Icciitii Itoophiyaan turistoota addunyaan akka filatamtu taasise maalidha?

Gaara Sannaatee, Baalee

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Amma yeroo kamiyyu caalaa sadarkaa idil-addunyaatti turiizimiin dadammaqaa jira. Gabaasaaleen akka agarsiisanitti bara 2025 keessa turistoonni bilioyoona 1.5 ta'an biyyoota gara garaa daawwataniiru.

Itoophiyaan tarree biyyoota addunyaa daawwataman keessaa ishee tokko ta'uun eeramteetti.

Akkaataa safartuu turiizimii idil-addunyaa dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) kaa'een, lakkoofsi daawwattootaa dhibbentaa 4'n dabaleera. Kun ammoo weerara koronaatiin dura ture waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamuttidha.

Addunyaarratti daawwattoota baayyee kan keessummeessitu Awurooppaadha. Lakkoofsi daawwattootaa bara 2024 keessa ture bara darbe kana keessa dhibbentaa 6'n dabaleera.

Bara darbe kana keessa qofa namoonni miiliyoona 800 Awurooppaa daawwataniiru.

Sadarkaa idil-addunyaatti biyyoota lakkoofsa turistootaa olaanaa galmeessan keessaa Biraazil (%35), Butaan (%30), Masirii (%20), Itoophiyaan (%15), akkasumas Siishels (%13) warra dabalan keessatti eeramaniiru.

Hoji-gaggeessaan dhaabbata turistoota daawwachiisu Reeviigortee jedhamuu Istiien Viigor, " biyyoonni kunneen akka hawwata turiizimii ta'uun beekamaa dhufaniiru," jedha.

Itti aansuun biyyoota tarree dhaabbata World Tourism Barometer jedhamu keessa galaniifi biyyoota lakkoofsi turistii itti baayyachaa dhufee ilaalla.

Itoophiyaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2025 keessa hangi turistii Itoophiyaa dhibbeentaa 15'niin dabaleera.

Guddina turiizimii waliigalaa Afrikaa keessatti argameen kan Itoophiyaa dhibbentaa 8 qabateera.

Tarreeffama bahe keessatti guddina turiizimii biyyoota agarsiisan keessaa tokko Itoophiyaa taateetti.

Turiizimiin sababa waraana Tigraay keessa tureen qabbanaa'ee ture erga balaliiwwan jalqabanii booda deebiyee foyya'uun isaa ibsameera.

Gama investimentiin fooyya'insa jirutti dabalatee imaltoonni Itoophiyaa daawwachuuf deemaa jiraachuunis ibsameera.

Sochiiwwan akka 'Visit Oromoia' ykn 'Visit Ethiopia' jedhamanii, akkasumas fooyya'insa hoteelotaafi dhaabbileeen tajaajila kennan biroo fooyya'uun fedhiin turistootaa akka guddatuuf gahee bahateeru qaba.

Hundeessaan dhaabbata daawwachiisaa Newpath Expedition Yoorg Saalaas -Guveeraa, "imaltoonni maamiltoota keenya yeroo dheeraa ta'an fedhiin iisaan gara Itoophiyaa deemuuf qaban dabaleera.

Turistoonni waggootaaf karoora imala isaanii jijjiiraa turanis yeroo ammaa imaluudhaaf qophiidha," jedha.

Dargaggoonni taateewwan addabaabaayii isaan hawwatuun Itoophiyaatti imaluu barbaadan lakkoofsi isaanii dabalaa dhufuu ibsu.

Hoji-gaggeessaan dhaabbata turistoota daawwachiisuu Tumbuktuu Joonii Piriins akka jedhutti, erga bara 2024 hanga 2025 gidduu fedhiin gara Itoophiyaatti imaluu dhibbentaa 40/n dabaleera.

"Turistoonni gara Itoophiyaa fi Masiriitti sodaa tokko malee imaluu jalqabaniiru. Bara kana keessa gareewwan barnootaa Itoophiyaa daawwachuudhaaf galmaa'an 20 olidha," jechuun ibsa.

Keessumaa Itoophiyaan turistoota warra haftee qaamaa, aadaa sabaarratti qorannoo gaggeessan, akkasumas uumamni isaan hawwatuuf filatamtuu ta'uushee ibsa Salaas-Gueeraa.

Bataskaanni Laaliibalaa dhakaarraa hojjetame, masaraan mootummaa Gondar, akkasumas gaarreen Kaabaa bakkeewwan hawwata turistootaa ijoo ta'an keessatti argamu.

Turistoonni Gaareen Kaabaatti jaldeessa Cilaaddaa warri daawwataniifi gara Omoo deemuun daawwachuu barbaadan baayyeedha.

Taateewwan aadaa baroota baayyee lakkoofsisan daawwachuuf turistoonni gara Itoophiyaa dhufanis haalaan dabaleera.

Masirii

Muuziyeemichi piraamidootatti dhiyoo ta'uun turistootaf salphaa taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Muuziyeemichi piraamidootatti dhiyoo ta'uun turistootaf salphaa taasiseera.

Masriitti turistiin dhibbeentaa 20 dabaleera. Weerara Koronaatiin booda biyyoota turiizimiin isaanii saffisaan guddate keessaa tokkodha.

Salaas-Gueeraa akka jedhutti, Muuziyeemiin Guddichi Masirii hawwiin eegamaa ture banamuun turistoota hawwachaa jira.

"Muuziyeemii waggoota 20'f eegamaa turedha. Muuziyeemichi hanga banamutti eegaa warri turaniifi kanneen biroo bakkeewwan hawata biroo biyyattii daawwachuuf karoora qaban dhufaa jiru," jedha.

Muuziyeemichi piraamidootatti dhiyoo ta'uun turistootaf salphaa taasiseera.

Piriins akka jedhutti lakkoofsi turisgtootaa dhibbentaa 50 kan dabale ji'oota bara 2024 hanga bara 2025 jiran gidduuttidha.

Masitiin turistootaaf nageenyishee kan eegame ta'uun maatiin ijoolleesaanii waliin akka imalan, akkasumas dubartoonni qophaa isaanii gara biyyattii deemuun akka daawwatan taasiseera.

Bara 2027 gaaddiddeessuu Aduu Masiriitti ilaaluuf turistoonni eegaa jiranis jiru.

Bashannani Laga Naayilirratti taasifamu taateewwan turistoonni filatan keessaa tokkodha.

Lakkofsi turistii Biraazil galmeessisa ajirtu waggaaraa waggaatti dabalaa jira.

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Lakkofsi turistii Biraazil galmeessisa ajirtu waggaaraa waggaatti dabalaa jira.

Biraazil

Lakkofsi turistii Biraazil galmeessisaa jirtu waggaarraa waggaatti dabalaa jira.

Bara 2025 turistoonni gara biyyattii deeman dhibbeentaa 37'n guddateera.

Tarkaanfii Birfaazil turiizimii addunyaa guddisuuf fudhatte jijjirama guddaa fideeraaf.

Pirezidantiin waajira turiizimii addunyaa Biraazil Maarselloo Fireeskoo, " daandiiwwan imala xiyyaaraa haaraa diriirsuun turiizimii addunyaa Biraazil guddisaa jira," jedha.

Pirezidantiin Hoteela Maayinar Maarkoo Amaaraaliim yaada kana waliin waliigalu.

Olompikiin Riiyoo keessatti gaggeeffame, akkasumas waancaan addunyaafi waancaan addunyaa bara dhufu eegamu turiizimii Biraaziliif murteessoodha.

Biraazil muuziqaa fi nyaataan maqaa gaarii horachaa jirti.

Turistoonni uumamaaf dursa kennaniifi maatii isaanii waliin imaluu barbaadan lakkoofsi isaanii dabaleera.

Biraazil qarqara galaanaa kiiloomeetira 9,000 ol ta'u qabdi. Bakka argama hawaasa ganamaatis.

Hoji-gaggeessituun Globalision Access Jiizeel Abiraahoo akka jettutti bakkawwan hawwataafi taateewwan jiran sirnaan beeksisuun gahee olaanaa qaba.

Hawaasa bakkeewwan hawata turistii ta'aniif dursa kennuunis barbaachisaa ta'uu eerti.

Siishels bakka bashannanaa caaqulaa (yeroo mishirrummaa) waan taateef, hawwata turistii biroos beeksisaa jirti.

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Siishels bakka bashannanaa caaqulaa (yeroo mishirrummaa) waan taateef, hawwata turistii biroos beeksisaa jirti.

Siishels

Siishels turistoota gara biyyattii deeman dhibbentaa 13'n guddisuu dandeesseetti. Gabatee turiizimii Afrikaa irratti warra adda durummaan eeraman jkeessaati.

Ministeerri biyyattii walooma mootummaa fi abbootii qabeenyaa gidduu jiru ni jajjabeessa.

Barreessaan ministeera turiizimii biyyattii akka dubbatanitti, turiizimiin biyyattii akka guddatuuf waloomni kun gahe egudda ataphateera.

Siishels bakka bashannanaa caaqulaa (yeroo mishirrummaa) waan taateef, hawwata turistii biroos beeksisaa jirti.

Hoji-gaggeessituun Anaanaatiraa Maayaa Siishels Viilaas, Naajii Eestaa, "bashannana galaana qarqaraarratti dabalataan bishaan fincaa'aa daawwachuu, tapha abidda biraa fi nyaata gaarii dhiyeessina," jetti.

Siishelsiin baayyinaan kan daawwatan dhirsaafi niitii ykn jaalalleewwan lamaanidha.

Butaan akkuma safartuu omishtummaa dinagdee biyya keessaa, gammachuu ummataas akka safartuu milkaa'inaatti ilaaluun beekamtuu taateetti.

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Butaan akkuma safartuu omishtummaa dinagdee biyya keessaa, gammachuu ummataas akka safartuu milkaa'inaatti ilaaluun beekamtuu taateetti.

Butaan

Gaarreen Imaaliyaasitti dhiyoo kan jirtu Butaan, yeroo jalqabaatiif karrashee turistootaaf banaa kan goote bara 1970 ture.

Bara 2025 keessa qofa turstiini biyyattii daawwatu dhibbentaa 30'n dabaleera.

Turistoonni guddina waaraa Butaaniif kan oolu guyyaa guyyaan dulaara 100 kaffalu. Kun ammoo bakkawwan hawata turistootaa ammayyeessuuf, akkasumas biyyattii fayyaduu kan ta'udha.

Ministirri muummee duraanii Butaan Dr. Lotaay, "biyya keenyaafi aadaa keenua kka daawwataniif turistoota gosa hundaa ni hafeerra. ISaanirraa barachuufis qophiidha" jedheera.

Hoji-gaggeessaan Imaaliyaas Iikkoo Yashiin Gool, "turistoota bakkawwan hawwatoo ammayyaa isaan nuffisiiseef filannoo gaarii taateetti," jedhu.

Biyya baayyee yeroo daawwatanitti turistoota 'miira gadi fagoo"dhabaniif fala ta'uun maqaa gaarii horatteetti.

Biyyattiin gaarreen kan itti baayyatu waan taateef turistoonni motorsaayikiliidhaan (doqdoqeedhaan) deemanii daawwachuu filatu.

Yeroo dheeraaf qalbii ofiitti deebiyanii turuudhaaf, akkasumas tasgabbaa'uudhaaf bakka turizimii filatamtuudha.