Arsenaal akka amalasaa galgala keessa sigigaachuu jalqabee?

Taphattoota Arsenaal

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Dubbiin Arsenaal 'amalliifi tulluun hin godaanu' isa jedhan ta'aa jira fakkaata- gabatee Piriimerliigii dursaa turee galgala keessa duubatti deebi'uu. Torban tokko dura qabxii sagaliin dursee lafa dhiitaa ture.

Kaleessa kanniisota Bireentifoordiin hiddamee 1-1 wal-qaixa qabxii qooddatee gale. Garaa garummaa Maan Siitii waliin qabu ni guddisa jedhamee osoo eegamuu danqame. Amma qabxii afur qofaan Maan Siitii irraa fagaatee liigicha dursaa jira.

Arsenaal waggoota darban akkuma bara kanaa liigicha dursaa osoo jiruu taphoonni muraasni yeroo hafan sigigaataa ture. Baranas carraadhuma wal-fakkaataatu isa eeggata moo taphoota hafan cichee mo'ata?

Ammas taanaan Arsenaal garaagarummaa qabxii afuriin liigicha dursaa waan jiruuf biiftuun itti hin lixne. Taphoota hanga ammaa taphate keessaa sadi qofa injifatame. Kilaboota waancaa Piriimeerliigiif morkataa jiran keessaa tokkoodha.

Akkaataan itti Maan Siitiin duuba qaxxisaa jiru garuu sodaachisaadha. Garaa garummaa Siitii waliin qabu dhiphisuu dhabuun muddama keessa galcheera.

Silaa osoo kaleessa Bireentfoord injifatee tapha ittaanu Wolvis irra aanee, osoo Siitiin hin taphatin dura garaa garummaa jiru qabxii sagalitti guddifata ture.

Maan Siitiin kanaan dura akkanuma duubaa ka'ee Arsenaal bira darbuun waancaa nyaachuu muuxannoo gaarii qaba.

Liigichi dhumuuf taphoonni 12 yeroo hafanitti, haala kanaan dura Arsenaal itti liigicha osoo dursuu duubatti deebi'uufi haalli inni amma itti jiru waan Arsenaaliif ta'u hin fakkaatu.

Arsenaal taphoonni 12 osoo hafanuu liigicha dursaa osoo jiruu kan mo'ate yeroo shan keessaa yeroo tokko qofaadha. Kanaaf mammaaksi "amalliifi tulluun hin goodaanu' jedhu Arsenaal ibsuu mala- osoo dursaa jiruu sigigaachuun lammaffaa ykn sadaffaan xumuruu.

'Waca Arsenaal amala sigigaachuu bare jalqabe jedhu hin dhageenyu'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waa'ee Arsenaal waancaa nyaachuuf falmii taasisuufi shakkii deeggartoonni kilabicharraa qabanii Arteettaan gaafatamee "waca deemaa jiruuf gurra hin qabnu" jechuun taphoota hafan irratti akka xiyyeeffatu ibse.

Leenjisummaa Arteettaa jalatti Arsenaal lammaffaan xumuruun araada itti ta'eera. Arteettaan garuu waancaan keenyuma jechaa jira.

Manchestar Siitiin Dilbata darbe Liivarpuul, Roobii ammoo Fuulhaam irratti duraa duubaan injifannoo argachuunsaa Arsenaal rifaasisuun hin oolle. Garaagarummaa silaa qabxii sagal ta'u afuritti gadi buusera.

Manchestar Siitiin erga mo'atee booda taphachuun dhiibbaa isinirratti uumeraa? jedhamee kan gaafatame Arteettaan: "Lakki, natti hin fakkaatu, taphoota heddu erga Siitiin taphatee booda taphannee baay'ee itti milkoofnee beekna," jechuun deebise.

Diklaan Raayis taphi Bireentfoord waliin taasisan cimaa ta'uu ibsuun, "waca alaa dhufuuf gurra hin laannu" jedhe yaada kenneen.

"Dorgommiin itti jirru salphaadha jedhanii yaaduun gowwummaadha. Torban dhufaa darbaa kilaboota ciccimoo ta'an waliin taphataa jirra. Ofitti amannee cimnee duratti deemuu qabna.

"Waca alaa dhagahamu dhagahuu hin qabnu," jedhe.

Taphattoonni murteessoon yeroo murteessatti miidhamuu

Arsenaal taphataa sarara ittisaa murteessaa ta'e Wiiliyaam Saliibaa malee gara Bireentford imale- Saaliibaan sababa dhukkubsateef hin taphanne.

Gabreel Magaaleez waliin ta'uun utubaa dudduba Arsenaal kan ture Saliibaan dhabamuun tapha Bireentfoord irratti Arsenaal akkaan qorame.

Bara 2022-23 Saliibaan gaafa hiriiru, Arsenaal carraa mo'achuu 68.6% qaba. Yeroo inni hin jirre ammoo carraa mo'achuu Arsenaal 42.1%.

Kaayi Haveertz miidhamarraa deebi'ee heddu osoo hin turin waan miidhameef tapha Arsenaalifi Bireentfoord irratti hin hiriirre.

Arsenaal waggoota dhiyoo as yeroo sadi sadarkaa lammaffaan yeroo xumure keessaa si'a lama Manchestar Siititu waancaa nyaate- kanaaf Arsenaal godaannisa baatee deema. 'Lammaffaa bahuun amaluma Arsenaali' kan jedhu bara kana hambisuu barbaada.

Garuummoo deemsi amma itti jiru shakkii keessa kan galchuudha. Akkaataan itti Siitin taphoota darban injifataa jiruufi Arsenaal itti qabxii gatu walii faalladha. Arsenaal dhumarra gahee sigigaachun amalasaati isa jedhamu dhugoomsaa jira kan jedhan jiru.

Arsenaal waancaa nyaachuuf carraa akka bara kanaa hin argatu jedhu xinxaaltonni kubbaa miilaa. Arteettanis bara kana waancaa Pirimeerliigii nyaachuun abjuusaa akka ta'eefi milkeessuuf waan qusatu akka hin qabne ibseera.