Siitiin duubaan qaxxisee Arsenaal bira ga'uun morkii waancaa cimsataa jira, Gaaners irraa har'a maaltu eegama?

Erliing Haalaand fi Fil Fooden
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Peep Gaardiyoolaan duubaan Arsenaalitti qaxxisuun morkii waancaa Piriimer Liigii mo'achuuf taasifamu akka cimsu abdii qabu ibseera.

Maanchistar Siitiin kanuma godhaa jira.

Injifannoo Dilbata darbe Liiverpuul irratti argatan Roobii kaleessaa Fulhaam irratti dabaluun falmii waancaaf taasisan cimsaniiru.

Gareen Gaardiyoolaa amma garee Arteettaa itti dhihaatee hordofaa jira, biraa hafaa hin jiru.

Arsenaal tapha tokko qabaatus, tapha kaleessaan garaagarummaasaanii qabxii saditti xiqqeessaniiru.

Gareen Mikeel Arteettaa Kamisa har'aa gara Bireentifoord imaluun falmata. Garaagarummaa qabxii gara ja'aatti deebisuun dirqama itti ta'a.

Garuu Siitiin garaagarummaa qabxii saditti galchuun morkii cimsuun Arsenaalitti dhiibbaa uuma.

Kun ammoo qabxii Arsenaal miidhuu danda'a.

''Tapha Anfiildi dura qabxii sagal nu dura turan, garuu hanga taphannutti. Tapha Bireentifoord fi Arsenaal dura garaagarummaa qabxii saditti galchineerra, kunis hanga taphi kun taphatamutti,'' jedhe Gaardiyoolaan.

''Ga'umsa ofii fooyyessuuf xiyyeeffannaan hojjechuun murteessaadha. Daqiiqaa 90 keessatti ga'umsi keenya walfakkaatee itti fufuu qaba. Akkamiin garee fooyya'aa taana, taphattoonni waan nurraa barbaachisu akkamiin milkeessu kan jedhu xiyyeeffannaa barbaada,'' jedhe.

''Xiinsammuun keenya waan feenu milkeessuuf qophiidha. Garee faallaa miidhuuf akkasumas miidhaa garee faallaa ofirraa ittisuuf ga'umsa qabna. Kana gochaa jirra.''

'Ammas dabaluu qabna'

Peep Gaardiyoolaa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Injifannoon Anfiildi irratti argatan akka taphattoonni Maanchistar Siitii fi Gaardiyoolaan falmii waancaaf onneeffatan taasiseera.

Siitiin bara kana milkii gaariirra hin jiru, garuu taateen kun Arsenaal duubaan hordofuun akka bira darbuu danda'aniif hamilee ta'eef.

Siitiin waancaa injifachuurratti kilaba muuxannoo qabuudha. Akkamiin akka bira ga'u bareechee beeka.

Baroota taphaa darban saddeet keessaa ja'a irratti milkaa'aniiru. Arsenaal ammoo kana keessa hin jiru. Garuu baroota taphaa sadan darban lammaffaan xumure.

Itti dhihaate malee waancaa hin nyaanne. Barana garuu hanga kana itti dhihaatee biraa deebinaan kan komatamuu qabu isuma mataasaati jedhee ture Arteettaan.

Taphattoonni gameeyyiin duraanii akkaataa Siitiin itti Arsenaaliin morma qabaa jiru irratti yaadasaanii kennaniiru.

Gooli eegaan duraanii Maanchistar Siitii Shay Given BBC Radio Live faana gaafa dubbatu: ''Ammallee dadhabinni ykn qaawwi nuti hin argine jiraachuu mala. Garuu hunduu waan ittiin irra aanaan qopheeffatanii qabu jedheen yaada. Akka hin mo'amneef mala qopheeffatan qabu.''

''Ga'umsi isaanii Dilbatarra ture, xiinsammuun isaanii baayyee cimaa ture. 'Carraan kun keenya' jechuun hojjetaa jiru.''

Jifataan duraanii Ingilaand Alaan Shiirar sagantaa BBC Match of the Day jedhamutti akkas jechuun dubbate.

''Yoo dursanis waan nama ajaayibuu qabu miti. Keessattuu tapha torbee dhumaa booda, ofitti amanamummaansaanii guutuu ture. Humni guutuu, xiinsammuu cimaa qabu,'' jedhe.

''Galgala kanas (Roobii galgala) hojiimasaanii hojjetan. Arsenaal irra dhiibbaa kaa'aniiru. Garaagarummaa qabxii saditti xiqqeessaniiru.''

Amma Arsenaal irraa waan guddaatu eegama. Gaanars tapha Kanniisota faana taasisu irratti dhiibbaatu itti heddummaata.

Garaagarummaa qabxii ja'atti deebisuutu irraa eegama.

Gareen Arteettaa erga Siitiin Roobii galgala ga'umsa olaanaadhaan Fuulhaam injifatee waan hirriiba gaarii rafee bule hin fakkaatu.

Siitii fi Arsenaal tapha xumuraa Waancaa Karabaawoo Dilbata Bitootessa 22, 2026 taphatamuun walitti dhufuuf jiru.

Taphi kunis dorgommii waancaa Piriimer Liigiif taasisan keessatti qooda guddaa gumaacha. Abbaan mo'ate xiinsammuu cimsata. Hamilee guddaa horata.

Seenaa dhiheenya kanaa akka mul'isutti kilaboota waancaa kana injifatan 12 keessaa torba waancaa biraa liigichaa nyaataniiru.

Kun Wembilii irratti injifachuun hangam akka hamilee namaa gabbisu mul'isa.

Kilaboonni lameen Ebla dhufu dorgommii Piriimer Liigiin Itihaad irratti wal morkatu.

Ammoo kilaboonni lameenuu yoo dorgommii Waancaa FA keessatti hanga xumuraatti deemuu danda'an yeroo sadaffaaf walitti dhufuu danda'u.

Arsenaal jijiirraa Amajjiin taphattoota bite hin qabu. Siitiin garuu taphattoota lama argateera. Antooniyoo Semeniyoo erga kilabicha seenee goolii shan galcheeraaf.

Maark Geehii ammoo kilabichatti akka gooliin hin galle gumaacheeraaf.

Gaardiyoolaan gareensaa ''yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira,'' jedhe.

''Nu waliin jirra. Kubbaas tasgabbiin taphanna. Keessattis alattis miira gaarii keessa jirra. Waliigalatti ga'umsa gaariirra jirra,'' jedhe.

''Har'a Fuulhaamitti baayyee dadhabneerra. Anfiildirratti erga injifannoo argannee booda kun salphaa hin turre. Garuu baayyee irratti dubbanne. Kana ammas dabaluu qabna jenne. Kunoo milkeessineerras.''