Turistoonni guyyuu Holqa Soofumar gahanii osoo hin daawwatiin deebiyaa jiru, maaliif?

Aanga'oota mootummaa Holqa Sofomor yeroo daawwatan

Madda suuraa, MM Abiy Ahmad

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Godina Baale Bahaa Aanaa Daawwee Qaachanitti kan argamuu Holqi Soofumar, Finfinnee irraa Kiiloomeetira 536, Magaala Roobee irraa ammoo Kiiloomeetira 100 ta'urratti argama.

Soof Umar nama amantii Islaamaa barsiisaa turan yoo ta'an, bakka kana filachuun jiraachaa waan turaniif Holqi kunis maqaasaaniin akka moggaafame himama.

Holqi lafa jala kiiloomeetira 15 akka dheeratu himamu kuni Hambaa addunyaa ta'uuf galmee yeroo UNESCO irratti kan galmaa'edha.

Holqi kuni bakka hawwataa turistii hedduun daawwatamuu ta'ulleen hanqina bu'uuraalee misoomaatii fi fageenya irraa kan ka'e waggootaaf hammeentaan Turistii bakka seenaa kana daawwatuu gadi aanaa ture.

Pirojektii 'Maaddii Biyyaa' jedhamu kan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad hojiirra oolchanii fi madda maallaqaa gurgurtaa Kitaaba isaaniirraa argamuun Bakki seenaa kuni amma bifa haaraan daawwattootaaf mijeeffamaa jira.

Ji'ootaan dura Ministira Muummee Abiyyi Ahimad Dabalatee ministiroonnii fi angaa'onno olaanoon biyyattis holqa Soofumar kan bifa haaraan haaromfamaa jiruu fi qabeenya Turizimii Baalee keessaa daawwachuun isaanii niyaadatama.

Holqa kana dabalatee iddoowwan qabeenya turizimii dilbii Baale qabdu kana Dr. Abiyyii yeroo adda addaatti midiyaa irratti yeroo beeksisan erga dhagahamee ammoo baayinni turistoota gara sana dhufanii dabaluu himu kanneen hojii daawwachiisuu hojjetan.

Holqi Soofumar akka turizimiif ta'utti haaromfamaa jiru kuni amma xumuramee tajaajilaaf banaa hin taane.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ta'us hanqina Odeeffannootiin Turistoonni biyya keessaa hedduun guyyaa guyyaan fageenya dheeraa kana imaluun erga bakkicha gahanii seenuun akka hin danda'amne baruun achii deebi'aa jiru.

Holqa soofumaritii waggoota hedduuf hojii daawwachiisummaa hojjechaa kan turee fi ammas hojii turistoota daawwachiisuu irratti kan bobba'e daawwachiisaan BBCn dubbise guyyaa guyyaan konkolaataan lamaa fi sadii osoo hin dhufne hin oolu jedha.

"Keessumaa erga ministirri Muummee Dr. Abiyyi waa'ee holqa soofumar kana paarlaamaa irratti dubbatani namni garana dhufu dabaleera. Holqi soofumar daawwattootaaf banaa hin taane"

"Garuummoo holqi kuni daawwannaaf banaa hin taane jedhee namni odeeffannoo uummataa kenne hin jiru" jedha.

Sababa kanaafis namootni hedduun gareedhaan konkolaataa qabatanii fageenya dheeraa kana erga dhufanii ofirra deebi'aa oolu jedhan.

"Tajaajila hin jalqabne jedhamee himamuu qaba. Namni waanuma TV irratti argeef banaa se'ee dhufa. Barattoonni gareedhaan, namootni gareedhaan magaalota akka Finfinnee, Adaamaa fa'a irraa dhufu" jedha daawwachiisaan kuni.

Holqa Sofomor

Madda suuraa, Visit Oromia

Bakki hawwata turizimii, Holqi Soofumar kuni daawwattootaaf banaa kan hin taane ta'us, daawwattoonni tokko tokko haala adda ta'een seenanii akka daawwatan heeyyamamuun namoota kaan dogogorsiisaa jira jechuunis itti dabala.

Komishinara Itti aanaan Komishinii Turizimi Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo, Holqi soofumar hanga xumuramee banamutti daawwattoonni obsaan eeguu qabu jechuun dhaaman.

"Hamman odeeffannoo qabutti hojii holqa kana keessati hojjetamu saffisaan hojjetamaa jira. Hanga ijaarsi xumuramutti daawwattootaaf banaa hin taane. Hangasitti uummanni obsaan eeguu qaba" jedhan.

Turistoonni biyya keessaa Holqa kana daawwachuuf imala jalqabuun duras odeeffannoo gahaa qabaachuu fi adda baafachuun barbaachisaadhas jedhan.

"Baale bakka turizimii hedduu qaba. Namni Holqa kana daawwachuuf bahe erga Baale gahee inni cufaa ta'e jedhee deebi'u hin qabu. Erga achi gahanii paarkii gaarreen baalee fi Diinshoo kaanis akka daawwatanin gorsa" jedhan.

Baale gama turizimiitiin xiyeeffannaa erga argatee lakkoofsi turistoota biyya keessaa fi alaa gama sana deemanii daawwatanii fi daawwachuu barbaadanii dabalaa dhufuus eeran.

Kanuma faanas turistoota garas imalaniif bakka turmaataa gahaa akka qabaatanii fi jiraattonni naannoos turistoota kanaaf waan barbaachisu dhiheessuun ofiifis gali akka argataniif hojjetamaa jiraachuu himan.

"Hoteelonni maamila hedduu argachaa jiru. Kanaan alatti namni kaampiidhan bulus jira. Daawwachiistoni baayyeen jiru. Maamila hedduus qabu. Faayidaa guddaas irraa argachaa jiru."

"Daandii qilleensa itoophiyaa guyyaa guyyaan gara sanatti balallii waan qabuuf namni baayinaan garas deemaa jira. Baale turistii baayyee hawwachuuf humna qaba. Sadarkaa sanaan ammoo waan barbaachisu qophaa'uun hojii guddaadha" jedhan.