata.
Dheerinni guyyaa fi halkanii bakkaa bakkatti adda adda. Yeroo bonaa guyyaan yoo dheeratu, yeroo gannaa ammoo akkuma midhii lafaarraa fagaachaa deemnuun halkan dheerataa deema.
Fakkeenyaaf ji'a Ramadaanaa bara kanaan bantii kibbaatti kan argamtu odoola Chiilii kan taate Puyeertoo Wiiliyaamsi keessatti soomi obboroo sa'atii 12:30 irraa eegalee halkan hanga sa'atii 3:00 soomama.

Madda suuraa, Getty Images
Ji'a bonaa keessa, keessattuu biyyoonni Awurooppaa, halkan caalaa guyyaa dheeraa qabaatu.
Gama kaaniin biyyoonni Afrikaa hedduun yeroo ho'a cimaa itti argataniidha, kunis sooma irratti dhiibbaa qabaata.
Sa'atiin soomaan dabarsan biyyoota addunyaa keessatti adda adda ta'uusaaf sababi maal akka ta'e hubachuuf BBCn miseensa koree Naayijeeriyaatti addeessa ilaalan kan ta'an Simwaal Usmaan Jibriil dubbiseera.
Soomi nama Muslima ta'erratti dirqama, garuu sa'atiin soomaan dabarsan waktii waggaa irratti hundaa'uun garagara ta'a jedhan.
''Biyya gariitti Muslimoonni guyyaatti hanga sa'atii 20 soomu. Ammoo biyyoonni sa'atii 10 caalaa hin soomnes jiru,'' jedhan hayyuun amantii kun.
Biyya kam keessatti sa'aatiin soomaa dheerata?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Simwaal Usmaan Jibriil biyyoota kaaba Awurooppaa fi naannawa Arkitik keessatti soomi guyyaatti sa'atii dheeraa akka soomamu ibsan.
Akka ibsa isaaniitti fakeenyaaf Tromso-Norway keessatti ganama sa'atii 2 hanga halkan keessaa sa'atii 4 soomama.
Ayislaand, Reykjavik keessatti ammoo ganama sa'atii 2 hanga halkan sa'atii 3 soomama.
Murmansk, Raashiyaa, Istookoom- Siwiidiin keessatti ganama sa'atii 12 hanga galgala sa'atii 1 soomama akka ibsa hayyuu amantii Islaamaa kanaatti.
Simwaal Usmaan Jibiriil akka jedhanitti biyyoonni kunneen sa'atii dheeraan soomaan dabarsu, sababni ammoo mudhii lafaarraa fagoo waan jiraniif.
Biyyoota mudhii lafaarraa fagoo jiran keessatti wayita wakqtiin bonaa as deemu kanatti aduun osoo hin lixin yeroo dheeraaf turti.
Akka namni kun ibsanitti Ramadaanni baranaa wayita biyyoonni kunneen waktii bonaatti seenan dhufe.
Kanaafuu yeroo dheeraaf aduu argu, kun ammoo sa'atii soomaa dheeressa.
''Ramadaanni lakkoofsa baraa Islaamaa addeessarratti hundaa'uun taliigama. Akkaataa lakkoofsa kanaan waggaa waggaan barri guyyaa 10 ykn 11 duubatti deebi'a. Ji'i Ramadaanaa waggaa waggaan jijjiirama. Kana jechuun yeroon soomaas akkasuma jijjiirama jechuudha'' jechuun ibsan namni kun.
Dhiibbaa guddaan kan uumamu biyyoota aduun keessatti tasa hin lixnedha. Haala akkasii keessatti beektonni amantii Islaamaa wayita gorsan ''Muslimoonni biyyoota akkasii keessa jiran Makkaa hordofuu akka qabanidha. Makkaan bakka halkanis guyyaas qabdudha,'' jedhu Simwaal Usmaan Jibriil.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoota sa'aatii soomaa gabaabaa qaban
Akka hayyuun amantii Simwaal Usmaan Jibriil jedhanitti biyyoonni mudhii lafaatiin kallattii kibbaatti argaman yeroo soomaa gabaabaa qabaatu.
Kunneen fakkeenyaaf Ushuwaayiyaa, Arjantiinaa sa'atii 11, Punta Arenas, Chiilii sa'atii 11, Kiraayitscharch, Niwu Ziilaand sa'atii 11, Keep Taawon, Afrikaa Kibbaa sa'atii 12.
Simwaal akka jedhanitti Ramadaanni baranaa ji'a Guraandhalaa wayita waktiin bonaa biyyoota kibba mudhii lafaatti argamanitti eegalu waan jalqabamuuf guyyaan ni gabaabbata.












